'Akkamitti akka dhaabbatu kan beeku, kan kufedha'.....Pirof-: Bizunesh Midhaaksaa...
Piroofeser Bizunesh Miidhaksaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa yeroo kufte ishee qofa osoo hin taane hawwaasni naannoo ishee abdii kutatee ture.
Sababni isaa barattuu cimtuu waan turteef qabxii guddaa fiddi jedhee manni barumsaa ishees hawwaasnis ishee eegaa ture.
Daarikterri mana barumsaa ishee irra deebitee qoramuu akka qabdu ishee amansiifnaan ammas qophooftee qoramte.
Qabxii 4.00 fiddee darbite. Sana booda imalli jireenya ishee ajaa'iba.
Kutaa 12tti milkaaโuu dhabuu isheetiin maatii baayโeen ijoollee dubaraa isaanii mana barnootaarraa deebisuudhaan heerumsiisuu eegalan.
Amma garuu Bizunesh Miidhaksaa pirofeseraa fi Itti Aantuu pirezidaantii Yuunvarsiitii Ambooti. Seenaa addaa qabdu BBCtti Himteetti.
Maal jechuu barbaade seetu fakkeenyummaa ishee kanarraa...
ย ย ย ย ย ย ย ย ๐Milkaa'uuf!
1.xiiqii qabaadhu!
Xiiqiin kakkaastuu (stimulant) waan yaadnee ittiin hojjeenudha. Xiiqiin aarsaa milka'insi nurraa barbaadu bahuuf qophii ta'u keenya kan agarsiisudha. Xiiqiin inaaffaa, haaloo, nama irratti ka'uu, jibbaa ofย keessa kan hin qabne fi tattaaffii gaarii nutti guyyuun bahanudha.
Xiiqiin kaayyoo,mul'ataa fi galmaa of keessaa qabdi.
2. dharraa qabaadhu!
Gurbaa tokkotu Sooqiraaxis bira deemee icciitii milkaaโinaa gaafate. Sooqiraaxisis ganama laga biratti akka wal-argan beellamee geggeesse. Ganamas laga biratti erga wal-arganii booda, Sooqiraaxis gurbicha waamee waliin bishaan seenan. Bishaanicha keessa utuu deemanii wayita bishaan morma isaan gahu, Sooqiraaxis mataa gurbichaa qabee, bishaan keessa gadi seensise.
Gurbaanis waan ukkaamameef, bishaan keessaa ba'uuf wixxxiffachuu eegale. Garuu, Sooqiraaxis humnaan waan isa caaluuf,ย bishaan keessaa ol-ba'uu hin dandeenye. Wayita gurbaan baay'ee oollatu Sooqiraaxisย mataa isaa bishaan keessaa ol baaseef! Gurbichi akkuma bishaan keessaa ol-ba'een jalqaba hafuura dheeraa baafate. Itti aansee Sooqiraaxis akkas jechuun gurbicha gaaffii gaafate.
โWayita bishaan keessa turtetti waan ati bay'ee barbaadaa turte maalidha?โ.....Jedheen! Gurbaa ammoo , โQilleensa!โ jedhee deebiseef! โEgaa kun icciitii milkaa'inaati. Akkuma wayita bishaan keessa turte sana qilleensa dharra'aa turtetti, milkaa'ina yoo dharraate ni argattaโ jedhee deebiseef Sooqiraaxas.
Dharraan bu'uura milkaa'inaati! Milkaa'inni dharraadhaan eegala. Ibiddi xiqqoon waan baay'ee gubuu hin dandeessu. Dharraa xiqqoonis bakka guddaan nu ga'uu hin dandeessu!
Naapooliyoon Hiil namichi jedhamu sun maal jedhee ture seete, โSammuun keenya waan yaade kamiiniyyuu milkeessuu ni danda'a!โ jedhee ture. Eeyyeen dhugaadha. Yaada guddaa yoo qabaatte, yaaduma guddaa sana bira ga'uuf, dhamaatii guddaa kanfalta. Yaada xiqqaa qabaannaanis akkasuma!
๐๐
@thought_power_369