🇷 🇴 🇧 🇪 🇷 🇦 . 𝗠 ✝️
Forward from: God's Word Presence! [GWP-MEDIA]📺
💠"CIMII DHAABBADHU!"
✝️ 1Qor.1:8 “Guyyicha gooftaa keenya Yesus Kristos sanatti akka isin warra yakka hin qabne taataniif, gooftichi hamma dhuma barichaatti isin in cimsa.”
🔎 Osoo gooftichi har'a ykn boru dhufee akkam taana laata?
📍Guyyaa gooftaan ulfina guddaadhaan ijoolleesaa gara ofii isaatti fudhachuudhaaf dhufu guyyaa gooftichaa jedhameera. Guyyaa sanatti waanti guddaan na yaachisu garuu eessa dhaabbannee, maal hojjechaa osoo jirruu gooftichi deebi'ee dhufa laata, isa jedhudha.
🪧Warra yakka hin qabne akka taanuuf gooftichi ofii isaa yakka keenya ofirratti baatee fannootti ol ba'eera (1Phex.2:24). Erga yakkicha nurraa fuudhee ofii isaarra kaa'ee eenyuyyuu deebi'ee yakkichaan akka qabamu fedha Kiristoos miti. Kanaaf yeroo inni deebi'ee dhufutti yakka malee argamuun nurraa barbaadama.
📍Mee koottaa of gowwomsuu dhiifnee itti yaaduun nuuf haa ta’u. Kanaaf hamma dhuma barichaatti yakka malee dhaabbachuuf nuyi ofii keenya karaa kamiinuu akka hin dandeenye beekna. Garuu karaan ittiin danda’amu nuuf mul'ifameera. Karichis ayyaana Waaqayyooti (Tit.2:11-12).
🪧Nuyi dadhaboota, takkumaa ofii keenyaan fedha gooftichaa jiraachuu akka hin dandeenye beekna; garuu gooftichi ofiima isaa akka cimsee nu dhaabbachiisus in beekna. Kanaaf ganamaaf galgala, yerootti yeroo malee hafuura qulqulluudhaan guutamnee akkuma jirru kanatti, kadhannaadhaan fuula gooftichaa deddeebi'uu duwwaatu nu baasa. Ameen!
.......EEBBAAF TA'AA!!
📝Wabi Gobana || Bible Preaching Site
✨Guyyaa Gaarii Qabaadha!
LIKE | JOIN | SHARE
📣GWP MEDIA