TGStat
TGStat
Type to search
Advanced channel search
  • flag English
    Site language
    flag Russian flag English flag Uzbek
  • Sign In
  • Catalog
    Channels and groups catalog Search for channels
    Add a channel/group
  • Ratings
    Rating of channels Rating of groups Posts rating
    Ratings of brands and people
  • Analytics
  • Search by posts
  • Telegram monitoring
Falaasama Addunyaa Chat

17 Aug, 18:28

Open in Telegram Share Report

Forward from: Falaasama Addunyaa
Sirriitti akeekkadhu.Mul'ata qabaadhu gara itti adeemtu hin beektu taanaan galma kee hin qaqqabdu.Namootni callisanii fandalalan jireenya isaanii keessatti gonkumaa hin milkaa'an.Kanneen mulata hin qabnes reeffaa wajin wal hin caalan.Namni jiraachuu kan inni jalqabu wayita jireenya isaaf mul'ata qabaatuudha.

Mula'tni abdii namatti hora.Lubbuu gammachiisas. Namni kamiyyuu mul'ata isaaf jireenya qabaachuu qaba. Boolli
bishaanni callisee keessa ciisu ni ajaa'a. Qilleensi mana cufaa keessa jirus oolee bulee xiraa'un isaa hin hafu. Waan hojjetan tokkollee qabaachuu dhabuu irra wanti dalagan baay'een jiraachuutu gaariidha.Mulatni immoo jireenya haaromsa.

Jireenyis kan inni hiika qabaatu namni waa hojjechuuf kaayyoo qabaatee kaayyoo isaa bira ga'uuf guyyaa guyyaatti ifaajii kan agarsisu yoo ta'eedha. Namni waanuma ta'u abjoota ta'a," jedhu beektonni. Jireenya keef muľ'ata hin qabdu yoo ta'e, utuu hin guddatin bakkuma jirtutti tortorta.Wanti ati bor ta'uu barbaaddu, daayaa kee har'aa irratti kan hundaa'u ta'uu isaa quba qabaadhu.

Mul'ata malee sochiin godhamu yeroo balleessuu fi umurii lakkaa'uu irra darbee wanti inni fayyadu tokkollee hin jiru.Namni dachee kana irra jiru kamiyyuu mataa isaatifis ta'e namoota kaanif waan gaarii hojjetee akka darbuuf uumame malee akkasumaan fandalalee biyyootti akka deebi'uuf hin tolfamne. Ati nama kabajamaadha.Injifannoo irratti injifannoo gonfachuuf nama
murteessite waan taateef ofiin booni.

Ifaajjee jennaan bakkalchi jireenya keetii caalaatti akka ifu tolkkollee hin shakkin.Namni bakka deemu hin beekne makiinaa isaa oofaa manaa ni
ba'aa? Jireenyi kaayyoo hin qabne huffee kallatti hin qabne keessa deemuu wajiin wal fakkaata.Jireenya kee keessatti maal barbaadda? Maal ta'uu feeta? Eessa ga'uu yaadda?

Mee si'a tokko gaaffilee kanniin of gaafadhu.Tarii dur ijoollummaa kee irraa jalqabdee gaaffii kana of gaafachaa as geessee jirta ta'a.mee dachee kana akka suuqii guddaa meeshaaleen gara garaa jeessatti argamaniitti fudhu. Suuqii kana seentee maal bittee gara mana keetti deebi'uu barbaadda? Yookin immoo jireenya akka tapha kubbaa miillaatti fudhadhu. Bakka mukti goolii jiru hin beektu yoo ta'e waa'ee tapha kana mo'uu yaaduu ni dandeessåa?

Guddina jechuun fulduratti tarkaanfachuu jechuu kophaa miti.Guddina jechuun kallatti sirrii fi qajeelaa irra deemuu jechuudhas. Gabaabaadhumatti, jireenyi akka milkaa'u kan godhu kaayyoo ati jireenya keef qabduudha.Fuulduratti waan gochuu yookiin ta'uu barbaaddu sammuu keetti xiinxalii yaadi.Bakka calleensa qabu taa'itii mee ija kee junuunfadhu Keessa kee dhaggeeffadhu. Waan yaadakeeti dhufu hunda tokko tokkoon qalbifadhu. Gara fuulduraatti jireenya akkami jiraachuu barbaadda? Nama akkamii taatee of arguu hawwita?

Jireenya mo'uuf kaayyoo qabaachuun kophaa isaatti ga'aa miti. Bira nan ga'a yookiin immoo nan godha jettee kaayyoon ati akeektu humnaa fi sadarkaakee wajjin kan wal gitu ta'uu akka qabu beeki.Kaayyoo galmaan ga'uu danda'an tokko irratti xiyyeeffachuuf ciminaa fi laafina ofii beekuun dhimma murteessaadha.Kaayyoon kee waan xinnoo yoo ta'e salphaatti galmaan ga'uu dandeessa ta'a. Garuu, waan laaftuu taate irraa barnootni ati argattu baay'een hin jiraatu.

Kaayyoo jabaa ulfaataa ta'e yoo akeektes galmaan ga'uu rakkattee shororkaa keessa seenuu dandeessa Waan ta'eef kaayyoo laafaa dhumatti galma ga'uudanda'u, gama biraatiinis kaayyoo ulfaataa gara maayeessa irratti nama shororkeessu utuu hin ta'in kaayyoo jireenya koo jijiruu danda'a jettee yaaddu kan adeemsa keessa muuxannoo irra argachaa deemtu irratti xiyyeeffadhu. Karoora baasi.Karoora kanas akka bakkalcha daandii sitti agarsiisuutti fudhadhu.Bakka mukni goolii jiru hin beektu taanaan callistee kubbaa dhiituun kee faayidaa hin qabu.


@Falaasama_Addunyaa
Catalog
Channels and groups catalog Channels compilations Search for channels Add a channel/group
Ratings
Rating of Telegram channels Rating of Telegram groups Posts rating Ratings of brands and people
API
API statistics Search API of posts API Callback
Our channels
@TGStat @TGStat_Chat @telepulse @TGStatAPI
Read
Академия TGStat Telegram Research 2019 Telegram Research 2021 Telegram Research 2023
Contacts
Справочный центр Support Email Jobs
Miscellaneous
Terms and conditions Privacy policy Public offer
Our bots
@TGStat_Bot @SearcheeBot @TGAlertsBot @tg_analytics_bot @TGStatChatBot