Addunyaa kana irratti taatee uumamu kamuu namni tokko dubbatee ture. Namni kunis “noostira damus” jedhama haa ta’uutii namni kun ajjeechaa Hitler raawwateef dhufaatii dhukkuboota garaa garaa hundumaa bara kudha shan soddomoota keessa dubbatee ture. Isaan kana keessaa akka fakkeenyaatti kan kaasnu dhukkuba bifa madaatiin namatti bahee uummata hedduu fixe, kan Waloo Beekamaan Oromoo Doktor Zalaalem “du’a gurraacha” jedhee walaleesse akka fakkeenyaatti kaasuu dandeenya. Akkasumaas namoonni adduunyaa kana irratti dubbatamuuf yaada ajaa’ibaa maddisiisan hedduun akka dhufan illee dubbatee ture.Namoota ajaa’ibaa addunyaa kanaa keessaa kanneen akka vooneej kan kitaaba isaa sarara lama qofti dubbifame, oshoo kan haasaaf barsiifni isaa addunyaa kana raase kaasuu dandeenya.Hundumaaf iyyuu kitaabni kunis seenaa “raajinesh” yookaan kan addunyaan maqaa “oshoo‟ jedhuun beekamuu gabaabinaan keessee jirti dubbisaa!
Addunyaa kana irraa ilaalcha garaa garaatu jira; isaan kanneen keessaa, ilaalcha amantaa, ilaalcha siyaasaa, ilaalcha uumamuu dachee kanaa yookaan aardii kanaaf kanneen biroo hedduu kaasuu dandeenya.
Akkuma ilaalchonni garaa garaa addunyaa kanarra jiran namoonni ilaalcha addaa addaallee hedduu isaaniitu dachee kanarra jira. isaan kanneen keessaa addunyaan kan maqaa isaanii adda dureen kaaftu yoo fudhannee kanneen akka sooqiraaxiis, philaaxoos, shiro dinger, oshoo, buudihaa fi kkf kaasuu dandeenya.
Namoota falaasamaan beekaman keessaa kan adda durummaadhaan ka’u yoo kaasnu osho (Raajinesh) nama isa jalqabaati. Akkasumallee kitaabni isaa wantoota hedduun irratti kan haasa’amuufii namoonni amantaa garaa garaa hordofan kan isa balaaleffatan oshoon jechoonniif ilaalchonni isaa hedduu nama raaju.Gara biyya keenyatti yeroo hedduu maqaan oshoo gaafa ka’u namoonni hedduun kitaaba isaa dubbisanii maraachuu, akkasuma illee amantaa isaanii jijjiirrachuufi amantii qabaachuurraa walaba akka ta’an hedduminaan dubbatama. Qabatamaan illee kan mul’atan ni jiru; Kunimmoo ejjennoo dhabuu nama kitabaa sana dubbisuuti malee, kitaabni tasumaa dhukkubbii sammuu (maraatummaa) gosa kamiifiyyuu waan nama saaxilu miti.
Yeroo tokko tokkoo dhaabbileen amantaa kitaabilee falaasamaa dubbisuu waan sodaataniif, nama kitaaba sana barreesseen “seexana‟ jedhu. Yoo barbaadaniis “hafuura haamaadha inni‟ jedhanii kitaabilee falaasamaa hedduu akka namni hin dubbisneef nama dhorku. Isa kanaaf immoo kitaabileefii namoonni falaasamaa gaafa deebisan “falaasama jechuun garbummaa yaadaaf amantii kan sammuun dhala namaa itti garboome keessaa waanta nama baasuuf tattaafatudha” jedhanii kaa’u. walumaa galatti falaasama jechuun abukaatoo yookaan immoo falmaa Sammuu dhala namaati.Jechoonni namoonnii falaasamaa dubbataniif barreessan falmii sammuu dhala namaa ilaalcha amantaalee fi dhaabbilee amantaa nama bituuf tattaafatan jalaa ittiin baasuudhaaf dubbatamanidha malee, gochaa badiif jecha badii nama mancaasan akka hin taane namni kamuu hubachuun barbaachisaadha.
Namoonni amantaa garaa garaa keessatti akka abboota amantaatti of ilaalaan sirumaayyuu “Oshoon hafuuraadha” jedhanii yeroo itti isaan odeeffannoo sobaa daddabarsan argaa fi dhaga’aa oolla.Ta’us garuu yoo seenaa oshoo dubbifne, sobuu namoota kanneenii hubachuu dandeenya. Hagamuu dhaabbileen siyaasaaf amantaa ofii hordofan yoo ilaalcha isaanii kan jaalatan ta’eyyuu, hagas mara soba dhugaa irraa fagoo sobuun mataan isaayyuu isaan tuffachiisa……………..
@Falaasama_Addunyaa