Forward from: Falaasama Addunyaa
Kitaaba baay'ee dubbisuudhaan namni sadarkaa duraarra jiraachuu malu Oshoo akka ta'e kan dubbatan jiru, Oshoonis kana jedhee ture. Gaafanni du'e mana kitaabaa isaa keessa kitaabilee 120,000 caalantu ture. Yeroo sakatta'amanittis kitaaba hundarra jechuun hanga danda'amutti mallattoo fi bakkeewwan inni jala sassarareen guutuu turan. Innumtuu kitaabilee 'Library' isaa keessa jiran hunda dubbisee akka fixe dubbateera.
Guyyaa tokkotti kitaaba 6 yoo dubbiste, waggaa 46 keessatti kitaaba kuma 100 dubbista nama koo Gaafuma saafelummaa isaa mana maatiisaa keessaa 'library' qaba ture. Umriin isaa gaafa waggaa 14 ture kitaabilee 4,000 caalan kuufatee ture jedhama.
Waa'ee baay'inna kitaabasaa abbaan Oshoo gaafa dubbatan, “gara jalqabaa mana keessaa library qabna turre, dhuma jala library keessaa mana qabaanne” jedhanii turan. Muummee falaasamaa yeroo baratutti Pirofeesaroota isa barsiisan gaaffiidhaan waan rakkiseef mooraa inni itti baratuun kutaa barnootaa akkanni hin seennee fi gaafa qormaataa qofa akkanni dhufu dirqisiifamuunsaas mana turee akka fedhetti kitaaba akkanni dubbisuuf carraa gaarii ta'eefii ture.
Namni kun dhiibbaa guddaa akkanni uumu kan godhe kitaaba. Galgala sa'atii afur qofaaf akka rafu dubbatee ture. Yoo ijoo barsiisa isaa ta'e bal'inaan amantii Budiizimii fi Jayinizimii waliin wal fakkaata. Kan nama tilmaamamuu hin dandeenye (unpredictable) isa fakkeesse gama hundaan hubannoo kuufachuu isaati. Waan hundarrattuu waan beekuu fi waan jedhu hindhabu. Kanatu kitaabilee isaa 400 olitti tilmaaman nuffii malee akka dubbifaman taasise. Sanuu, Oshoon kitaaba harkaan barreesse tokko hin qabu. Kitaabnisaa hunduu haasaa fi barsiisa (discourse) isaa irraa waraabaman. Namni gaafa harkaan barreessu gulaalaa, jechootas foo'achaa barreessa.
Kan saa garuu yaadotni bilchaatoon hanga sana baay'atan gulaallii tokko malee fudhataman. Dhumarratti, An 'kitaaba dubbisi' siin hin jedhu; barreeffama dheeraa kana dubbistee fixxeetta taanaan kitaaba akkati dubbistu beeka!
Join:@Falaasama_Oshoo