Forward from: Falaasama Addunyaa
Ofrratti Amantii Qabaachuu
Nama ofirratti amantii qabu, amantiin inni ofirratti qabu isa tiksiti. Aksileereetarii tuqan malee makiinaan akkuma hin deemne nutis ofirratti amantii qabaannu malee baay'ee deemuu hin dandeenyu.Ofirratti amantii qabaachuun galma keenya haa geenyuuf akka boba'aatti ni tajaajila.Namootni ofirratti amantii hin qabne waan tokkollee hojjechuu kan danda'an isaanitti hin fakkaatu. Sababa kanaan utuma hin jalqabiin shororkaa keessa galu.
Xinneessanii gad ofi ilaaluun tulluu kufaatii ofirratti ijiaaruu wajjin wal fakkaata. Gama biraatin garuu ofirratti amantii qabaachuun tulluu kufaatii sana jigsuuf fayyada. Namni ofirratti amantii qabu dadhabina tokkoon tokkoon ishee sakatta'ee gara asxaa injifannootti geeddara.Waa'ee dandeettii keetii shakkii qabda taanaan kallattii kufaatii
irra qajeeluutti jirta. Shakkiin yaalii illee utuu hin godhin waraana silaa mo'uu dandeenyu akka injifatamnu hukkuba gootuudha.
Namni tokko yaalii wayii godhu malee maal hojiechuu akka danda'u yookiin immoo hojiechuu akka hin dandeenye adda baasee beekuu hin danda'u. Bidiruun kamiyyuu xinnaatus guddatus bishaan irra bololl'uu ni danda'a. Sa'aatiin kamiyyuu xinnaatus guddatus yeroo ni lakkaa'a.
Ofirratti amanti qabaachuunis akkanuma duuba irraa dhala namaa waan dhiibuudha. Amantii ofirratti qabduun si'a tokko waa hojjettee jennaan fedhiin kee addaan hin citu. Wanti ati hojjette sun siif milkaa'uun isaa mataa isaatti amantii ati ofirratti qabdu sif cimsa.Atis waan milkaawaa kan birio hojjechuutti ceeta. Wal'aansoon jireenyaa wajjin godhamu yeroo hunduma kallattii namootni sossoreeyyii yookiin beektoota jedhaman fedhan irra hin qajeeltu.
Oolee bulee kan jireenya injifatu isa "Nan danda'a"jedhee amanuudha. Amantii ofirratti qabdu daran dabaluuf cimina
kee fi waan ammaan dura hojjettee siif milkaa'e irratti xiyyeeffadhu."Yeroo sanatti ergan hojjedhee ammas hojjechuu nan danda'a, ofiin jedhi,Shakkiin tulluu kufaatii ijaara. Ofirratti amanuun immoo tullicha jigsa.
@Falaasama_Addunyaa