TGStat
TGStat
Type to search
Advanced channel search
  • flag English
    Site language
    flag Russian flag English flag Uzbek
  • Sign In
  • Catalog
    Channels and groups catalog Search for channels
    Add a channel/group
  • Ratings
    Rating of channels Rating of groups Posts rating
    Ratings of brands and people
  • Analytics
  • Search by posts
  • Telegram monitoring
Falaasama Addunyaa Chat

22 Aug, 12:22

Open in Telegram Share Report

Forward from: Falaasama Addunyaa
Yoo waraana keessa gootummaadhaan darbite madaaliiyaa argatta. Gootummaan giirii makiinaa wajjin wal fakkaata.Makiinaa giiriisaa xuqxu malee kaasuu hin dandeessu.Utuu gufuun isaa hin tuqin namni jireenya isaa keessatti milkaa'u tokkollee hin jiru. Utuu rakkina hin argiin nan milkaa'a jechuun abjuudha. Waan hojjettu hunda keessa hanqinni wayii jiraachuu kan danda'u ta'uu isaa beekuu qabda.

Wayita waan tokko hojjechuuf kaatu carraan si eeggatu waan lamaadha. Yookiin ni milkoofta yookiin ni gufatta. Garuu immoo, yoo tasuma yaalii gochuu dhabde carraan kee waan tokkittiidha; kufaatii. Waan tokko hojjechuuf yaali dandeessu gochuu keetiin carraa milkaa'uf qabdu %50 ol guddiftee jirta. Gonkumaa yaaluu dhabuu keetin garuu caraa kufaatii keetii %100 kan mirkaneessite ta'uu kee hubadhu.

Waan tokko hojjechuuf yaaluu keetii rakkoo sirra ga'u irra, hojjechuu dhabuu keetiin rakkoon sirra ga'u daran ulfaataa akka ta'e beekuu qabda.Rakkina injifachuu sodaatanii callisuu irra, garaa jabaatanii rakkinichatti bư'utu deega irraa nama tiksa. Doonii qarqara galaanaa buufate akka deemuuf hanga hiikanitti hidhaa isaa kutatee gara galaanaatti hin qajeelu.

Yoo nuuf milkaa'uu baate, balaa dhufu danda'u yaaduudhaan wantoota. ulfaatoo ta'an hojjechuu iraa of tiksina. Garuu immoo kufaatii fi milkaawwiin wal cina kan deeman ta'uu isaanii hammam hubannee jirra? Namootni hanga humna isaaniitti waa hojjechuuf ifaajan hundi jireenya keessatti gara fulduraatti tarkaanfachuun isaanii hin oolu.Isaan warri shakkan garuu laafaatti gara ifaatti hin ba'an.

Gootummaa jechuun sodaachuu dhabuu utuu hin ta'in sodaa miilla jala kaa'anii dhiituudha. Namni sodaachuu hin qabu hin jedhamu. Sodaanis faayidaa mataa isaa qaba. Garuu immoo sodichatti daangaan tolfamuutu irra jiraata. Yoo dayeessa qaxxamurtee deemte malee dachee haaraa argachuu hin dandeessu. Qocaanis man'ee ishee keessaa morma ishee baastee yoo hin deemiin eessayyuu hin geessu.

Waaqayyo waan morma qallisee uumeef qaba. 0l hiixanne ilaaluu akka dandeenyuuf mormi tolfame. Erga wanti hundumti si harkaa miliqee booda ammas yaaluuf ati nama booree qabdu yoo taate ammallee gootummaan si wajiin jirti jechuudha. Fiixee damee mukichaa bira ga' uu hin sodaatin.Iji isaa kan jiru bakka sanaadha.

@Falaasama_Addunyaa
Catalog
Channels and groups catalog Channels compilations Search for channels Add a channel/group
Ratings
Rating of Telegram channels Rating of Telegram groups Posts rating Ratings of brands and people
API
API statistics Search API of posts API Callback
Our channels
@TGStat @TGStat_Chat @telepulse @TGStatAPI
Read
Академия TGStat Telegram Research 2019 Telegram Research 2021 Telegram Research 2023
Contacts
Справочный центр Support Email Jobs
Miscellaneous
Terms and conditions Privacy policy Public offer
Our bots
@TGStat_Bot @SearcheeBot @TGAlertsBot @tg_analytics_bot @TGStatChatBot