TGStat
TGStat
Type to search
Advanced channel search
  • flag English
    Site language
    flag Russian flag English flag Uzbek
  • Sign In
  • Catalog
    Channels and groups catalog Search for channels
    Add a channel/group
  • Ratings
    Rating of channels Rating of groups Posts rating
    Ratings of brands and people
  • Analytics
  • Search by posts
  • Telegram monitoring
Falaasama Addunyaa Chat

3 Sep, 20:26

Open in Telegram Share Report

Forward from: Falaasama Addunyaa
Jalqaba waa'ee wanta tokkoo baruu barbaadda. Xiqqoo irratti dubbista, xiqqoo caqasta. Sana booda ofitti-amanamummaan kee gaara yaaba. Waa'ee wantichaa irratti beekumsi gosa gosaan si bira waan jiru sitti fakkaata. Yaada namoota kaanii asii gadi si ilaalchisa. Baga gara 𝑀𝑜𝑢𝑛𝑡 𝑆𝑡𝑢𝑝𝑖𝑑'tti nagaan dhufte!

Ergasii wanticha irratti dabaltee dubbisuu, yaadota caqasuu fi yaaduu itti fufta. Yeroodhaan booda wanti ati hin beekne gara akka hin qabnetu sitti mul'ata. Ofitti-amanamummaan kee gaaricha irraa suuta bu'a. Homaa akka hin beeknetti sitti dhaga'amuu jalqaba. Waa'ee wantichaa namoota gulantaa duraa irra jiran sana caalaa beekta; garuu akka hin beeknetti waan sitti dhaga'amuuf, yaada kee dubbachuufuu ija laafta.

Sana booda, hubannoon wanticha irratti qabdu dabalaa akkuma adeemuun, ija jabinni kees kees dabalaa adeema. Yoo karicha itti fufteef, ofitti-amanamummaan kees suuta bakka isaatti deebi'a jedhama. Kun qorannoo amalaa keessatti 𝐷𝑢𝑛𝑛𝑖𝑛𝑔-𝐾𝑟𝑢𝑔𝑒𝑟 𝐸𝑓𝑓𝑒𝑐𝑡 jedhamee waamama.

Iddoo baay'eetti warri mata-bowuu ta'aa jiran, warra 𝑀𝑜𝑢𝑛𝑡 𝑆𝑡𝑢𝑝𝑖𝑑 sana bira ga'anii hoji-manee isaanii addaan kutaniidha. Hubannoo dabalachuuf yaaliin isaan godhan dhaabbateera, ofitti-amanamummaan isaanii garuu gaara yaabe sana irraa hin buune.
@Falaasama_Addunyaa
Catalog
Channels and groups catalog Channels compilations Search for channels Add a channel/group
Ratings
Rating of Telegram channels Rating of Telegram groups Posts rating Ratings of brands and people
API
API statistics Search API of posts API Callback
Our channels
@TGStat @TGStat_Chat @telepulse @TGStatAPI
Read
Академия TGStat Telegram Research 2019 Telegram Research 2021 Telegram Research 2023
Contacts
Справочный центр Support Email Jobs
Miscellaneous
Terms and conditions Privacy policy Public offer
Our bots
@TGStat_Bot @SearcheeBot @TGAlertsBot @tg_analytics_bot @TGStatChatBot