Forward from: Falaasama Addunyaa
Jireenyi awwaalcha darbee hin jiru jennee haa yaadnu. Du'a booda gaarii ati lafarratti hojjetteef badhaasni, hamaa ati hojjette hundaafis adabbiin homaa hin jiru jennee haa qabannu. Lafa irrattis ๐ฌ๐ข๐ณ๐ฎ๐ข'n hin jiru haa jennu. Osoo akka sanatti yaaddee, hariiroon ati namootaa wajjin qabduu fi duudhaan ati hordoftu kan ammaa irraa baay'ee waan jijjiiramu sitti fakkaataa? Bakka faayidaan dhuunfaakee jirutti, namootaaf of ni eeggattaa? Ofittummaa guddaadhaan waan durfamtu sitti fakkaataa?
Yoo sitti hin fakkaanne, maaliif? Jireenyikee du'a bira ga'ee dhaabbata erga ta'ee, hammeenya bu'aa siif fidu (kan jibbama hawaasaa fi adabbii seeraaf sin saaxille) hojjechuu dandeessa yoo ta'e, maaliif hin hojjettu?
Yoo jijjiiramni amalaa sun wanta sirratti dhufu sitti fakkaate ammoo, jalqabuma ati ofittoo hin turree? Adabbii fi badhaasa si eeggatu giddu-galeeffatta yoo ta'e, siluma bu'aa mataakeef jettee kan ati bu'aa namoota biroo dhiibbachuu dhiisteef, ammas bu'aa mataa keetiif yoo ta'e, sun ofittummaa mitii?
Akka waliigalaatti, gochoota keenyaan duuba sababoota jiran (fedhii jajamuu fi jaalatamuu, adaba qaama seeraa fi isa-ol-aanuu, gammachuu fi tasgabbii xiin-sammuu... fa'a) gaafa ilaaltu, wanta ofittummaa irraa walaba ta'e hojjechuu waan dandeenyu sitti fakkaataa? Wantoota nuti akka faallaa ofittummaatti ilaallu - jaalalaaf aarsaa baasuu fi nama biroof jecha of wareeguu illee dabalatee - dugda-duuba gochoota keenyaatii bifa jijjiirratees ta'u ofittummaan dhabamuu danda'a jettee yaaddaa?
(Ofittummaan bu'aa fi fedhii mataa ofiif xiyyeeffannoo hangafaa kennuudha jennee haa hiiknu. Sababa fedhii dhuunfaatiif fedhii namoota biroo dhiibbachuus ta'uu danda'a, garuu dirqama sanaan hin ibsamu.)
Bal'inaaf, ๐ฆ๐ต๐ฉ๐ช๐ค๐ข๐ญ ๐ฆ๐จ๐ฐ๐ช๐ด๐ฎ fi ๐ฑ๐ด๐บ๐ค๐ฉ๐ฐ๐ญ๐ฐ๐จ๐ช๐ค๐ข๐ญ ๐ฆ๐จ๐ฐ๐ช๐ด๐ฎ irratti dubbisuu dandeessu.
@Falaasama_Addunyaa