Biiroo Fayyaa Oromiyaa


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Медицина


This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia.
🌐 http://www.orhb.gov.et/
📁 Government Official
✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia
📞 +251113717227

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Медицина
Статистика
Фильтр публикаций


#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Daa'imman mudaa waliin dhalatanii yaalaan fayyuu danda'an wal'aansisuun gahee qaama hundaati. Gurraandhala 23 bara 2017 Adaamaa.

================================
Duulli yaalaa daa'imman dhibee Baqaquu Hidhii, Baqaquu Laagaa. Hookkoo/ jallina miillaa fi kuufama dhangala'aa sammuu fi dugdaa akkasuumas mudaa narvii dugdaa waliin dhalatanii gaggeeffamu sababeeffachuun sagantaan sosochii gaggeeffamee jira.
Hoogganaa itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Bokonaa Guutaa saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin
daa'imman mudaalee akka baqaquu hidhii, baqaquu laagaa, miilla hookkoo/dabe akkasumas kuufama dhangala'aa sammuu keessaa fi rakkoo narvii dugdaa waliin dhalatan akka tajaajila yaalaa argataniif duulli Gurraandhala 25 bara 2017 irraa jalqabee waan gaggeeffamuuf gara dhaabbata fayyaa tajaajilli kanneen itti kennamutti geessanii tajaajila kana akka argataniif hawaasni hundi gahee irraa eegamu akka bahu dhaamanii jiru.

Daarektarri Deeggarsa dhaabbilee fayyaa olaanoo biiroo fayyaa Oromiyaa Dr. Horaa Seedisoo gama isaanitiin akka jedhanitti kaayyoon duula kanaa daa'imman mudaa kanneen waliin dhalatan tajaajila yaalaan fayyuu akka danda'an hawaasni hubatee daa'imman rakkoo kana qabaatanii naannoo isaanii yookiin maatii isaan keessa jiran gara dhaabbata tajaajjilli kun itti kennamu deemanii tajaajila kana akka argatan akka taasisaniif odeeffannoo ummataaf dabarsuuf akka ta'e kaasanii jiru.
Sagantaa kana irratti dhiyeessiin haala qabatamaa rakkoowwan kanaa agarsiisu dhiyaatee mariin irratti gaggeeffamee jira.

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Dubartiin Fakkii Biyyaa fi Utubaa maatiti! Daa'imman egeree biyyaati.
Gurraandhala bara 2017
.

===================================
Biiroon fayyaa Oromiyaa sosochii idileessuu koorniyaa gaggeessee jira.

Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin koorniyaa idileessuun miidhaa dubartootaa fi daa'imman irra dhaqqabu hambisuu fi hirmaannaa dubartootaa fi qaama miidhamtootaa diinagdee, hawaasummaafi siyaasa keessatti qaban akka dabalu gochuu akka ta'e kaasanii jiru.
Obbo Darajjeen itti dabaluun, miidhaan koorniyaa aadaa fi safuu hawaasa keenyaa cabse bal'inaan mul'achaa jiraachuu kaasuun , miidhaa kana hambisuuf hubannoo hawaasaa cimsuu, balaaleffachuu, iddoo tajaajilli itti kennnamu babal'isuu fi qaamolee miidhaan irra gahe tajaajila seeraa, fayyaa fi gorsa xiinsammuu akka argataniif qaamoleen hundi qindoominaan hojjachuu qabu jedhanii jiru. Abbootiin Gadaa fi Haawwan Siinqees miidhaa Koorniyaa hawaasa keessatti babal'achaa jiru xiqqeessuuf qooda olaanaa akka qabanii fi deeggarsa cimaa akka gochuu qaban kaasaniiru.
Sagantaa kana irrattis gabaasa Daarektoreetii idileessa Koorniyaa Sr. Salaamiin dhiyaate irratti mariin bal'aan taasifamee kallattiin fuula duraa kennamee jira.
Xumura irrattis, idileessa koornyaa irratti qaamolee hojii fakkeenyummaa qabu raawwataniif beekkamtiin kennamee jira.

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Dhibee HIV AIDS bara 2030 A.L.A tti sadarkaa sodaa Hawaasaa hin taane irraan gahuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi hirmaannaa irraa eegamu taasisuu qabu.
Gurraandhala 20 bara 2017 Adaamaa
.

=================================
Ministeera fayyaatti garee ittisaa fi to'anoo HIV/AIDS gamaggama raawwii hojii ji'a jahaa bara 2017 gaggeessee jira.

Sagantaa kana irratti walitti qabduun koree dhaabbii dhimma fayyaa, misooma hawaasaa, aadaa fi ispoortii Adde Warqaasammaawu Maammoo argamuun haasaa taasisaniin HIV/AIDS yaaluu fi kunuunsa barbaachisaa taasisuun akkasuumas kenna tajaajilaa dhaabbilee fayyaatti kennamuu qofaan to'achuun akka hin danda'amnee dubbachuun damee hawaasummaa damee fayyaa waliin qindeessuun hojjachuun barbaachisaa akka ta'e kaasanii jiru.
Manneen barnootaa olmaa daa'immanii irraa jalqabee Ittisaa fi to'annoo HIV/ AIDS barsiisuun daa'imman dhukkuba ittisuu irratti beekkumsa akka gabbifatan taasisuu irra darbee HIV/ AIDS ittisuuf tooftaa itti fufiinsa qabu ta'ee akka gargaaru dubbatanii jiru.
Ministeerri ministeera fayyaa Federaalaa Dr. Maqdas Dhaabaa gama isaaniitiin biyyi keenya HIV/AIDS ittisuu fi to'achuuf bu'aa salphaa hin taane galmeessuu ibsuun akka instiyuutii qorannoo fi qo'annoo fayyaa hawaasaa Itoophiyaa qorannoo taasiseen haalli tatamsa'ina HIV ga'eessotaa bara 2010 tti %1.26 ture bara 2023 tti gara %0.87tti gadi bu'uu dubbatanii jiru.
Naannoleen raawwii gadi aanaa qaban naannolee raawwii gaarii qaban irraa muuxannoo qooddachuun bara 2030tti HIVn akka sadarkaa sodaa hawaasaa hin taane irraan gahuuf qamolee dhimmi ilaallatu waliin kutannoon irratti hojjachuu qabu jedhanii jiru.
Sagantaa kana irratti hooggantuun biiroo fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaanat Warqinah argamuun ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsuun akka naannoo Oromiyaatti hojiin ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS raawwii gaarii agarsiisuu fi facaatin dhukkuba kanaa 0.63 irraa gara 0.6tti kan gad bu'e ta'us ammallee ciminaan irratti hojjechuun dhaloota HIV irraa bilisa ta'e horachuun akka barbaachisu kaasaniiru.

Sagantaa kana irratti hooggantoonni biiroo fayyaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hirmaatanii jiru.

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!


#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Tajaajila Baqaqsanii Yaalutiin  Xannachi Kg 12 Ulfaatu Bahee jira.
Gurraandhala 7 bara 2017 Hoolota
.

=================================
Hospitaala jalqabaa Hoolataatti tajaajila qulqulluu, si’ataa fi qaqqabamaa  Kenna jira.

Ispeeshaalistii Ulfaafi Gadaameessaa kan ta'an Dr  Shuumii Damissee  fi tuutni yaala baqaqsanii yaalu ( OR Team)  tajaajila   baqaqsaanii yaalu  taasifameen xannachi kg12 ulfaatu  gadaamessa haadha tokko keessaa baasaniiru. Haati kunis, erga tajaajila baqaqsanii yaaluu argatan  booda haalli fayyumma isaani  haala gaarii irra jira.

#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa

9.1k 0 10 12 76

#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


Ministeerri Fayyaa fi Dhaabbanni ‘End Fund’ akka Biyyoolessaatti Dhukkuboota Tirooppikaalaa Xiyyefannoo Barbaadan (Neglected Tropical Diseases/NTDS) Ittisuu irratti Qindoominaan Hojjechuuf Marii Gaggeessan.


Ministeerri Fayyaa ,Dhukkuboota Tirooppikaalaa Xiyyefannoo (NTDS) Ittisuu fi tarsiimoowwan sirna fayyaa cimsuu irratti bakka bu’oota ‘End Fund’ waliin marii gaggeesanii jiru. Walgahichi dhukkuboota lammiilee biyyattii miliyoonaan lakkaa’aman miidhaa jiran dhabamiisuu irratti waliin hojjechuu, kalaqa fi carraaqqiin itti fufinsa qabu barbaachisaa akka ta’e ibsamee jira.
Maricha irratti Ministirri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa sektera fayyaa fi ‘’End Fund’” jidduu walddeggarsi yeroo dheeraa jiraachuu yaadachiisuun, TB dhabamsiisuu fi sagantaalee raabsa qoricha farra raammoolee maxxantuu  mar’immaanii babal’isuu, akkasumas sosochii hawaasaa uumuun Dhukkuboota Tirooppikaalaa Xiyyefannoo Barbaadan (Neglected Tropical Diseases/NTDS) ittisuuf carraaqqii taasifamu irratti waliin akka hojjetan beeksisanii jiru. Waggoottan shanan itti aanan keessatti dhukkubota kana ittisuun murteessaa akka ta’e ibsuun galmoota kaa’aman bira gahuuf xiyyefannoon kennanii ariifachiisuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru
Keessattu baadiyaa fi bakkeewwan Dhukkuboota Tirooppikaalaa Xiyyefannoo Barbaadan (NTDS) hedduminaan argaman ciminaan akka hojjetamu , keesumaayyuu dhukuboonni kan akka Tiraakoomaa, podokonosisii (dhiitoo miilaa), fi raammoo giinii fayyaa hawaasaa irratti dhiibbaa guddaa qaqqabsiisaa akka jiranii ibsuun rakkoowwan kanas hiikuuf Ministerrii Fayyaa kutannoo akka qabu mirkanessaniiru.
Mootummaan Itiyoopphiyaa Dhukkuboota Tirooppikaalaa Xiyyefannoo Barbaadan (NTDS) dhabamsiisuuf carraaqqii taasifamu kan itti fufu ta’uu Dr. Darajjee Dhugumaa waltajjii marii irrati kan hubachiisan yommuu ta’u gamaaggama yeroo dhihoo gaggefame irrattis dhukkuboota bay’ee irratti jijjiiramni gaariin akka jiru ibsuun gamaaggamni facaatii dhukkubootaa fi sagantaa barbaachisoo akka taán ibsanii jiru.
Hojii Gaggeessaan ‘End Fund’ Dr. Solomoon Zawduu karaa isaaniin daandiin Itiyoophiyaan dhibeewwan kana dhabamsiisuu akka dandeessu abdii qaban ibsanii jiru. Walitti dhufeenya ministeera fayyaa waliin jiru cimsuun akka barbaachisu ibsanii jiru. Itiyoophiyaan Dhukkuboota Tirooppikaalaa Xiyyefannoo Barbaadan (NTDS) dhaabuuf human qabdi jedhanii, walitti dhufeenya jiru akka cimsanis mirkaneesanii jiru.
Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Profeesar Natsaannat  Warqinaa gama isaaniitiin deeggarsa ‘End Fund’ naannoo keenya keessatti dhukuboota kana keessattu dhukkuba Tiraakoomaa, Raammoolee Maxxantuu Mar’ímmannii fi Bilahaarziyaa ittisuu fi dhabamsiisuuf taasifamaa ture galatefattanii jiru. Mootummaan naannoo oromiyaa fi ‘End Fund’ walitti dhufeenya Kanaan dura jiruu  cimsuun sagantaalee ittisaa fi dhabamsiisa Dhukkuboota Tirooppikaalaa Xiyyefannoo Barbaadan (NTDS) irratti taasifamu kutannoon akka hojjetu ibsanii jiru.
Walumaagalatti Dhukkuboota Tirooppikaalaa Xiyyefannoo Barbaadan (NTDS) ittisuuf, toáchoof akkasumas dhabamsiisuuf sirna fayyaa bu’uuraa cimsuun, dhukkuboota kan akka Tiraakoomaa, Podokonosisii, Raammoolee maxxantuu mar’immaanii, dhabamsiisuun, walitti dhufeenya sirna nyaataa waliin jiru cimsuu, rakkoolee deeggarsa/madda fandii irratti jiru, carraalee faayinaansii waliiinii barbaaduu irratti mariin bal’aan gaggeefamee jira.

#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa


KennaTajaajila Fayyaa Fooyyeessuu fi Ammayyeessuuf Qindoominni Qaamolee Hundaa Murteessaadha. Finfinnee

================
Dhaabbanni  'Lammiif Relief and Development' jedhamu   Biiroon Fayyaa Oromiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessanii jiru.
Sagantaa kana irratti hooggantuun biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaanat Warqinah fi Hundeessaa fi hoji gaggeessaa dhaabbatichaa kan ta'an Obbo Farhan Abdullaahi argamuun waliigalticha mallateessanii jiru.
Dhaabbanni kun kanaan dura hospitaalee fi buufataalee  fayyaa 20f meeshaalee yaalaa gosa adda addaa konteenara 40  ta'uu  kan gumaache yoo ta'u, waliigaltee kanaan Siree yaala baqaqsanii yaaluu irratti taasifamu/OR Table / fi Maashina Adoochuuf oolu/ Anesthesia machine fi kanneen biroo  arjoomuuf kan waliigalame yoo ta'u kunis Kenna  tajaajila  fayyaa  si'ataa fi saffisa teekinooloojiin deeggarame kennuu keessatti gahee olaanaa kan qabudha.

#share
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
         t.me/BiirooFayyaaOromiyaa

Показано 10 последних публикаций.