Gaaffiin Oromoo afaan qawweefi keettoo diinaa tahuun deebi'u kana booda abadan hin jiru' - MM Abiy
Ministeera Mummee Itoophiyaa Abiy Ahmed, ayyaana Irreechaa boru kabajamu ilaalchisee ergaa dabarseen, uummanni Itoophiyaa tokkummaa isaa cimsatee nagaa, araaraa fi obbolummaa dagaagfachuu akka qabu waamicha dhiheesse.
Abiy, ergaa isaa keessatti, Irreechi yeroo Oromoon dukkana gannaa keessaa ba'ee Waaqayyoof galata galchuu fi kan dhufuuf abdii qabaachuuf malkaa bu'u ta'uu ibse. Jijjiirama Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru ammoo "birraa" waliin walbira qabee ibse.
Ergaan kun kan dhufe yeroo Itoophiyaan rakkoo nageenyaa fi dippilomaasii keessa jirtutti.
Kaaba Itoophiyaa keessatti, mootummaa federaalaa fi humnoota hidhatanii mootummaa morman gidduutti lolli deebi'ee ka'eera.
Mootummaan Itoophiyaa Ertiraa, Sudaanii fi Masriin humnoota mormitootaa deeggaru jechuun himateera; biyyoonni kunneen garuu himannaa kana haalan.
Haaluma walqabatuun, Itoophiyaan Kamisa darbe imbaasii ishee Asmaraa jiru cufuu fi dippilomaatoonni Ertiraa 10 akka biyyattii keessaa bahan ajajuu beeksifte. Ertiraanis tarkaanfii kanaaf deebii kennuun hariiroo dippiloomaasii Itoophiyaa waliin qabdu addaan kutte.
Itoophiyaan dippilomaati Masrii tokkos sa'aatii 48 keessatti biyyattii keessaa akka ba'u ajajje. Masriinis deebii kennuun, gorsaa Imbaasii Itoophiyaa Kaayirootti argamu tokko akka biyyattii keessaa bahu ajajjeetti. Tarkaanfiiwwan kunneen muddama dippilomaasii biyyoota lamaanii daran hammeessaniiru.
Haa ta'u malee, Abiy ergaa Irreechaa isaatiin araaraa fi tokkummaa irratti xiyyeeffachuun, uummanni Itoophiyaa garaagarummaa isaa marii fi nagaan furuun "qaroomina Itoophiyaa" dhugoomsuu akka qabu waamicha dhiyeesse
Yeroo walitti bu'iinsi naannoo fi muddamni dippilomaasii dabalaa jiru kanatti, Gamtaan Afrikaas Itoophiyaa, Ertiraa fi Masriin of qusachuu fi rakkoolee isaanii karaa marii fi dippilomaasii furuuf waamicha dhiyeesseera.
Haaluma kanaan, Abiy ergaa Irreechaa isaatiin humnooti mootummaa morman gara nagaatti deebi'anii marii fi misooma irratti xiyyeeffachuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.
Itoophiyaa Afrikaaf fakkeenya taatu ijaaruu akka barbaadu kan ibsu bulchaan Itoophiyaa kun gareewwan karaa nagaatiin gara biyyaatti deebi'uu barbaadanif "balballi nagaa" banaa ta'uu irra deebi'ee mirkaneesse.
"Oromoon qabsoosaatiin bilisoomeera. Gaaffiin Oromoo afaan qawweefi keettoo diinaa ta'uudhaan deebi'u kana booda abadan hin jiru." jedha MM Abiy.
Hidhattoonni Itoophiyaa keessa jiran torba, tumsa maqaa "Wal-ta'iinsa Ofbaraaruu" jedhu hundeessuun, mootummaa MM Abiy Ahmad aangoorraa fonqolchuuf waliigalle jedhaniiru.
Itoophiyaa keessatti humnoota mootummaa waliin lolaa kan jiran Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), TPLF fi Faannoo dabalatee, hidhattoonni torban kunneen tumsa kana tolfachuu isaanii ibsaniiru.
WBO'n Oromiyaa keessa socho'uufi waggoota saddeettan darban keessatti humnoota mootummaa waliin lolaa kan jiru yoo ta'u, tumsa humnoota kana waliin tolfate hordofee, namoota siyaasaa, kanneen WBO deeggaruun beekaman dabalatee, hawaasa Oromoo heddu biratti mormii fi mufii kaaseera.
Gama biraatiin ammoo, tumsa WBO'n hidhattoota akka TPLF fi Faannoo waliin tolfate kan deeggaran jiru. Isaanis tumsi kun sirrii ta'uu fi WBO'n kana gochuun isaa bu'aa malee kasaaraa akka hin qabne ibsu.
Abiy Ahimad ammoo garaagarummaa fi gaaffilee siyaasaa karaa marii fi nagaan furuun akka barbaachisu ergaa isaa keessatti ibseera.