DAA'IMMAN RAKKOO ONNEE QABAN
Daa’imman rakkoo onnee isaan waliin dhalate yookiin rakkoo onnee erga dhalatanii booda itti dhufuuf saaxilamuu danda’u. Mallattoon isaan agarsiisanis umurii waliin wal qabachuun adda adda tahuu mala.
Daa’imni tokko rakkoo onnee godhachuun yoo dhalate mallattoolee armaan gadii mul’isuu danda'a:
🔥 Harma haadhaa yeroo hodhan hafuura
ciccituu (breast feeding interruption)
🔥Yeroo harma haadhaa hodhan dafquu baay’isuu (diaphoresis during breast feeding)
🔥 Hanga yaadamu ulfaatina dabaluu dhabuu (failure to thrive)
🔥 Daddaffiin harganuu (fast breathing)
🔥 Qubni harkaa fi miilaa gugurraacha’uu (cyanosis)
🔥 Irra deddeebbiin infeekshinii qomaaf
saaxilamu (recurrent chest infections)
🔥 Yeroo isaanii eeganii deemuu yookiin
dhaabbachuu dadhabuu (developmental delay)
🔥Yoo itti cimaa deemu qaamni dhiitahuu;
innis miila irraa eegala (body_swelling)
🔥 Aaduu (grunting) fi hafuura adda adda
muru (shortness_of_breath)
🔥 Dadhabbii fi sosochii qaamaa hir’isu
🔥 Fedhiin nyaataa hir’achuu
MAAL GOCHUU QABNA🚩
Mallattoolee armaan olii yoo irratti argine qorannoo onneef taasifamu qaban gochisiisuu;
👍 Yoo rakkoo onnee qabaachuu adda baafanne yaala barbaachisu hakiima isaanii waliin marii’achuun wantoota kennaman seeran hordofnee kennuu; Rakkoon dabalataa haaraa irratti yoo argaman hatattamaan hakiima isaanii mariisisuu; Nyaata madaalamaa akka sooratan gochuun jabina maashaa isaaniif fayyada.
@Dhimma_Fayyaa 🩺