Biyya kana Keessatti, kallattiniis tahee alkallattiin Muslima Irratti godhamaa turuu warrummaan dhiibbaa kana raawwataa tureehuu Ragaa bahu! Akka isaanitti islaamimmaa quucarsina jedhaniiti! Islaamummaa quucarsuu ni dandayanii ? No, Akka hin dandeenye Isaanuu ni beekan. Maaliif yaalii kana godhi ree ? Hinaaffaatu Keessa Isaanii waada Waan taheef yaalii kana godhurraa obsuu hin dandeenye!
Warri kaleessa sun as dhihoo kanaas Kutaalee biyyattii Keessatti Barattoota Mulimaa islaamummaa isaaniitiin adabanii dhaabbilee Barnootaa gad-aanoo Irraa hamma ol'aanotti Gabataa Barnoota Irraa fageessuuf yaalii qindaawaa tahe geggeessaa Jiru. Dhiirri Sababa areeda dheeressee Kofoo( Surree) gabaabsuuf, Dubarri Sababa Hijaaba Isaanii uffatanii Dirqama amantii Isaaniitii Isaanii bahaniif, jibbami, tumamu, Reebamu, hidhamu.
Kuni Qajeelfama Seera biyyattii Osoo hin taane, duula warra jibba islaamummaatiin guutameen qindaaweedha! Dubbiin Kun yeroo dabree warruma qaama Mootummaa keessa taa'aniin deeggaramaa ture. Tarkaanfiin Sababa uffannaatiif Obboleewwan Keenya Kan dubartootaa Barnoota malee hambisuuf Manneen Barnootaa Magaalaa Fiinfinnee,Tigraay, Diillaa University Fi iddoolee garagaraa keessatti gaggeefamaa Jiru ijoo dubbii tahaa dhufeera. Ijoon kana calees hin jiru.
Dhimma kanarratti hooggantoonni mootummaafii Sirna Barnootaa Keessa jiran Baay'een wantichi qajeelfama Seeraa Kan qabne tahuu ibsuuf yaalaa Jiru. Garuu, Dubbiin Ministeerri Barnootaa Paarlaamaa Irratti Waan kana deebisuudhaaf yaale, Gara fuuldurattillee Niqaaba ufffachuun dhoorkamaa akka tahe jala sararee dubbatee Jira. Kanaafiis Niqaaba ufffachuun eenyummaa ofii dhoksoodha Waan Taheef Rakkoo nageenyaatiif Kan Jedhu kaasuu barbaade jaarsi Kun!
Jaarraa Kana Keessa Mirga Kee Sumaatu kabachisiifata! Guuza hin barbachisu! Dhugaa lafa jirtu Ka qaamni kamuu beeku Waan taheef eenyullee amansiisuuf darsa Walitti qabuun Dirqamaa miti!
Ejjannoon mirga ofii falmachuu itti fufa! Haqa deeggaruun, utubuunifi Yoo barbaachise haqaaf wareegamulleen Roorroo liqimsanii jiraachurra salphaadha!
Jarri carraa nuti of dagannetti fayyamuufi malee, iejjannoo muslimaa Isaanuu bareechaniit beeku! Garuu Gaafiin ulfaataan nutuu ofiif deebisuu hin dandeenye “ Nuti Muslima Dhugaatii? ” Kan jechuudha! Eeyyeen ni ulfaata! Gaafii kana deebisuu Kan dandeenyu yoo Gochaafi jechi keenya Walsime Qofa!
UNITY MEDIA-1
{ Let's work together to shape the future of the Ummah }
#Share