Walumaa galatti, jilli Magaalaa Maayaatti supparviizyinii barnootaa gaggeessaa oole kun cimina manneen barnootaa keessatti mul'ate jajjabeessuun caalatti akka itti fufuu qabu ibsuun, hanqina mul'ataniif immoo, lammiin dhaloota gahumsa qabu egere arguu hawwu hundi barnoota irratti xiyyeeffannoo kennuun akka deeggaru dhaamaniiru.
Dhumarratti, Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo supparviizyinii barnootaa jila isaanii waliin ta'uun gaggeessaniin duub-deebii kenname hunda akka galteetti fudhachuun jijjiirama olaanaaf akka hojjatan ibsuun jila daawwannaa kanarratti hirmaate galateeffataniiru.
#Keessattuu, Pirezidaantii Yunivarsiitii Haramaayaa Dr. Jemaal Yusuuf deeggarsa isaan Manneen Barnootaa Maayaa dabalatee manneen barnootaa godina Harargee Bahaa keessatti argamaniif taasisaa jiran galata guddaa galchaniifiiru.
Supparviizyinii Barnootaa taasifameen MBIBBA Haramaayaatiin ala, manneen barnootaa Bu'uura Boruu irraa hanga MB. Sad. 2ffaa keessatti rakkoowwan hedduun mul'ataniiru.
Rakkoowwan mul'atan immoo mootummaan ykn qaama muraasaan kan furamanii miti.
Rakkoo barnoota biyya keenyaa yeroo dheeraaf kan kuufamaa dhufe ta'uurraa kan ka'e wal xaxaafi humna dinagdee guddaa kan gaafatuudha.
Kanaafuu, #Dhalootni_kan_ijaaramu_barnootaan_waan_ta'eef_barnoota_deeggaruun_immoo_kutannoo_lammii_hundaa_gaafata. Lamniin hunduu barnootni bu'uura waan hundaa ta'uu hubachuun hundaa ol dursa kenninee barnoota keenya qulqullinasaa mirkaneessuuf hojjatamui akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.
Walumaa galatti, qaamni adda dureen ergamni itti kenname Gumiin Tiransiformeeshinii Barnootaa Oromiyaa(GTBO) sadarkaan jiran hundi hojii bara 2016 hojjataa turtaniif galateeffachaa bara 2017 immoo, jijjiirama ajaa'ibsiisaa galmeessisuuf akka hojjattan abdii guddaan qaba jedhaniiru.
Supparviizyinin barnootaa hogganaa BBO Dr. Tolaa Bariisootiin gaggeeffamaa jiru kun #godinaalee_hafanittis_kan_itti fufu ta'uu sagantaan bahe agarsiisera.
🌀 Full images
Oromia Education Bureau 💠