27 Hagayya 2026
Gargaarsa hubannoon namtolcheen(AI)'n baqaqsanii yaaluun sammuu jalqabaa taasifame
Nama wal'aansi baqaqsanii yaaluu taasifameefMadda suuraa,UCH
Dhukkubsataan addunyaa jalqabaa deeggarsa AI'dhaan wal'aansa baqaqsanii yaaluu sammuu taasifate.
Riyaas Hibeert abbaa ijoollee lamaa lammii UK otoo wal'aansa kana hin taasifanne taheetii qaroosaa dhaba ture jedhe hakiimni Hospitaala Yunivarsiiti Kooleejii Landan.
Meeshaan AI viidiyoo isaaf kenname xiinxaluun hakiimonni baqaqsanii yaaluu kanarratti hirmaatan akka isaan ujummoo dhiigaa dhokataa sammuu keessa jiru akka itti hin buune itti agarsiisaa gorsaa ture.
Dhiitoo sammuu keessa ture hidda dhiigaa biraatti otoo hin bu'in akka baasan gargaareera.
''Gama dhukkubsataaf gargaarsa kennuun baayyee bu'aa qabeessa. Sababiin ammoo sammuu keessa mallattoon karaa sitti agarsiisu hin jiru,'' jedhe Hiibeert.
Sammuun nama kanaa qoratamuun booda dhiitoo kaansarii hin qabne keessatti argameera.
Akkuma ChatGPT meeshaan AI kuni viidiyoon sammuu nama dhukkubsataa itti kenname jennaan tokko, tokkoon adda baasee iddoo rakkoon jiru mallattoo kaa'uun hakiimota gargaare.