Rakkoon keenya Seexana, namoota nujibban, ykn walxaxaa haala jireenya addunya kana utuu hintaane walitti dhufeenya sirrii Waaqayyoo wajjin qabaachu dhabuudha. Yeroo walitti dhufeenya sirrii ta'ee Waaqayyo wajjin qabannee akka dubbi isaatti yaaduuf hojjechu jalqabnnu Seexanni jireenya keenya keessatti iddo argachuu hindanda'uu waan ta'eef homa nugochu hindanda'uu. Namooti yoo nujibban nuun utuu hintaane ofiisanii miidhu. Sababi isaa sammu namoota sijjibbu keessaa iddoo gaari tokko qabatte
Waan teessuuf yeroo hundumaa siyaadatu. Nama jibbantu sammu namaa bitaa waan ta'eef utuu hinjaalatin nama jibbinuuf garba taane jiraannaa.
Kanaaf Haalli mijate mijachu didee jette dhipachuu dhiisi. Biyyi lafaa bara kamiyyu mijatee hinbeeku waan ta'eef hammeenyi ishee ittuu caalaa deema.
Yoo bilisa ba'uu feetee nama simiidhe ykn sijjibbeef dhiifaama gochu dha. Nama sana gaafatte ykn nama wajjin marii gootee utuu hintaane ani yakka kana itti hinlaka'uu dhiseera jedhi. Araarri ji'a, waggaa ykn isaa ol fudhachuu danda'aa. Sababi isaa yeroo madaan kee fayyuu fi namnni simiidhe baleeseera jedhee aaraara barbaadu ta'aa. Dhiifama garuu Yesuus fanno irra utuu jiruu warra isa waraananiifi itti qoosanii dhiifama godhee. Isxifaanoos warra dhagaan rukutaa turaniif utuu dhiigi isaa dhangal'auu dhiifama godhee. Karaa dhiifama namnni ykn halli sammu kee akka garba hingodhanne goota.
Kanaaf ilaalcha kee ofii kee, namoota ykn biyya lafaa isa system (akkaatan jireenya) walxaxaa ta'ee irraa kaasi ulfinaa Waaqayyoof jiraachu irra ka'ii. Dubbii isaa gadi fageenyaan qoradhuuti hubannaf ogummaa akka siif dabalu kadhadhu. Ergaa aaraaraa sitti kennameen hojjedhu. Ati duwwaa miti ergaa aaraaraa sirka jiraa, qophaa kees miti Waaqayyotu siwajjin jira. Rooma 5:17; 2 Qor. 5:21.