BARUUMSA DEEBI’EE DHUFUU YESUUS KIRISTOOS
#Kutaa - 3ffaa
Baruumsa Deebi’ee Dhufuu Yesuus Kiristosii fi Taateewwan Bara Dhumaa
Yesuus Nuuf Dhufa 🙏
• Jalqaba namni Waaqayyo waliin jiraachaa ture. Garuu, sababii Addaami fi gargaartun isaa cubbuu hojjetaniif iddoo namatti tolu sanaa baanee biyya lafaa ishee rakkinaan, jal'inaan, cubbuudhaan, jibbaan, hammeenyan, fi kan kana fakkaan hedduun guutamte keessa jiraachaa jirra. (Uma. 3)
• Waaqayyo garuu adeemsa dheeraa booda jireenya keenyaaf jaalala nuuf qabu irraa kan ka'e sababii cubbuu keenyaa kanaaf aarsaa dhiyeessuu barbaadee ilma isaa isa jaalatu aarsaa sababii cubbuu keenyaaf godhee nuuf dhiyeesse. Innis aangoo Waaqummaa utuu qabuu gad of deebisee nuuf dhalatee, aarsaa sababii cubbuu keenyaa nuuf ta'ee cubbuu ilmaan namaa hundumaa baatee fannoo yaabee Waaqayyo abbaa nuuf kadhachuun nuu fi Waaqayyo abbaa walitti araarse. 🙏 INNIS YESUUS KIRISTOOS isa jedhameedha. (Isa. 53) guutummaatti akkamiin akka Yesuus nuuf dhiphate nuuf hima.
Isa. 53
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴ Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.
⁵ Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;
⁶ nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e.
• Egaa yaa obboleessa koo Waaqayyo kana hundumaa kan godhe sababii koo fi kee ta'uu isaa hin dagatin! (Mul. 22:14) Maal gochuun akka nuuf ta'uu fi yoo qulqulluu taane maal argachuuf akka jirru tolchee nuuf hima. (Ibr. 3:1) immoo maal gochuun akka nuuf ta'u barreeffameera.
“Kanaafis yaa obboloota Waaqayyoof qulqullooftanii, waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaattanii, Yesusin ergamaa fi angafa lubootaa, isa amantii keenyaan beeksifnu yaadadhaa!”
— Ibr. 3:1
“Warri uffata isaanii miiccatan haa gammadan! Isaan muka jireenya namaaf kennu bira ga'uudhaaf aboo qabu; karra sanaanis mandarichatti ol in galu.”
— Mul. 22:14
• Egaa obboloota koo Yesuus dhuguma deebi'ee dhufee nu fudhata. Akka nu fudhatu kakuu nuuf galeera. Inni akkuma sababii cubbuu keenyaaf gadi bu'e nu fudhachuuf deebi'ees ni dhufa. Waan inni nuuf qopheesse ijji namaa, gurri namaa, yaadni namaas kan hin hubannedha. Akkam nama gammachiisaa akkam namatti tolas. Garuu, meeqan keenyatu jireenyicha argachuuf jira laata?
@Yerusaalem_Haaraa
@Maaranaataa_Yesuus ➕