QOROMSAAN ILAALAMANI DARBUU KEESSAAN DHUFA.
✍️ Qorumsi waan namni jaallatee itti galuu utuu hin taane waan fedhii fi yaada namaa ala namatti dhufudha. Qorumsi yeroo jalqaba nama mudatu waan nama naasisuu fi abdii nama kutachiisu yoo ta’ellee, achi keessatti namni obsa, amantii, danda’uu fi caalaatti gar Waaqayyootti siquu namatti hora. 📖 1Phe. 1:5-7 ⁵ Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a.⁶ Amma yeroo gabaabduudhaaf qorama garaa garaatiin gaddisiifamuun keessan kan hin oolle yoo ta'e iyyuu, isa sanatti immoo baay'iftanii in gammaddu. ⁷ Warqeen inni baduuf jiru iyyuu ibiddaan in qorama; amantiin keessan inni warqee caalaa gati-jabeessi immoo, guyyaa Yesus Kristos itti mul'achuuf jiru sanatti, jajamee guddinaa fi ulfina akka argatutti qoramee in ilaalama.
✍️ Qulqullinii fi miidhaginni (the quality and beauty) hafuuraa kan inni dhufu morkee (challenge) sana keessatti.
📖 IYOB 23:10 “Haa ta'u iyyuu malee, inni karaa koo in beeka, yeroo inni qoree na ilaaluttis akka warqeetti nan ba'a.”
✍️ Akkuma Warqeen warqummaansaa ibidda keessa erga darbee fudhatamu, jireenyi kiristaanummaas qorumsaan ilaalamanii erga darbanii fudhatama.
📖 Isa 48:10-11¹⁰ Kunoo, akka meetiitti yoo ta'uu dhabaatte iyyuu, si qulleessuudhaaf rakkina isa akka ibiddaatiin ani si qoreera; ¹¹ ani ofuma kootiif, ofuma kootiif jedhee kana nan godha; maaliifan maqaan koo akka balleeffamu godha? Attamittanis ulfina koo kan biraatiif kenna ree?
✍️ Qormaanni mana barumsaatii dhiyaatu akka sadarkaa barumsaatti namaaf dhiyaata. Qorumsi kutaa 6ffaaf dhiyaatu kanuma kuticha malee kan kutaa 8ffaa hin ta'u, kan kutaa 8ffaa immoo kan kutaa 12ffaa hin ta'u. Akkasuma hamma dandeettii keenyaatiin ol-waaqayyo nu hin qoru. Haa ta'u malee kiristaanni kamiyyuu qorumsa matasaa qaba.
📖 1Qor. 10:13 “Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta'eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.”
✍️ Ilaalamanii erga darbanii booda barbaadamu, jireenya, ulfinaafi mo’icha isa caalutti darbuu fi fira Waaqayyoo ta’uutu jira.
📖 ZakZak. 13:8-9 ⁸ Guutummaa namoota biyyichaa keessaa harka sadii keessaa harki lama rukutamee in dhuma; haa ta'u iyyuu malee, harka sadii keessaa harki tokko isa keessatti in hafa; ⁹ harka sadii isa hafe sanas ibidda keessa buusee, akka meetii fi akka warqeetti qoree nan ilaala; yommuu isaan maqaa koo waammatan, ani immoo isaaniif nan dhaga'a; 'Isaan saba koo ti' nan jedha; isaanis, 'Waaqayyo gooftaa keenya' in jedhu" jedha.