Jilli Af-yaa'ii Caffee Oromiyaa Aaddee Saa'aadaa Abdurraahmaaniin durfamu hojiiwwan misoomaa godina Shawaa Lixaa daawwate
***
Aaddee Sa'aadaan daawwannichi ayyaana Saboota, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa marsaa 19ffaa kabajamu sababeeffachuun kan qophaa'e ta'uu himuun, hojiiwwan misoomaa godinichatti hojjatamaniin hawaasni akka irraa fayyadamuuf deeggarsii fi dhiyeessiin gama mootummaatiin jiru cimee kan itti fufuu ta'uu himaniiru.
Bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa, godinichatti bara kana lafa heektaara kuma dhibba sadii ol irratti oomishaalee adda addaa misoomsuuf karoorfamee hojjatamaa jiru keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 100 fi kuma lama ol misoomee jiraachudha kan dubbatan.
Qonnaan bultoonni Aanaa Walmaraa oomisha qamadii jallisii fi kilaastara garbuu nyaataa misoomsanis oomisha isaaniif nooraa fayyadamuun isaanii omishaa fi omishtummaa isaanii akka dabaluuf himaan.
Wasanee Amaareetu gabaase