Barumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa ✍️ #Kutaa - 5ffaa
4. Guyyaa fi Yeroon Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesus Kiristos Yoomidha?
Gaaffiin kun dhiphisaadha; salphaadha; walxaxaadhas.
i. Akka hattuuttidha. (2Phe. 2:10; 1Tas.5:1-2,4-5; Luq. 12)
ii. Ciniinsuun akka dubartii ulfaa qabatutti (1Tas. 5:3)
iii. Yeroo hin beekamnetti (Mar. 13:34-35; Luq. 12:45-46)
iv. Yeroo quba hin qabaatiinitti (Mat. 24:44)
v. Akka tasaa/dingata/ (Mar. 13:36)
vi. Akka bakakkaatti mul’ata (Mat. 24:27)
vii. Abbaa qofatu beeka (Mar. 13:32)
5. Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesus Eeggachuu: Gooftaan Yesus akkamitti eeggatama?
1. Of to'achuudhaan (1Tas. 3:13)
2. Of eeggachuudhaan (Mat. 24:43-44)
3. Obsaan (Mat. 24:13
4. Dammaquudhaan (Luq. 12:35-40)
5. Hawwiidhaan (Qol. 3:1-4)
6. Abdiidhaan (Mat. 24:32-35)
7. Gammachuudhaan (Yoh. 16:21-22)
8. Kadhachuudhaan (Mar. 13:33)
9. Amanamuudhaan (Luq. 12:42)
10. Of qopheessuudhaan (Luq. 12:31-37);
Fakkeenyota of qopheessuu:
(2Xim. 2:3-6; 2Qor. 11:2-3)
a) Raayyaa biyyaa
b) Qonnaan bulaa
c) Dorgomaa
d) Durba kaadhimaa eeggattu
e) Barataa eebbifamu
6. Deebi’ee dhufuu Kiristoosii fi Ga’ee Amantootaa
» Jaalalaa fi Dubbii Waaqayyootti hiddaa fi hundee godhachuu (Efe. 3:17; 1Tas. 3:11-13; 4:10)
» Dammaqanii kadhachuu (Mat. 26:41
» Gara jireenya guutamuutti guddachuu (Efe. 4:12-16
» Deebi’ee akka gooftaan Yesus dhufu yaaduu fi yaadachuu (2Phex. 3:8; Qol. 3:1-4)
» Mudaa malee ta’anii qophaa’anii eeggachuu (Mat. 25:1-13; 1Tas. 3:13)
» Qalbii jijjiirrachuu fi Obsaan deddeebi’uu (2Phe. 3:9; Yaq. 5:7-11)
» Namoota biroo illee yaadachiisuu!
II. Deebi’ee dhufaatiin Kiristoos si’a lama ta’uu isaa1. Osoo hin mul’atin dhufa. Kun waldaa isaa fudhachuuf (warra qulqulloota ta’an),
yeroo eenyu iyyuu hin beeknee fi quba hin qabaatiinitti yookiin akka hattuutti dhufa (Luq.12:39-40; 21:34-36).
Yeroo kana Kiristoos waldaa isaa (warra obbaafatan du’aa kaasuu fi warra jiran immoo jijjiiruudhaan) qilleensa irratti butata. Kunis kan ta’uuf toloota ofitti sassaabachuuf (Yoh. 14:1-3), gidiraa jalaa oolchuufidha (1Tas. 1:10).
2. Mul’inatti Deebi’ee Dhufuu Isaa. Samii irratti chidha waggaa torbaa booda toloota waliin ni dhufa. Ulfinaan waan dhufuuf hundinuu isa arguuf jiru.
Kaayyoon Lammaffaa Dhufuun kunis: a) Waggaa kuma mo’uuf (Mul. 20:4-6)
b) Israa’eliif yeroo fayyinaa akka ta’uuf (Mat. 24:21-22; Rom. 11:26-27)
c) Cubbamoota yookiin hamoota ijaa ba’uuf (Mat. 25:31-48; 2Tas. 1:6-10)
d) Mootummaa Seexanaa fi kan Masihicha sobaa jigsuuf (Mul. 20:1-3)
e) Qulqulloota lafa kana irratti gammachiisuuf (Isa. 11:1-10
Isaan kana iddoo biraatti bal’inaan ilaaluu ni dandeenya.
@Maaranaataa_Yesuus ➕