Qaamni si qacaru CV kee dubbisuuf sekondii 10 ol hin kennu.
(Biiziidha)
Kanaaf,
CV yeroo qopheessitu odeeffannoo barbaachisaa ta'e qofa barreessi.
Akkasumas,
Diizaayinii isaa bareechuuf jecha
canva.com waliin of hin rakksin. Salphumatti, #MS_Word irratti barreessi. Why not?
(Namni CV kee dubbisu daa'ima miti nama guddaadha bar... bareedina diizaayinii keetirraa dantaa tokko hin qabu...muu)
Odeeffannoo CV keessatti barbaachisu:
1. Muuxannoo Hojii:
Waan amma dura hojjette gabaabsii ibsi. Dhaabbata keessatti hojjetaa turte irratti gaheen kee maal ture? Bu'aa (result) ati argamsiiste maali? Kana gabaabsii barreessi.
2. Sadarkaa Barnootaa:
Sadarkaa barnootakee isa guddicha qofa himi. Hamma digiriitti baratte yoo ta'e, digirii kamiin akka eebbifamte fi Yuunivarsiitii kamirraa akka eebbifamte yoo caqaste gahaadha.
Kanarraa kan hafe,
Waa'ee kutaa 1–12 barreessuun yeroo guba, bakka fudhata, CV kee dheeressa.
(hin barbaachisu)
3. Dandeettii (Skills):
Dandeettii kee gabaabsii barreessi. Garuu, dandeettiin ati barreessitu gita hojii amma irratti dorgomaa jirtuuf kan barbaachisu ta'uu qaba.
Fakkeenyaaf,
Hojiin ati amma irratti dorgomuu barbaadde "Video Editing" yoo ta'e, dandeettii Video Editing keessatti barbaachisu qofa barreessi.
Maleessa,
Meeshaa akkaawuntiingiif barbaachisu... "Peachtree" fayyadamuu nan danda'a jettee yoo barreessite... doesn't make sense. CV kee dadhabaa taasisa. Maaliif jennaan, dandeettiin sun gita hojii kanaaf faayidaa tokko illee hin qabu.
Wanni hubachuu qabdu:
CV ati qopheessitu, qaamni si qacaru sekondii muraasa keessatti eenyummaa kee akka hubatuu fi gita hojii sanaaf akka filatamtu taasisuu danda'uu qaba.