Gara eenyummaa kootti na deebisi!
Hantuuta baayyee xiqqoo tokkotu ture. Hantuuti kun yeroo adurreen akka feetetti jiraattu argitee maal ta'a utuun akka ishee ta'ee jettee hawwite. Kanumarraan akkas jechuun Waaqa kadhatte. "Waaqa koo akkan hin sodaanneef adurree na taasisi!" jettee Waaqa kadhatte. Waaqnis dhaga'ee akkuma isheen feete adurree taasise.
Ammammoo erga adurree taatees saree argitee sodaachuu eegalte. Ammas akka feetetti jiraachuuf jettee, ammas akkas jechuun waaqa kadhatte. "Waaqa koo akkan homaa hin sodaanneef saree na taasisi!" Jechuun waaqa kadhatte. Ammas saree taate. Guyyaa tokko utuu ciiftuu leenci itti dhufeennaan leenca argitee sodaatte. Ammas akkas jechuun waaqa kadhatte "akkan homaa hin sodaanneef mootii bineensotaa isa ta'e leenca na taasisi!" Jettee waaqa kadhatte. Waaqnis kadhata ishee dhaga'ee leenca ishee taasise.
Amma immoo leenca gaafa taatu guyyaa tokko nama adamoo adamsu argitee sodaachuu eegalte. Sana booda ammas Waaqa akkas jechuun kadhatte, "Waaqa koo sodaa malee akkan jiraadhuuf, nama na taasisi!" Jettee waaqa kadhatte. Sana booda waaqnis dhaga'eefii nama ishee taasise. Sana booda erga nama taatee booda ammoo teessee, utuu TV ilaaltuu waa duubasheen shokokse. Sana booda rifattee sodaattee gaafa ilaaltu hantuuta xiqqoo tokkoodha. Isheenis sana booda akkas jechuun waaqa kadhatte. "Waaqa koo gara eenyummaakoo jalqabaatti na deebisi!" Jettee gara eenyummaa ishee jalqabaatti deebite jedhama.
Wanta armaan olii kanarraa waan guddaa hubattu jedheen yaada. Lafa kana irratti akka nama biraa ta'uuf yaaluu caalaa wanti gadi bu'aan jiraa laata? akka nama biraa ta'uuf gaafa yaaltu kan Wal loltu nama biraa waliin osoo hin taane eenyummaa kee waliini. kanaaf, ofi kee mufachiistee, eenyu waliin jiraattaree? hiriyaan kee yoomuu sirraa hin fagaanne eeyummaa keetii. hundaa olitti ofii kee waliin nagaa jiraachuf of ta'uu qabda.
Yeroo kamiyyuu taanaan of ta'i. Gammachuu sobaa hin barbaadin.Nama gammachiisuuf jattee eenyummaa kee isa sirrii sun hin dhabin.Of taatee dhalattee akka of taatee beektee jiraattuuf, waanjoo ormaa jalaa ba'ii mul'ata kee faana bu'i" Ati gaafa dhalattu suma mataa kee taateeti maaf tarsiimoo fi imaammata nama biraa hordofta?
Yaa ilmoo namaa..! Eenyummaa kee beekii of ta'ii tokkicha gita hin qabne! Of ta'uun kennaa addaa addunyaa kanaati. Namni tokkoyyuu bakka si hin bu'u.Ati bakka biroo hin buutu erga akkas ta'e of ta'i of ta'i...!
Atis akka kee ta'i!