🗣️ Jaalalaa fi jireenya ❤️
Loltoonni lama baayʼee michoota guddaa turan. Waliif akka du'an wal irratti akka du'an waadaa qabu.Yeroo tokko Lola guddaa adeemsifame booda warreen lubbuudhaan hafan gara duubatti akka deebi'an ajajaman. Hiriyoota lamaan kana keessaa tokko hin deebine. Loltuun hiriyaan isaa akka hin deebine hubate kun namoota hedduus gaafate. Deebiin inni argate "Namoonni hedduun ajjeefamaniiru." Kan jedhu ture. Innis hiriyaan isaa ni ajjeefamee? Jedhee sodaate. Duubatti deebi'ee namoota gaafate. "Ajjeefamuu isaa mirkaneeffachuu baadhus, garuu baayyee madaa'ee waan tureef qarqara boolla ciisee jira. Yeroo kanatti duʼuu danda'a. " jedhanii itti himan. Yeroon dukkanaa'aa jira. Diinni garuu ammas maraatummaadhaan dhukaasaa jira. Loltuun deemee hiriyaa isaa barbaaduu akka qabu murteesse.
Ajajan isaa garuu; "Lakki kun gowwummaadha." jedhe. Loltuun Ajajaa isaa sana hin dhaggeeffanne ni deeme.
Dukkana baayyee rakkisaa sana keessa naannoo hunda reeffa kumaatamaan lakkaa'amu jira. Innis ilaalee ilaalee halkan walakkaa reeffa hiriyyaa isaa arge. Akka carraa loltuun hiriyaa isaa barbaaduuf deebi'e kun mataan isaa amma haala suukaneessaa ta'een madaa'eera, lubbuun jiraachuu hin danda'u.
Ajajaan yommuu dhufee boolla sana gahu reeffa hiriyyaa isaa du'ee cinaatti kufee arge.
"Duubatti akka hin deebine sitti himeera! Gatii hin qabu ture. Amma waan ofirratti goote beektaa? Hiriyaan kee du'ee, ati du'aa jirta!" jedhe.
Loltuun gara malee madaa'ee hiriyaa isaa cinaa ciisaa jiru sun yeroo dhumaatiif ija isaa banee, "Gatii guddaa qaba. Sababiin isaas yeroon hiriyaa koo cinaa gahu lubbuun keessa jirti. Innis ol jedhee ana ilaalee, “Akka waliif kakannee waadaa waliif galleen akka deebitee dhuftu nan beeka ture." Naan jedhee du'e." jedhe.
Jaalalaaf jecha jireenyi aarsaa ta'uu danda'uu qaba. 💔
Jireenyi kan bareedu gaafa jaalalli jiru qofa. Jaalalli jireenya caalaa gatii olaanaa qaba. Jireenyi jaalalaaf aarsaa ta'uu danda'a, jaalalli garuu jireenyaaf aarsaa ta'uu hin danda'u.
@Asoosamaafiwalaloo
❤️ ⤵️ 🔕 ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
@Barruu_Beektotaa 📔