Atileet Qananiisaa Baqqalaan Ispoortessaa cimaa Afrikaa jedhamuun badhaafame.
Atileet Qanaaniisaa Baqqalaan ispoortessitoota Afrikaa jaarraa 21ffaa keessa mul'atanii gahumsa olaanaa agarsiisan keessaa ispoortessaa cimaa jedhamee filatame.
Qananiisaan isporteessitoota bebbeekamoo ardichaa kan akka Eluud Kipchoogee, Didiyeer Dirogbaa, Saamu’eel Ettoo fi Mohaammad Salaah dursuun sadarkaa kana argate.
Miidiyaanaddunyaa 'ESPN' ispoortessitoota filatamoo jaarraa 21ffaa Afrikaa 10 ifoomsuu hordofee Itoophiyaa fi Keeniyaa atileetota lama lama filachiisuun sadarakaa jalqabaarratti tarreeffamuun eerameera.
Atileetiin fageenya dheeraa Itoophiyaa Qananiisaa Baqqalaan sadarkaa duraa yoo qabatu, atileetiin Keeniyaa Eluud Kiiochoogeen sadarkaa 2ffaa qabateera.
Atileet Xurunash Dibaabaa dubartootaan sadarkaa lammaffaa, waliigalaan ammoo sadarkaa shanaffaa qabachuu ishee ibsamee jira.