Siitii v Niwukasil, Leester v Arsenaal, Tootenhaam v Man Untd,... eenyu mo'a?Niwukaastil Piriimer Liigii keessatti Istaadiyeemii Itihaaditti injifatee hin beeku, bu'aan isaa inni gaariin daawwannaa 20 keessaa lama qixa ba'uu isaati. Haata'u malee, tapha sambata dhufuutiin Maanchistar Siitii injifachuu danda'aa?
Ani yeroo baayyee tilmaama kennuudhaaf akka na gargaaruuf saayinsiin fayyadama, amma garuu waa'ee seenaas yaaduun narra jira," jedha ogeessi kubbaa miilaa BBC Sport Kiriis Saatan.
Saatan bara kana taphoota Priimer Liigii 380 hunda tilmaamaa jira. Ogeessi kun taphoota Piriimer Liigii torban 25ffaa akka itti aanuun tilmaameera.
Niwkasil yeroo dhumaatiif Siitii kan mo'ate Fulbaana 2000 goolii Alaan Shiirar lakkoofsiseen ture.
Tilmaama Saatan: 2-1
Saawozihaampitan v Barnimaawoz
Barnimaawoz tapha kana hin mo'atu taanaan baayyee na ajaa'iba. Saawozihampiten bara kana akka hin taane ta'aniiru. Tapha 'FA Cup' dirreesaaniirratti Barnilee waliin taphatanirrattillee deeggartootasaanii gammachiisuu hin dandeenye.
Gama kaaniin ammoo Barnimaawoz sirriitti gurmaa'oodha. Gareen kun sarara hundarratti madaalawaadha. taphatana isaanii Jastiin Kiluuvert ammoo cimina addaarratti argama.
Tilmaama Saatan: 1-3
West Haam v Biraayiten
Biraaiten qe'eerraa fagaatee yeroo taphatu laafaadha. Weest Haam ammoo taphoota sadan darban keessaa qabxii tokko qofaa argate.
Bara darbe Guaandhala keessa west Haam 4-2n Bireentifoordiin mo'atee ture.
Bara kana ammoo goolii akka kanaa baayyeen ta'uu baatus dubbiin kanuma bara darbe ji'uma kana keessaa waliin wal fakkaataa ta'a jedheen yaada.
Tilmaama Saatan: 2-1
Kiristaal paalaas v Everten
Ji'a darbe Evertenitti kan deebiye Daavid Mooyes hojii ajaa'ibaa hojjeteera. Everten darbii Marsiisaayid irratti Liiverpuul kan Liigicha dursaa jiru kurkurse.
Mooyes Everten ammallee akka fuulduratti deemu gochaa jira. Haata'u malee, taphataa kaardii diimaan jalaa adabamuu dabalatee tapha Roobii galgala Liiverpul waliin turerratti miidhamuun isaa hin oolle.
Kiristaal Plaas garuu yeroo ammaa kana cimina gaariirratti argamu. Taphataan isaanii Jiin Filiip Mateetaa dhaabuudhaaf rakkisaa ta'aa jira.
Tilmaama Saatan: 1-0
Dilbata, Gurandhala 16
Asxaa Niwkasiliifi Maanchester Siitii
Liiverpuul v Wolvis
Wolvis tapha darberratti Aston Viilaa mo'ataniiru. Akuma kana FA Cup irratti yeroo isaan Bilaakbarn mo'atan daawwachaan ture.
Haata'u malee, dirree Liiverpuul, Anfiild irratti Wolvis mo'icha argata jedhee hin yaadu.
Liiverpuul tapha Everten walii walqixa bahe sanarraa gara mo'achuutti deebiyu jedheen eega. Leenjisaan Liiverpuul Arnee Silootiifi itti-aanaan isaa sababa kaardii diimaatiin tapha kanarratti teessumarratti hin argaman.
Taphni 14 hafee yeroo jirutti Liiverpuul lammaffaara kan jiru Arsenaaliin qabxii torbaan caalee dursaa jira.
Taphattoonni Liiverpuul qabxii Guudisan Paarkitti gatan yaaduun seetoon taphachuun Wolvisiin mo'achuun isaanii kan eegamudha.
Ani tapha kanarratto Mohaammad Saalaan ni lakkoofsisa, Liiverpuul sirriitti amansiisee mo'ata.
Tilmaama Saatan 3-0
Tootenhaam v Maanchester Ynaayitid
Tapha kanarratti tilmaama laman kenna. Tokko faallaa tilmaama ani kennuu ta'uu haalli itti danda'u ni jiraata.
Fulbaana darbe Tootenhaam gara dirree Maanchester Yunaayitid deemee 3-0n adabee deebiye. Kun garuu amma waan ta'uu danda'u hin fakkaatu.
Tootenhaam amma taphattoonni isaa ciccimoon miidhamarra turan deebiyaafiif jiru. Haata'u malee, tapha kanaaf hangam gahumsa guutuun qaqqabuu danda'u kan jedhu gaaffiidha.
Maanchester Yunaayitid ilaalchisee ammoo tibba kana keessa gabaasa ba'aa jiran tokko tokko yeroon ilaalu, taphattoonni leenjisaa haaraa Ruuban Amoorim waliin gammachuu hin qaban.
Kilaba kana ilaalchisee dirree keessaafi dureen alatti wanta baayyeetu deemaa jira.
Ani akkan yaadutti, Ruuben amoorim walakkaa bara tapha kanaarra wan dhufeef yeroon isa barbaachisa.
Tilmaama Saatan: 1-2 ykn 4-0
#Gabaasni kan BBC Afaan Oromootti