ERGAA JIREENYA


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Telegram


Baga nagaan dhuftaan! Bal'inaan ergaan karaa channel kana dabarsinu
👉Barnoota gara garaa kan sagalee waaqayyo bu'uureeffatan
👉Walaloo Fi
👉Ergawwaan barsiisof bashanaansiisoo ta'an jabiinaan argaatu
By ads:https://telega.io/c/Ergaa_Jireenya

Связанные каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Telegram
Статистика
Фильтр публикаций


Репост из: Kuusa Walaloo!
#Siidaa_Jaalalaa_dhaabnaa!

Meeqa akka jiraattu
Natti himi mee umurii kee
Carraan kee fuula duraa
Maal ta'aamee dhumni kee?

Gaafa yoomiimmo duuta
Guyyaan du'a kee yoomii?
Bor ga'uu keef ragaa
Mee nama tokko waami.

Du'atu si beellamee
Mana keetti dhufamoo
Situ qullaa itti fiigee
Miila satti kufa immoo?
Mee yoom duuta
Gaafa awwaalcha keeti
Eenyuutu iyyee caraana?
Gammachuu du'a keeti
kamtu ijan wal waaraana?

Waa'ee guyyaa ishee borii
waan beektu qabdaa akkamii?
Yoo quba wal qaabaattan
Nagaa koo itti naaf himii.
Yoo quba hin qaabaannee
Deebii kanaa naaf himii.

Guyyaa du'a kee beekta
Hagam akka jiraattu
moo callisteetumaa
kan hidhii natti nyaattu
Kan afaan natti bantuu?

Mee maaltu galaan
Gammachuu koo gadditee
Jiraachuu koo jibitaa?
Garummaa koo dhoksiitee
Mudaa koo yeedaleessuun
sirba baaste sirbitaa?

Yeroon ani milkaa'uu
maaliif hidhii of nyaatta
maaliif taata oraatii
maalumaaf akka Xaddee
Qaamni kee gutummaansaa
Gadi yaasa qoraatti?

Mana koo jiraachuun koo
Nagaan bahee galuun koo
Naaf gubee si qammata
Yeroo waa'ee koo yaadduu
maa jinniin dhufee
Halkaan abjuun si ammaata?

Ati mana kee teessaa
Anis mana koon jira
Jireenyi lamaan keenya
Harka waaqayyo jira.

Takkaa harka kee miciiree
Fudhaadhe nyaadhe hin beeku
Sababa an jiraadhuuf
Hin beeloftu, hin deegduu.

Maaf boolla naaf qotaree
Maaf natti gurta dhagaa
Namaan antee siin jedhu
Maaf natti taata alagaa?

Ilaa hin bo'in gaafan du'u
Ano siin dhagaa'uu
Akka ati na jaallattuus
Ka'ee dhugaa siin ba'uu.
Ammaa gaarii Maaf yaadi
Isa galmaan nu ga'uu.

Dhiisi argaa koo hin jibbiin
Qaamni ofii wal hin looluu
Aarsan kees foolii bada
Fuula waaqatti hin toluu
Dinummaatu biqiilee
Jibbaatu hiddaa yaafataa
Seexanatu killaa banee
Ammeenya bobaafataa.

Dhiisi garba cubbuu hin taanu
Hin baannuu tullaa jibbaa
Dhiifama waaliif goona
sila hin jiraannuu dhibba

Boolla naaf qottee sana
Biqiltu keessaa dhaabnaa
Jibbaa kokolfaa awwaallee
#Siidaa jaalalaa dhaabnaa!

@Kuusa_Walaloo!

Jaalaattoonni aartii Walaloo afaan Oromoo mimmiidhagoo garaagaraa argachuuf channel keenyaaf maatii ta'aa.

link kino👇
@Kuusa_Walaloo
@Kuusa_Walaloo!


1ኛ ጴጥሮስ 5
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁶ እንግዲህ በጊዜው ከፍ እንዲያደርጋችሁ ከኃይለኛው ከእግዚአብሔር እጅ በታች ራሳችሁን አዋርዱ፤
⁷ እርሱ ስለ እናንተ ያስባልና የሚያስጨንቃችሁን ሁሉ በእርሱ ላይ ጣሉት።


Репост из: Kuusa Walaloo!
Ulfaadhu Uumaa Koo!
═════❖•●•❖═════
Dukkanni gurraachuu
Kan si qabuuf ifaa
Yeroo hundaa ati
Hin jijjiirrattu bifaa

     ¨¨''''''''''''''''''''''¨¨

Hammaadhees jal'adhees
Dalagus gidiraa
Dhiifamni bara baraa
Fuula kan kee jiraa

     ¨¨''''''''''''''''''''''¨¨

Haqa namaas loogdee
Kan garii hin dhoksituu
Waa matta'aa nyaattees
Murtiikee hin dabsituu

     ¨¨''''''''''''''''''''''¨¨

Akka namaa mitii
Gaarummaan kee adda
Baay'ina tola keetu
Ta'e jiruuf madda

     ¨¨''''''''''''''''''''''¨¨

Har'a kanaa ga'uun
Baree anummaakoo
Heyyama keetiinii
Ulfaadhu uumaakoo!!

@Kuusa_Walaloo

join👆


#Hojjechuu • #Milkaa'uu •
#Namni hunduu, biizinasii eegaluuf fedhii ni qaba. Garuu baay'een namootaa maalif akka yaadanitti eegaluu fi milkaa'uu hanqatan, kun gaaffii nama hundaati.

Ogeeyyonni diinagdee (Economist) hedduun, “yaada biizinasii gaarii yoo qabaatte, maallaqni rakkoo hin qabu” jedhu. Garuu #Biizinaasii jeechuun maalii.? Namni tokko, matii tokko madda galii godhate, hojatee, ifaajaafi, humna isiin of jirachuu hundii biizinaasii jedhamaa. /Employee, Self Employed, Business Owner and Investors/ kitaaba Roobert Koyaasaakiidha
Anis yaada kana ittan walii gala. Garuu biizanasii akkamitti eegalla? Maallaqni Eessan dhufa? Kan jedhu gaaffii nama hundaati.

Biizinasii eegaluuf;
1. #Fedhii qabaadhu:-  Wanti hundi fedhiirraa madda. Fedhiin ati waan tokko gochuf qabdu milkaa’ina keetif murteessadha. Dhugumaan biizinasii eegaluu barbaaddaa?

2. #Kutannoo qabaadhu:-  gara daldalaa yoo seentu qormaanni hedduudha. Bu’aa-bahii baay’etu jira. Keessattuu biizinasichaaf haaraa yoo taate wanti hundi ni ulfaata. Rakkoowwan akka qulqullina omishaa (product quality), hidhata gabaa (Market linkage), dorgommii (Competition), baasii (cost of production) fi kanneen biroo hedduun ija baasanii si eegu. Kun akka jiru beektee, kutannoo guutun gara biizinasii seenuu qabda.

3. #Obsa qabaadhu:- Hudhaaleen armaan olitti ka’an irra aanuf, obsi (patience) akkaan barbaaachisaadha. Rakkoolee hundaaf furmaata laachaa, nama mariisisaa deemun jala darbuuf yaaludha malee abdii kutachuun hin barbaachisu.

4. #Cichoomina qabaadhu:- Cichoominni (perseverance) biizinasiis ta’ee jiruu keenya guyyaa guyyaa keessatti faayidaa ol’aanaa qaba. Waan fedhii keetin itti amantee eegalte gufuu xiqqoofis ta’ee guddaaf hin dhiisin, itti cichi, haga dhumaatti deemi,

5.  #Filannoo Biraa (plan B) qabaadhu:- Gaafa daldala eegaltu waan tokko qofa irratti hin xiyeeffatin. Wantoota lama ykn isaa ol akka filannoo biraatti qabadhu (Business Diversification). Fakkeenyaaf, Yoo mana rifeensa dhiiraa yookiin dubaraa banuu barbaadde, cinaatti dibata gara garaa, urgooftuwwan (shittoo) banii daldali. Yoo qonna jal’isii qotuu barbaadde, loon furdisuu, lukkuu horsiisuu faa akka filannoo biraatti qabadhu.

6. #Galteewwan (Inputs) eenyurraa akka argattu beeki: Daldala keessaatti, waa omishuuf ykn tajaajila (service) wayii kennuuf madda galteewwanii (Sources of Inputs) keetii haalan beekuu barbaachisa. Glateewwan na fayyadan maal fa’a? hagamtu na gaha? Eenyurraayyin argadha? Gaaffiwwan jedhan deebisuun dirqama. Inni biraa galteewwan kana haala itti gatii salphaan argachuu dandeessu yookiin karaa ofuma keetii ofii dhiyeessuu dandeessuu irratti itti yaadi. Fakkeenyaaf, Mana Nyaataa (Hotel) qabda yoo ta’e horii qalmaa gabaarraa bituu moo, sangaa isa xiqqaa bittee erga gabbistee booda, qalmaa dhiyeessuu wayya kan jedhu irratti “Cost-benefit” isaa itti yaaduu barbaachisa.

7. #Fedhii fayyadamtootaa (demands) beekuu:- Bu’uurri wanta hunda maamila kee waan ta’eef fedhii isaanii addaan baastee beekuu barbaachisa. Wanta hawaasni tokko hin feene yoo eegalte hin ta’u. Fakkeenyaaf Hawaasa alkoolii hin dhugne keessatti mana dhugaatii banuun faayidaa hin qabu.

8. Waan #addaa (Unique) ta’e jalqabi: Asirratti baay’ee yaadun barbaachisaadha. Waan addaa yoo jennu waanuma haaraa qofa jechuu miti. Waanuma jiru bifa adda ta’een dhiyeessuu jechuudha. Fakkeenyaaf, buna jabanaa gurguruu yoo barbaadde, waanuma namoonni biroo kana dura godhan hin godhin. Xiqqoo waa fooyyessii koottu. Qulqullina bunaa, filannoowwan gargaraa kan akka buna aannaniin, shaayii, Bunaaf shaayii walitti (Ispiriisii), aannan duwwaaa, nyaata dafee qaqqabu (fast food) kan akka Saambusaa, Chiipsii, qoqarii fi kan kana fakkaatan cinaatti jalqabi!

9. #Maamiloota kee yaada gaafadhu (feedback): Yeroo hundaa nama waa sirraa fayyadamee deemu maaltu akka fooyya’uu qabu gaafadhu. Namoonni baay’en fedhii isaanii sitti himuu dhiisuu danda’u, garuu dandeettii fuula isaanii irraa waa hubachuu horachuu danda’uu qabda. Fedhiin maamila dugugguruu dugdaa biizinaii keetii waan ta’eef  fedhii isaa guutuu qabda. 

@Ergaa_Jireenya


" Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta'eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna."
(1 Qorontos 10: 13)


ቃል ይዘህ ስትወጣ❗❗❗

“እነሆም እኔ ከአንተ ጋር ነኝ፥ በምትሄድባትም መንገድ ሁሉ እጠብቅሃለሁ፥ ወደዚችም ምድር እመልስሃለሁ፤ የነገርሁህን ሁሉ እስካደርግልህ ድረስ አልተውህምና።”
  — ዘፍጥረት 28፥15


“ከአንተ ጋር ይዋጋሉ፥ ነገር ግን አድንህ ዘንድ እኔ ከአንተ ጋር ነኝና ድል አይነሡህም፥ ይላል እግዚአብሔር፦”
  — ኤርምያስ 1፥19


“እንዲህም ሆነ፤ በነጋው ሙሴ ወደ ምስክሩ ድንኳን ውስጥ ገባ፤ እነሆም፥ ለሌዊ ቤት የሆነች የአሮን በትር አቈጠቈጠች፥ ለመለመችም፥ አበባም አወጣች፥ የበሰለ ለውዝም አፈራች።”
— ዘኍልቁ 17፥8


#Eenyu_Duukaa_Buunu?

Mucaa durbaa tokkotu lafumaa ka'ee waldaa Kiristiyaanaa dhiise. Isa booda tikseen waldaa sanaa "maaliif waldaa keessaa baate? Maaliif Gooftaa irraas galagalte?" jennaan isheenis deebiftee "Ani namuma ilaaleen amantaa koo kana jibbe, gaggeessitoota hedduufi tajaajiltoonni hedduun jireenyi isaanii waan natti hin tolleef Kiristiyaanummaa koo kana irraa duuba deebihe" jette.

Gaggeessaan waldaa kanaas gaafa sambata miilanaa waldaa koottu dhimma cimaafan si barbaada jedhe. Isa booda akkuma isheen dhufteen mucaa kanatti bishaan burcuqqoo guutee itti kenne. Bishaan kana irraa homtuu osoo hin dhangala'iin waldaa kana keessa naannessii fidii koottu jedhe. Isheenis akkuma inni isheedhaan jedhe goote; bishaan kanas osoo hin dhangalaasiin xiyyeeffannaadhaan  suuta jettee baattee  fiddee tiksee kanatti kennite.

Innis gaaffii biraa tokko ishee gaafate. "Yeroo bishaan kana baattee deemaa turte namoonni maal hojjechaa turani?" jedhee ishee gaafate. Isheenis 'ani hin agarre' jettee deebifteef. Innis maaliif hin agarree jennaan, 'ani namoota tokko illee hin ilaalle, bishaan sun akka najalaa hin dhangalaaneef isa qofaa ilaaleen deemaa ture' jette.

Tikseen sunis deebisee, "Ilaa akkuma bishaan kana ilaalaa yeroo deemtetti waan namni gochaa jiru hin agarretti, osoo Gooftaa qofaa ilaaltee deemta tahe amantii kee irraa hin galagaltu ture' isheedhaan jedhe. Isheenis yaanni Tiksee kanaa ishee amansiisuudhaan jireenya Kiristiyaanummaa ishee Gooftaa ilaalanii deemuu qofaa irra godhatte. Kiristiyaanummaan kan Gooftaa ilaalanii jiraatanidha malee kan nama ilaalanii deeman miti.

Ergasii Yesus bartoota isaatiin, namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee #ofii_isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra ka'aate, ana duukaas haa bu'u. (Mat 16:24)

Gooftaa duukaa bu'uun nama ilaalaa jiraachuu mitiitii, waahee ofii illee kan nama dhiisisudha. Kiristiyaanni yeroo hedduu guddaatu gara Kiristoos qofaa ilaaluuf gahumsa godhata. Guddina amanataa tokkos kanaan beekuu dandeessu. Warreen namaan akka markaba dhahaan qilleensaa oofuu oliif gadi deeman immoo isaan amma illee kichummaa hamaa keessa jiru. Yaa obbolaako, Gooftaan ana duukaa bu'aa jedhe malee nama duukaa bu'aa nuun hin jenne.

@Ergaa_Jireenya


1 Yohannis 4:10-12
 
[10] Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.

[11] Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna.

[12] Namni tokko iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; yoo wal jaallanne garuu Waaqni nu keessa jiraata; jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.


በፍጹም ተስፋ እንዳትቆርጡ!!!
👉Gonkumaa abdii hin kutaatinaa.

ጸሎት አድርጉ!
👉 Waaqayyoon kadhadhaa

ተረጋጉ!
👉 Tasgabaa'aa

አስቡ!
👉 Itti yaadaa.

አቅዱ!
👉Karoorsaa.

ማድረግ ያለባችሁን ነገር ከማድረገ አታቁሙ!
👉 Wanta gochuu qabdan, gochuu irra hin dhabbatinaa.

ተስፋ መቁረጥ የሚባል ነገር አልተፈቀደላችሁም!
✍ Abdii kutachuun wanti jedhu isiinif hin eeyyamamnee.
@DrEyob

Channel keenya armaan gadiif miseensa ta'un,nu waliin maatii ta'a👇

@Ergaa_Jireenya.
@Yesuus_in_dhufaa
@Zeonglory
@Kuusa_Walaloo
@Gaaela_Milkaaaa


" Kana irratti Yesus, "Dubartii nana! Amantiin kee guddaa dha, akkuma ati barbaadde siif haa ta'u!" jedhee deebiseef; intalli ishees si'uma sana fayyite."
(Maatewos 15: 28)

@Ergaa_Jireenya


Репост из: Kuusa Walaloo!
#Waliif_haa_yaannu!

Waliif haa yaannu gaarumma
Hamma shiraan wal sakaalu
Haa dhiisnu yaada dinnumaa
Akka obbolaati wal haa ilaalu

Wal nyaanne maalif wal fitna
Akka waan firumma hin qabne
Umaaman adda adda miti
Nu hundu biyyoo irra umaamne

Uumamni haaluf humna hin qabu
Seera umaama dubbi haqa
Kan nu uume hunda keenya
Abba tokko innis waaqa

Enyuutu enyuurra calaaree
Yoo hin ilaaleedhaf qabeenya
kabaja waalif haa laannu
Dhala namaatif hundi keenya.

Join for more👇

@Kuusa_Walaloo!


አማኞች ኢየሱስ በከፈለው ዋጋ ለዘላለም ተፈውሰዋል። ይህ እውነታ በምሉዕነት የሚከናወነው ግን በዘመን ፍጻሜ መደምደሚያ መሆኑ ግን ግልጽ ነው።
የአዲስ ኪዳን ነገረ ፍጻሜ ትኩረቱ በመሥኡ አማካኝነት የእግዚአብሔር መንግስት መገለጥ ላይ አደላድሎ ቆሟል። መንግስቱ በክርስቶስ ፊተኛ መምጣት ተመርቃ ተከፍታለች። የተሟላ ፍጻሜዋ እስከሚከናወን ግን እኛ አሁን በውጥረት አለን። ... እምባ ከሌለበት፣ ሕመም ከማይታወቅበት፣ ለቅሶና ዋይታ በፍጹም ከተወገዱበት፣ ሞት ከተሻረበት አዲስቷ እየሩሳሌም ጋር ለመገናኘት አስቀድሞ ብንገባም ሙሉ በሙሉ ለመቀዳጀት ገና እየቃተትን አለን። ይኸውም ከአዲስ ሰማይና ምድር የመታደስ ቀዳማዊ ባርኮቶች ብንቀምስም በምልአተ ለመድረስ ግን በመጠባበቅ በዚህ ድንኳን ያለን ከብዶን እንቃትታለን። በጎትጓች ትግሎች ውስጥ እያለፍን ነው። ከዚህ የተነሳ በአሁኑ ሕይወት ከመከራና ከስብራት ጋር እንታገላለን።
   ነገርግን አንድ ነገር እናውቃለን እግዚአብሔር በመከራችን አይተወንም!!

@zeonglory
@zeonglory
@zeonglory


መዝሙር 89
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁹ በዚያ ጊዜ ለልጆችህ በራእይ ተናገርህ እንዲህም አልህ፦ ረድኤቴን በኃይል ላይ አኖርሁ፤ ከሕዝቤ የተመረጠውን ከፍ ከፍ አደረግሁ።
²⁰ ባሪያዬን ዳዊትን አገኘሁት፥ ቅዱስ ዘይትም ቀባሁት።
²¹ እጄም ትረዳዋለች፥ ክንዴም ታጸናዋለች።
²² ጠላት በእርሱ ላይ አይጠቀምም፥ የዓመፃ ልጅም መከራ አይጨምርበትም።
²³ ጠላቶቹን ከፊቱ አጠፋለሁ፥ የሚጠሉትንም አዋርዳቸዋለሁ።
²⁴ እውነቴና ምሕረቴም ከእርሱ ጋር ነው፥ በስሜም ቀንዱ ከፍ ከፍ ይላል።




(Macaafa Faaruu Ermiyaas 3 )
------------
21 kana hundumaa yaaduu keessaa immoo ani abdii qaba.
...
26 cal jedhanii fayyisuu Waaqayyoo eeggachuun gaarii dha;

@Ergaa_Jireenya


“ሥራህን አውቃለሁ፤ እነሆ፥ በአንተ ፊት የተከፈተ በር ሰጥቼአለሁ ማንምም ሊዘጋው አይችልም፤ ኃይልህ ምንም ትንሽ ቢሆን ቃሌን ጠብቀሃልና፥ ስሜንም አልካድህምና።”
  — ራእይ 3፥8





Показано 20 последних публикаций.