ERGAA JIREENYA


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Telegram


Baga nagaan dhuftaan! Bal'inaan ergaan karaa channel kana dabarsinu
👉Barnoota gara garaa kan sagalee waaqayyo bu'uureeffatan
👉Walaloo Fi
👉Ergawwaan barsiisof bashanaansiisoo ta'an jabiinaan argaatu
By ads:https://telega.io/c/Ergaa_Jireenya

Связанные каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Telegram
Статистика
Фильтр публикаций
















"Purpose Driven life "is the most impact maker book.It translated into Amharic ,"Alam mer hiwot". Personally this book is my number one book next to Bible.I share to many of my  friends and it's impact is great. So I wish all of to listen to this audio book . It has 40 parts, we can listen one part of it in one  day  and meditate on it.


"Namni yommuu ati kuftu lafaa si kaasu, nama yeroo ati dhaabattu si baatu caala"

@Ergaa_Jireenya


. Dubbisa gabaabdu
Kadhanni fi dheebuun #Haannaa yeroo hundaa wantoota (#material) argachuuf, guuttachuuf hin turre, wanta ogummaa, dandeettii fi dhamaatii ofiin argachuu hin dandeenye, kan abbaan inni waaqarraa qofti namaa kennu danda'uu sanaaf boossi turte.innis
hamma #mucichi dhalatutti ture

Mucaa malee jiraachuu fi #maseennummaan waamamuun gaafa #ilmichi dhalateef irraa goolabame

#Har'a #illee
#Ilmichi namaaf nama keessatti hin dhalanne taanaan :-
Abbaa malee jiraachuu,
Maseennummaa
Arrabsoo seera
Jireenya bara baraa malee jiraachudha.

👉Warri ilmichi isiniif dhalatee fi isin keessatti dhalate gammadaa, isin waan hundumaan geessifattanittu
#Ilmichis yesus kristoos ilma waaqayyooti

@Ergaa_Jireenya

@Yesuus_in_dhufaa

@Kuusa_Walaloo


#JAALALA
❤ Danda'aadha.
❤ Gaarummaa argisiisa
❤ Hin hinaafu
❤ Of hin jaju
❤ Of hin bokoksu
❤ Lafa salphinaa hin ijaajju
❤ Waan isatti tolu duwwaa hin barbaadu
❤ Hin dallannu
❤ Waan hamaa nama irratti hin lakkaa'u
❤ Qajeelina dhugaatti gammada
❤ Jal'inatti hin gammadu
❤ Karaa tokko illee nama hin lafafu
❤ Hunduma isaa amana
❤ Hunduma isaa abdata
❤ Hunduma isaa obsa
❤ Yoom iyyu hin badu
Amantii, abdii, jaalalli hafanii jiraatu
Isaan keessaa jaalalatu caala.
💝 Jaalala haa uffannu
“Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku" jedhe.”
  — Yoh. 13:35

join ur channel & group
👇👇👇👇👇
@Gaaela_Milkaaaa
@Ergaa_Jireenya
@Yesuus_in_dhufaa
@Kuusa_Walaloo
@Zeonglory


Mul'ataaf malee mul'achuuf hin hojjatin

Mul'anni kee bakka ati gahuu barbaaddu sitti mul'isa. Namni mul'ata qabu mul'ata isaa galmaan gahuuf jiraata. Namni mul'ata isaa galmaan gahuuf hojjatu galma ni ga'a. Namni mul'achuuf hojjatu galmi isaa mul'achuuf males mul'ata waan hin taanef galma gahu hin qabu.

Namni mul'ata qabuu fi mul'ataaf hojjatu akka Ifaa bara baraan hin dhaamnetti mul'anni isaa ol baasee isa mul'isa. Namni mul'achuuf hojjatu immoo yeroo ta'eef akka Ifaa billic jedhee takka ifee deebi'ee dhaamuu mul'atee bada. Yoomiyyuu yoo ta'e mul'achuuf osoo hin taane, mul'ata kee galmaan gahuuf hojjadhu.

Uffata feete uffadhu, konkolaataa feete qabadhu, barbaaddu xiyyaara feete qabaadhu, qabeenyi kee ittiin mul'achuuf osoo hin taane mul'ata kee galmaan ga'uuf hojjadhu.

Addunyaa kan jijjiiran namoota mul'achuuf dhama'an osoo hin taane, namoota mul'ata galmaan ga'uuf dhama'aniidha.

@Ergaa_Jireenya


መዝሙር 89
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁹ በዚያ ጊዜ ለልጆችህ በራእይ ተናገርህ እንዲህም አልህ፦ ረድኤቴን በኃይል ላይ አኖርሁ፤ ከሕዝቤ የተመረጠውን ከፍ ከፍ አደረግሁ።
²⁰ ባሪያዬን ዳዊትን አገኘሁት፥ ቅዱስ ዘይትም ቀባሁት።
²¹ እጄም ትረዳዋለች፥ ክንዴም ታጸናዋለች።
²² ጠላት በእርሱ ላይ አይጠቀምም፥ የዓመፃ ልጅም መከራ አይጨምርበትም።
²³ ጠላቶቹን ከፊቱ አጠፋለሁ፥ የሚጠሉትንም አዋርዳቸዋለሁ።
²⁴ እውነቴና ምሕረቴም ከእርሱ ጋር ነው፥ በስሜም ቀንዱ ከፍ ከፍ ይላል።
²⁵ እጁን በባሕር ላይ ቀኙንም በወንዞች ላይ አኖራለሁ።
²⁶ እርሱ፦ አባቴ አንተ ነህ፥ አምላኬ የመድኃኒቴም መጠጊያ ይላል።
²⁷ እኔም ደግሞ በኵሬ አደርገዋለሁ፥ ከምድር ነገሥታትም ከፍ ይላል።
²⁸ ለዘላለምም ምሕረቴን ለእርሱ እጠብቃለሁ፥ ኪዳኔም በእርሱ ዘንድ የታመነ ነው።
²⁹ ዘሩንም ለዓለምና ለዘላለም፥ ዙፋኑንም እንደ ሰማይ ዘመን አደርጋለሁ።


#Yeroo_Qormaataa#

Qormaanni yeroo sitti baay'atu waan gaariif akka tahe seenaa bareedduu kana irraa in hubatta. Nama dhuunfaa irraa kaasee amma biyyaatti kan qoramee hin laalamne fagoo gahuu hin dandahu.  Intala tokkotu jireenyi akka isheen yaadde tahuu yeroo diddutti hedduu jeeqamuudhaan ofii isheefi maatii ishee jeequun amala ishee tahe. Maatiin ishee sababa kanaan hedduu waan rakkataniif guyyaa tokko abbaan ishee waan gaarii tokko ishee barsiisuuf jedhee fala barbaaduudhaan fakkeenya guddaa tokko isheeti agarsiise.

Abbaan ishee kun intala isaa waamuudhaan "Dinnichaafi hanqaaquu mee gara kootti fidimee" jedhe. Yeroo sana isheenis akkuma abbaan ishee jedhe goote. Akkuma isheen fiddeen gaaffii akkas jedhu dhiyeesseefii "Osoo amma lafa buufte isa kamtu cabaa? Jedhee ishee gaafate. Isheenis "Maali abbaako kuni waan beekamaadha; hanqaaquu kanatu caba, dinnichi kun immoo in gangalata" jette.

Isa booda abbaan ishees deebisee akkas jedhe "Mee lamaan isaanii bulluqa ho'aa keessa buusii jabeessii itti bobeessii affeelii naaf fidi" jedhe. Isheenis dinnicha sanaafi hanqaaquu sana akkuma abbaan ishee jedhetti affeeltee fidde. Isa booda ammas abbaan intala kanaa "Mee lamaan isaanii lafa buusi" jedhe. Isheenis akkuma lafa buufteen dinnichi sun wal hiikuudhaan yeroo biyyootti dabalamu, hanqaaquun sun immoo affeelamuu isaatiin waan jabaachaa deemeef lafa gangalate...

Abbaan intalaas akkas jedhe "Intalako agartee? Hanqaaquun keessi isaa dhangala'aa ture affeelamuu isaatiin akka inni jabaate? Osoo hin affeelamiin dura osoo lafa buufteetta tahe silaa owwaaratti makama ture, amma garuu ibiddaafi bishaaniin affeelamee ititee wal qabachuudhaan jabaate; dinnichi osoo hin affeelamiin jabaa ture sun immoo ibidda keessatti eenyummaan isaa wal gadhiisee kunoo akkas tahe; jireenyis akkasuma, ammuma qorumsi nama irratti bobahaa deemu, eenyummaan namaa jabaachaa deema. Warri osoo hin qoramiin, osoo hin laalamiin jaboo fakkaatan immoo yeroo ibidda seenan baddu bahanii badu" isheedhaan jedhe.

Kanaafuu qoramuun, ilaalamuunis akka inni nama jabeessu fakkeenya sirriidhaan intala isaa barsiise. Warri osoo hin laalamiin akka dinnichaa gangalatan ibidda keessa darbuu hin dandahani, jireenyi isaaniis qorumsaan bada. Warreen ibidda keessatti ilaalamanii jabaachaa deeman immoo qorumsa booda mohicha argatu, Inumaayyuu jabina horachaa deemu.

Warqeen inni baduuf jiru iyyuu ibiddaan in qorama; amantiin keessan inni warqee caalaa gati-jabeessi immoo, guyyaa Yesuus Kiristoos itti mul'achuuf jiru sanatti, jajamee guddinaa fi ulfina akka argatutti qoramee in ilaalama. (1 Phex 1:7)

Ilaalamuun, affeelamuun, ibidda keessa darbuun kan nama jabeessudha malee kan mogolee nama buusu tahuu hin qabu.

@Ergaa_Jireenya




Репост из: Kuusa Walaloo!
#Siidaa_Jaalalaa_dhaabnaa!

Meeqa akka jiraattu
Natti himi mee umurii kee
Carraan kee fuula duraa
Maal ta'aamee dhumni kee?

Gaafa yoomiimmo duuta
Guyyaan du'a kee yoomii?
Bor ga'uu keef ragaa
Mee nama tokko waami.

Du'atu si beellamee
Mana keetti dhufamoo
Situ qullaa itti fiigee
Miila satti kufa immoo?
Mee yoom duuta
Gaafa awwaalcha keeti
Eenyuutu iyyee caraana?
Gammachuu du'a keeti
kamtu ijan wal waaraana?

Waa'ee guyyaa ishee borii
waan beektu qabdaa akkamii?
Yoo quba wal qaabaattan
Nagaa koo itti naaf himii.
Yoo quba hin qaabaannee
Deebii kanaa naaf himii.

Guyyaa du'a kee beekta
Hagam akka jiraattu
moo callisteetumaa
kan hidhii natti nyaattu
Kan afaan natti bantuu?

Mee maaltu galaan
Gammachuu koo gadditee
Jiraachuu koo jibitaa?
Garummaa koo dhoksiitee
Mudaa koo yeedaleessuun
sirba baaste sirbitaa?

Yeroon ani milkaa'uu
maaliif hidhii of nyaatta
maaliif taata oraatii
maalumaaf akka Xaddee
Qaamni kee gutummaansaa
Gadi yaasa qoraatti?

Mana koo jiraachuun koo
Nagaan bahee galuun koo
Naaf gubee si qammata
Yeroo waa'ee koo yaadduu
maa jinniin dhufee
Halkaan abjuun si ammaata?

Ati mana kee teessaa
Anis mana koon jira
Jireenyi lamaan keenya
Harka waaqayyo jira.

Takkaa harka kee miciiree
Fudhaadhe nyaadhe hin beeku
Sababa an jiraadhuuf
Hin beeloftu, hin deegduu.

Maaf boolla naaf qotaree
Maaf natti gurta dhagaa
Namaan antee siin jedhu
Maaf natti taata alagaa?

Ilaa hin bo'in gaafan du'u
Ano siin dhagaa'uu
Akka ati na jaallattuus
Ka'ee dhugaa siin ba'uu.
Ammaa gaarii Maaf yaadi
Isa galmaan nu ga'uu.

Dhiisi argaa koo hin jibbiin
Qaamni ofii wal hin looluu
Aarsan kees foolii bada
Fuula waaqatti hin toluu
Dinummaatu biqiilee
Jibbaatu hiddaa yaafataa
Seexanatu killaa banee
Ammeenya bobaafataa.

Dhiisi garba cubbuu hin taanu
Hin baannuu tullaa jibbaa
Dhiifama waaliif goona
sila hin jiraannuu dhibba

Boolla naaf qottee sana
Biqiltu keessaa dhaabnaa
Jibbaa kokolfaa awwaallee
#Siidaa jaalalaa dhaabnaa!

@Kuusa_Walaloo!

Jaalaattoonni aartii Walaloo afaan Oromoo mimmiidhagoo garaagaraa argachuuf channel keenyaaf maatii ta'aa.

link kino👇
@Kuusa_Walaloo
@Kuusa_Walaloo!


1ኛ ጴጥሮስ 5
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁶ እንግዲህ በጊዜው ከፍ እንዲያደርጋችሁ ከኃይለኛው ከእግዚአብሔር እጅ በታች ራሳችሁን አዋርዱ፤
⁷ እርሱ ስለ እናንተ ያስባልና የሚያስጨንቃችሁን ሁሉ በእርሱ ላይ ጣሉት።


Репост из: Kuusa Walaloo!
Ulfaadhu Uumaa Koo!
═════❖•●•❖═════
Dukkanni gurraachuu
Kan si qabuuf ifaa
Yeroo hundaa ati
Hin jijjiirrattu bifaa

     ¨¨''''''''''''''''''''''¨¨

Hammaadhees jal'adhees
Dalagus gidiraa
Dhiifamni bara baraa
Fuula kan kee jiraa

     ¨¨''''''''''''''''''''''¨¨

Haqa namaas loogdee
Kan garii hin dhoksituu
Waa matta'aa nyaattees
Murtiikee hin dabsituu

     ¨¨''''''''''''''''''''''¨¨

Akka namaa mitii
Gaarummaan kee adda
Baay'ina tola keetu
Ta'e jiruuf madda

     ¨¨''''''''''''''''''''''¨¨

Har'a kanaa ga'uun
Baree anummaakoo
Heyyama keetiinii
Ulfaadhu uumaakoo!!

@Kuusa_Walaloo

join👆


#Hojjechuu • #Milkaa'uu •
#Namni hunduu, biizinasii eegaluuf fedhii ni qaba. Garuu baay'een namootaa maalif akka yaadanitti eegaluu fi milkaa'uu hanqatan, kun gaaffii nama hundaati.

Ogeeyyonni diinagdee (Economist) hedduun, “yaada biizinasii gaarii yoo qabaatte, maallaqni rakkoo hin qabu” jedhu. Garuu #Biizinaasii jeechuun maalii.? Namni tokko, matii tokko madda galii godhate, hojatee, ifaajaafi, humna isiin of jirachuu hundii biizinaasii jedhamaa. /Employee, Self Employed, Business Owner and Investors/ kitaaba Roobert Koyaasaakiidha
Anis yaada kana ittan walii gala. Garuu biizanasii akkamitti eegalla? Maallaqni Eessan dhufa? Kan jedhu gaaffii nama hundaati.

Biizinasii eegaluuf;
1. #Fedhii qabaadhu:-  Wanti hundi fedhiirraa madda. Fedhiin ati waan tokko gochuf qabdu milkaa’ina keetif murteessadha. Dhugumaan biizinasii eegaluu barbaaddaa?

2. #Kutannoo qabaadhu:-  gara daldalaa yoo seentu qormaanni hedduudha. Bu’aa-bahii baay’etu jira. Keessattuu biizinasichaaf haaraa yoo taate wanti hundi ni ulfaata. Rakkoowwan akka qulqullina omishaa (product quality), hidhata gabaa (Market linkage), dorgommii (Competition), baasii (cost of production) fi kanneen biroo hedduun ija baasanii si eegu. Kun akka jiru beektee, kutannoo guutun gara biizinasii seenuu qabda.

3. #Obsa qabaadhu:- Hudhaaleen armaan olitti ka’an irra aanuf, obsi (patience) akkaan barbaaachisaadha. Rakkoolee hundaaf furmaata laachaa, nama mariisisaa deemun jala darbuuf yaaludha malee abdii kutachuun hin barbaachisu.

4. #Cichoomina qabaadhu:- Cichoominni (perseverance) biizinasiis ta’ee jiruu keenya guyyaa guyyaa keessatti faayidaa ol’aanaa qaba. Waan fedhii keetin itti amantee eegalte gufuu xiqqoofis ta’ee guddaaf hin dhiisin, itti cichi, haga dhumaatti deemi,

5.  #Filannoo Biraa (plan B) qabaadhu:- Gaafa daldala eegaltu waan tokko qofa irratti hin xiyeeffatin. Wantoota lama ykn isaa ol akka filannoo biraatti qabadhu (Business Diversification). Fakkeenyaaf, Yoo mana rifeensa dhiiraa yookiin dubaraa banuu barbaadde, cinaatti dibata gara garaa, urgooftuwwan (shittoo) banii daldali. Yoo qonna jal’isii qotuu barbaadde, loon furdisuu, lukkuu horsiisuu faa akka filannoo biraatti qabadhu.

6. #Galteewwan (Inputs) eenyurraa akka argattu beeki: Daldala keessaatti, waa omishuuf ykn tajaajila (service) wayii kennuuf madda galteewwanii (Sources of Inputs) keetii haalan beekuu barbaachisa. Glateewwan na fayyadan maal fa’a? hagamtu na gaha? Eenyurraayyin argadha? Gaaffiwwan jedhan deebisuun dirqama. Inni biraa galteewwan kana haala itti gatii salphaan argachuu dandeessu yookiin karaa ofuma keetii ofii dhiyeessuu dandeessuu irratti itti yaadi. Fakkeenyaaf, Mana Nyaataa (Hotel) qabda yoo ta’e horii qalmaa gabaarraa bituu moo, sangaa isa xiqqaa bittee erga gabbistee booda, qalmaa dhiyeessuu wayya kan jedhu irratti “Cost-benefit” isaa itti yaaduu barbaachisa.

7. #Fedhii fayyadamtootaa (demands) beekuu:- Bu’uurri wanta hunda maamila kee waan ta’eef fedhii isaanii addaan baastee beekuu barbaachisa. Wanta hawaasni tokko hin feene yoo eegalte hin ta’u. Fakkeenyaaf Hawaasa alkoolii hin dhugne keessatti mana dhugaatii banuun faayidaa hin qabu.

8. Waan #addaa (Unique) ta’e jalqabi: Asirratti baay’ee yaadun barbaachisaadha. Waan addaa yoo jennu waanuma haaraa qofa jechuu miti. Waanuma jiru bifa adda ta’een dhiyeessuu jechuudha. Fakkeenyaaf, buna jabanaa gurguruu yoo barbaadde, waanuma namoonni biroo kana dura godhan hin godhin. Xiqqoo waa fooyyessii koottu. Qulqullina bunaa, filannoowwan gargaraa kan akka buna aannaniin, shaayii, Bunaaf shaayii walitti (Ispiriisii), aannan duwwaaa, nyaata dafee qaqqabu (fast food) kan akka Saambusaa, Chiipsii, qoqarii fi kan kana fakkaatan cinaatti jalqabi!

9. #Maamiloota kee yaada gaafadhu (feedback): Yeroo hundaa nama waa sirraa fayyadamee deemu maaltu akka fooyya’uu qabu gaafadhu. Namoonni baay’en fedhii isaanii sitti himuu dhiisuu danda’u, garuu dandeettii fuula isaanii irraa waa hubachuu horachuu danda’uu qabda. Fedhiin maamila dugugguruu dugdaa biizinaii keetii waan ta’eef  fedhii isaa guutuu qabda. 

@Ergaa_Jireenya


" Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta'eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna."
(1 Qorontos 10: 13)

Показано 20 последних публикаций.