Walfakkeenya Jaalallee fi Milkoo gidduu jiru!
Nama tajaajila isaa irratti cimaa ta'ee fi amanamaa akkasumas sa'aatiidhaan dursee kan argamu, kan gooftaa waaqeffatu tokko ture. Akkuma saala faallaa isaa waliin jaalala jalqabeen tajaajila isaatiif dursa laachuu dhiisee "jaalallee" isaaf bakka kennuu eegale. Dur bilisaa fi of kennee kan tajaajiluu fi faarfatu kan ture amma isheen waldaa keessa jiraachuu ishee qofaaf of kennee tajaajiluu kan hin dandeenye, duraan kadhannaa fi macaafa qulqulluu dubbisuuf jajjabaachaa kan ture kaaffee fi bilbilaan odeessuun kan qabame yoo ta'e,.... na amani namni kuni #gowwoomfameera.
Mootiin Daawwitiyyuu utuma mootii ta'ee jiruu uffata isaa gatee kan faarfateef bakka jiru waan beekee fi hubateefidha. Ajaaiba mitii? Hiriyaan jaalalaa amma gowwoomfame kuni namni inni jaalate Miilkoo itti taatee karaa irraa baafte. Kanaan dura fuula Gooftaa duratti ulfina isaa dhiisee, kabaja isaa gatee gadi of qabuun jaalalaan tajaajilaa kan ture namni amma jaalala ishee jaalatu Miilkoo kan jedhamte waan jirtuuf akkaataa deddeebii isaa durii sana jijjiirtee gara protocol qofaatti qartee jirti.
Jireenya hafuuraa bara baraa kan ta'e, yommuu duutu kan dhabdu yeroodhaaf wanta ta'een ni jijjiirtaa?
Na dhaga'i!
Na dhaga'i!
Jaalalleen kee gooftaa ati waaqeffattu beekuu fi kabajuu qabdi. Garuu akkuma isheen gara jireenya keetii keessa dhufteen ija kee karaa duraan ture deddeebii kee kan gooftaan jaalatu irraa kaaftee kallattii isheen jaalattuu fi ishee gammachiisu irra yoo goote 10001% #gowwoomfamtee jirta siin jedhaan jira.
Gooftaan jaalallee, haadha manaa, ijoollee, fi hojii irra ni caala!
Hin gowwoominaa ✅
Isin maal jettu?
@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling
@Gaaelabot