Репост из: Time Value
Ergaa 🔻
🕖"Yeroo keetti qoosaa jirta yoo ta'e yeroonis sitti qoosuuf jira!"
▬▬▬▬▬▬▬▬
✨ Namoonni utuu karoora baay'ee qabanii, Abjuu baay'ee qabanii akka tasaan karaatti hafan baay'eedha. Namoonni kun guyyaa boruu utuma abju'atanuu guyyaa har'aa kana dhaban. Ofii kee ilaali Uumaan yeroo kana guutummaatti akka ati ittiin jijjirama fidduuf siif kenne. Nama itti fayyadama isaa beekef yeroon Furmaata waan hundumaati. Yeroo qabdu kamiyyuu keessatti kutannoodhaan itti fayyadamuu dandeenyan garaagarummaa ni fidda. Kutannoo kana tapha kubbaa miillaa irraa fakkeenya fudhachuu dandeessa. Taphattoonni kubbaa miillaa daqiiqaawwan jalqabaa irratti yoo garee isaanii irratti kubbaan gale xaphachuu hin dhiisan, yookiin immoo hamma yeroo boqonnaa duraatitti garee faallaatiin durfaman "moo'amneerra waan ta'eef boqonnaa booda hin taphannu" hin jedhani. Maalif? Yeroo muraasa hafe keessatti garaagarummaa uumuu ni dandeenya!! Yeroo hafte kana keessatti mo'achuu in dandeenya jedhanii waan amananiif hamma daqiiqaan isaaniif kenname dhumutti Kubbaa garee faallaatti galchuuf yaaluu isaanii hin dhiisani.
Yeroon addunyaa kana irratti akka ati ittiin jijjirama fiddu, akka ati ittiin mo'attuuf siif kenname ammayyuu ganaa hin dhumne. Kanaaf atis tattaafachuu kee hin dhiisin. Hamma yoonaatti jireenya kee kessaatti wantoonni si injifachuuf yaalan baay'een jiraachuu danda'u... yookiin immoo akka Kubbaan garee tokko irratti galu sana si biras akkas ta'uu danda'a.... garuu yeroon siif kenname hin xumuramne waan ta'eef dirree jireenyaa keessaa hin ba'in. Yaaluu kee hin dhaabiin. Akka injifattu amanii tattaaffadhu!!
✅✅✅✅✅
⁃ Kaayyoo
⁃ Karoora
⁃ Kutannoo QABAADHU!
✅✅✅✅✅
❍ Gatii baasuu qabdu hundumaa baasii waan hojjechuu dandeessu hojjedhu! Ammuma hojjedhu! Kana hin qabu, sana dhabeera hin jedhin! Wanti gochuu dandeessu baay'een jiru. Of amansiisi! Yeroo keetti fayyadami! Kaayyoon kee beekii, wanta amma hojjechuu qabdu ammuma raawwadhu! Wanta yeroo itti aanu hojjechuuf yaada qabdu immoo karoora addaa qopheessi! Karoora kee gara fiixan bahuumsatti fiduuf kutannoo qabaadhu!
3K QABAADHU:
①. Kaayyoo: Kaayyoon si milkeessiti! Kaayyoo qabaachuun abdiidhaan akka jiraattuu fi obsaan akka turtu humna siif taati!
②. Karoora: Karoora yoo qabaatte waan hojjechuu qabduu fi waan hojjechuu hin qabne adda baafatta.
③. Kutannoo: Milkaa'ina barbaaddee fi guddina hawwitetti seenuuf kutannoo qabaachuun hunda caalatti barbaachisaadha.
🕖@timevalue24
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa ✅