🟣 Akkamitti Dandeettii Keenya Fayyadamnee Hojjechuu Dandeenya?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✍️ Beekumsa qabdu garuu maaliif itti hin fayyadamtan? Sababoonni beekumsa keessan akka hin fayyadamne isin taasisaa jiran maal fa'a? Gaaffiilee fi deebiilee armaan gadii of gaafachuun barbaachisaadha:
1. Maal Hojjechuu Dandeessa?
• Waan hojjechuu dandeessu beektaa? Beekumsa qabdu irratti hundaa'uun, waan hojjechuu dandeessu fi hin dandeenye adda baaftee beektaa?
• Namoonni yookiin dhaabbileen hojiif yeroo itti dhihaattan, "Maal hojjechuu dandeessa?" jedhamtee gaafatamtee beektaa? Gaaffiin kun yeroo si mudatu deebiin kee maal ta'a?
2. Akkamitti Hojjechuu Beekta?
• Namoonni tokko tokko akkamitti akka hojjetamu hin beekan, garuu beekumsa qabu. Beekumsi qabdu hojiitti akkamitti akka jijjiirtu beektaa?
3. Maal Hojjechuu Jaallatta?
• Waan hojjechuu jaallattu adda baaftee beektaa? Hojii keessa kee gammachiisu filachuun baay'ee barbaachisaadha.
• Maaliif hojii sana jaallatta? Sababoota hojii sana jaallattu gadi fageenyaan beektaa?
4. Maal Hojjechaa Jirta?
• Hojiin ati hojjechaa jirtu maali? Hojii kee guyyaa guyyaan hojjettu maal akka ta'e sirriitti beekuu qabda.
• Hojiin kee kun eessatti si geessa? Guddina akkamii siif fida? Hojiin kee fagoo eessa akka si geessu tilmaamuu dandeessa?
5. Waan Hojjechuu Jaallattuu fi Waan Hojjechaa Jirtu Wal Siif Madaaleeraa?
• Wanti ati hojjechuu jaallattu fi hojiin ati hojjechaa jirtu wal simuu? Hojiin ati hojjechaa jirtu fedhii fi gammachuu kee guutaa?
• Wanti ati hojjechuu jaallattu yoo wal siif hin simne maaliif? Sababoonni hojiin kee fedhii kee hin guutne maal fa'a?
6. Furmaanni Isaa Maaliree?
• Rakkoo kana furuuf maal gochuu qabda? Akkamitti hojii ati jaallattu argachuu dandeessa? Yookiin, akkamitti hojii ati hojjechaa jirtu jaallachuu dandeessa?
✅ Gorsa Furmaataa:
• Of Baruuf Yaali: Waan hojjechuu dandeessu, waan jaallattu fi galma kee adda baafadhu.
• Karoora Baafadhu: Hojii ati jaallattu argachuuf karoora qopheeffadhu. Barnoota dabalataa baradhu, dandeettii kee fooyyessi, yookiin hojii haaraa barbaadi.
• Jajjabaadhu: Rakkoon yoo si mudate abdii hin kutatin. Jabaattee itti fufuu qabda.
Gaaffiilee kana of gaafachuun fi deebii sirrii kennuun, akkamitti dandeettii kee fayyadamtee hojjechuu akka dandeessu hubachuuf si gargaara.