Фильтр публикаций




Hiikkaawwaan

Abiishaalom: Abbaan koo nagaadha.
Abrahaam: Abbaa saba baayye
Ahaab: Obboleessa abbaa
Akeldaamaa: Lafa dhiigaa
Alaazaar: Gargaarsa waaqayyoo
Amos: Nama baa'a qabu
Amaanu'el: Waaqayyo nuu wajjin jira
Anbaaqom: Wal'aansoo qabuu
Asteer: Urjii
Barnaabaas: Ilma jajjabeesu
Bersheebaa: Boolla bishaan kakuu
Bet'el: Mana waaqayyoo
Betlihem: Mana buddeenaa
Daan: Abbaa murtii
Daaniel: Waaqayyo abba murtiiti
Daawit: Jaallatamaa
Deboraa: Kanniisa
Eden: Qannoo (gammachu)
Efreem: Horuu
El'ezaar: Waaqayyo nu gargaareera
Elsaai: Waaqayyon koo fayisaadha.
Eliyaas: Waaqayyo gooftadha
Ermiyaas: Waaqayyo ol ol in qaba
Faasika: Bira darbuu
Getesemaane: Iddoo cuunfaa wayinii
Giilbo'a: Burqaa humna qabeesa
Haaleluyaa: Galata waaqayyo
Haanna : Ayyaana
Henok: Kan of kenne
Hisqiel: Waaqayyo ni jajabeesa
Hisqiyaas: Waaqayyo humna kooti
Hosaa'inaa: Amma fayyisa
Ishmaael: Waaqayyo ni dhagaa'a
Isxifaanos: Gonfoo
Izraa: Gargaarsa
Kaaleb: Saree
Lewwi: Maxxanuu
Maarta: Haadhoo
Maatewos: Kennaa Waaqayyooti
Miikiyaas: Kan waaqayyoon fakkaatu enyu
Milkiyaas: Ergamaa Waaqayyoo
Mikael: Kan akka Waaqayyoo eenyu
Minaase: Na irraanfachiiseera
Naatan: Waaqayyo siif keneera
Natanaael: Kennaa waaqayyo
Niiftaalem : Wal'aansoo
Obaadiya: Hojjetaa waaqayyo
Phaawulos: Xinnoo
Pheexiros: Dhagaa
Rehoobot: Iddoo bal'aa
Ruut: michuu
Saaraa giiftii
Saamuel: Maqaa waaqayyoo
Salomee naga qabeettii
Samson: Aduu
Siiloam: Isa ergame
Solomoon: Nagaa
Uziyaa: Waaqayyo humna kooti
Wangeela: Oduu gammachiisaa
Ximootewos: waaqayyon ulfeessu
Yididiyaa: Waaqayyoon birati kan jaalatame
Yisaakor: Na gonfe
Yisihaaq: Ni kolfa
Yooel Waaqayyo waaqa
Yohaanis: Ayyaana waaqayyo
Yoonaatan: Waaqayyo ni kenna
Yordaanos: Dhangalaa'a
Yooseef haa dabalu
Yoshafex: Waaqayyo murteesaadha
Zakaariyaas: Waaqayyo ni yaadata

@Getu_Official 💟


Yesus Kristos Waaqa ta’uu isaa dubbateera?
    
🗓 #Kutaa 9ffaa (isa xumuraa)

Ergamoonni Waa'ee Isaa Maal Jedhan?


📍Ergamtoonni Yesuus isa waliin jiraachuu isaaniin waa’ee maalummaa isaatii eenyu iyyuu caalaa ni beeku. Kanaafuu dhuga-ba’umsi isaanii Waaqummaa Yesusiif ragaa guddaa dha. Namoonni qulqullooti kun waa’ee waaqummaa isaa kan dubbatan itti fufuun haa ilaallu.

Simon Phexros

💡 “Ani Simoon Phexros, Yesus Kristosiif hojjetaa, ergamaas ta’ee, warra karaa qajeelina Waaqayyo keenyaaf fayyisaa keenyaa Yesus Kristos amantii gati-jabeessa isuma nuyi arganne sana argataniif caafuu koo ti. Waaqayyoon, gooftaa keenya Yesusinis beekuu bira ga’uu keessaniin ayyaannii fi nagaan isiniif haa baay’atu” (2Phex. 1:1-2).

Yohannis ilma Zabdewos

💡 “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayo ture. Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture. Wanti hundinuus isumaan ta’e; waan ta’e keessaas isa malee kan ta’e tokko illee hin jiru (Yoh. 1:1-3).

✍️ “Ilmi Waaqayyoo dhufee isa dhugaa sana baruudhaaf, hubannaa akka nuuf kenne nuyi in beekna. Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna; Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana” (1Yoh. 5:20).

Toomaas

💡 “Toomaasis, “Gooftaa ko, Waaqayyo ko!” jedhee deebiseef. Yesus immoo, “Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!”(Yoh. 20:28-29).

Phaawulos Qulqullicha

💡 Gooftaa Yesuusiin kallattiin arguu isaatiin ergamtoota waliin hammuma tajaajileen dhuga-ba’umsi Ergamticha Phaawulos Qulqullichaa wanta akka salphaatti ilaalamu miti. Inni waa’ee Waaqummaa Yesuus maal jedhe? “Abboonnni qomoo kan isaanii ti; akka firooma fooniittis Kristos qomoo isaanii keessaa dhalate. Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru bara baraan haa galateeffamu!Amen” (Rom. 9:5).

💡 “Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul’iseera. Ayyaanni Waaqayyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf gorsee, gara gaariitti nu deebisa. Achumaanis abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deeb’ee mul’atu sanaa in eegganna. Inni mul’achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.(Tit.2:11-13).

📍Ragaalee armaan oliin ibsaman erga dubbifatee booda Yesuus waa’ee Waaqummaa isaa dubbachuu fi Macaafni Qulqulluun Waaqummaa isaa mirkaneessuu isaa kan haalu namni garaa isaaf bulu jira kan jedhu yaada isaa hin qabnu.

🗓 Kutaa Walitti Fufaadhaan Barumsi Gabaabduun WAAQUMMAA KIRISTOOSIIN Bu'uura Godhatee Isiniif Dhi'aachaa Ture Asirratti Xumurameeera.

Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.


@Getu_Official


Yesus Kristos Waaqa ta’uu isaa dubbateera?
    
🗓 #Kutaa 8ffaa

Waaqayyo Abbaan Waa’ee Ilma Isaa Maal Jedha?


Obboleeyyan keenyi Musliimaa dubbii Allaah Qur’aana keessatti argaman ta’uu isaanii jechoota itti amanan haal-duree tokko malee ni fudhatu.

🟣 Fakkeenyaaf Iisaan durbee irraa dhalate kan jedhu dubbii itti amanamummaa guddaa of keessaa qabaatu kan fudhatan Iisaan Qur’aana keessatti “ani durbee irraan dhaladhe” jechuudhaan waan dubbateef otuu hin taane, Allaan ofii isaatiin Iisaan durbee irraa akka dhalate waan dubbateefiidha.

📍 Iisaan durbee irraa dhalachuu isaa itti amanuuf isaaniif jechooti Allaah Qur’aana keessatti barreeffaman qofti ga’aa erga ta’ee, nuufis Yesuus Waaqa ta’uu isaa fudhachuuf dubbiin Waaqayyo Abbaa sababni ga’aa hin taaneef hin jiraatu. Kanaafuu Waaqayyo Abbaan waa’ee Waaqummaa ilma isaa Yesuus Kristos maal jedhee akka dubbate barreessaan Ergaa Ibrootaa faarsaa Daawit keessatti raajii barreeffame ture ibsuun dubbate haa ilaallu.

🪧“Kanaanis maqaan Waaqayyo isaaf kenne maqaa ergamootaa irra caalaa beekamaa akkuma ta’e, innis ergamoota irra caale. Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, “Ati ilma koo ti, ani har’an si dhalche” yookiis eenyuun, “Ani isaaf abbaa nan ta’a, innis ilma anaaf in ta’a” jedhee beeka? Waaqayyo ilma isaa isa angafa waan hundumaa, gara biyya lafaatti yommuu erge immoo, “Ergamoonni Waaqayyoo hundinuu isaaf haa sagadan!” jedhe. Waa’ee ergamootaa illee, “Inni ergamoota isaa akka qulleensaa, warra isaaf ergamanis akka arraba ibiddaa in godhata” jedhe. Waa’e ilmaa garuu,Teessoon kee yaa Waaqayyo, baraa hamma baraatti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti. Ati qajeelina jaallattee jal’ina jibbite; kanaaf Waaqayyo kee, waaqayyichatu si dibee, dibata gammachuu kanaanis warra sii wajjin jiran irra si caalchise” jedhe. Ammas immoo, “Ati yaa gooftaa, jalqabatti hundee lafaa jabeessiteetta, bantiin waaqaa hundinuus hojii harka keetiiti. Ati haftee in jiraatta; isaan garuu baduuf jiru, hundumti isaaniis akka uffataa in moofa’u; akka wayyaas isaan in marta, akka uffataas in geddaramu; ati garuu hin geddaramtu, waggoonni kees dhuma hin qaban” jedhe. Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, “Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti gara mirga koo ta’i!” jedhee beeka? Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree” (Ibr. 1:4-14)

📍Akka luqqisii kanaatti Waaqayyo Abbaan Ilma isaa Yesuus Kristosiin ergamtoonni kan isaaf sagadan, Gooftaa, Waaqa, teessoo bara baraa kan qabu, uumaa bantiiwaaan waaqaa fi k.k.f jechuudhaan ittiin waama. Kun Kiristiyaanotaaf Yesuus Waaqa ta’uu isaa fudhachuuf ragaa ga’aa ta’eedha.

Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.


@Getu_Official


Yesus Kristos Waaqa ta’uu isaa dubbateera?
    
🗓 #Kutaa 7ffaa

🩸 Mul’ata Yohannisii fi Ragaawwan Waaqummaa Kiristoos Iyyesuusiin Argisiisan.

📌 Jechooti Yesuus Kristos luqqisii armaan gadii keessatti argaman gara samiitti erga ol ba’ee booda kan inni dubbatedha.

• Isa duraa ti isa boodde ti


“Ani Alfaa dha Omeegaa dha, isa duraati isa booddee ti, isa jalqabaa ti is dhumaa tis” jedhe (Mul. 22:13).
“Yommuun isa arge akka nama du’ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa’ee, “Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana; inni jiraatus ana. Takka illee du’een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du’a irratti, balbala iddoo warra du’anii banu irrattis ani gooftummaa qaba(Mul. 1:17-18). Luqqisiin Kakuu Moofaa dubbii kana dubbachuu kan danda’u Waaqayyo qofa ta’uu isaa argisiisa:

💡 “Waaqayyo mootiin Israa’el inni Israa’eliin furu, Waaqayyo gooftaan maccaa, “Ani isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru; kan akka kootii eenyu? Mee achii as ba’ee of haa beeksisu, dubbatees amansiisa isaa anatti haa mul’isu! Ergan namoota warra durii uumee jalqabee, wanta ta’e, wanta dhufuuf jirus, duraan dursee haa himu!’” (Isa. 44:6-7).

• Yaada namaa fi garaa namaa kan ilaalu.


💡 “Kanaanis waldoonni kristiyaanaa hundinuu, inni yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu ana ta’uu isaa beekuuf jiru(Mul. 2:23).

📌 Kan namootaa yaada dhokataa sakatta’ee beekuu kan danda’u Waaqayyo malee eenyu ta’uu danda’a? Luqqisiin Kakuu Moofaa itti fufee jiru dubbii kana dubbachuu kan danda’u Waaqayyo qofa ta’uu isaa argisiisa.

💡“Ani Waaqayyo garaa namaa fi yaada namaa isa dhokataa qoree nan ilaala; nama hundumaafis akka akeeka isaatii fi akka ija hojii isaatiitti nan kennaaf” (Erm. 17:10).

• Nama hundumaaf akka hojii isaatiitti kan kennu.


💡 “Kunoo, ani dafee nan dhufa, gatii isa ani adduma addaan akka hojii isaatiitti namaaf kennus fidee nan dhufa” (Mul. 22:12).

💡“Ani immoo tokkon tokkon keessaniif akka hojii isaatiitti kennuufan jira” (Mul. 2:23).

📌 Gaafa guyyaa firdii isa dhumaatti nama hundumaaf akka hojii isaatiitti kennuu kan danda’u Waaqayyo malee eenyu ta’uu danda’a?

• Waaqayyo dha ofiin jedheera.


💡 “Inni teessoo irra taa’e immoo, “Kunoo, ani waan hundumaa haaraa nan godha!” jedhe; itti dabalees, “Dubbiin kun amanamaa, dhugaas waan ta’eef, kana caafi!” naan jedhe. Akkasumas, “Ta’eera! Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas, isa jaqabaa ti, isa dhumaa tis; ani isa dheeboteef burqituu bishaan isa jireenya kennuu irraa tola nan kennaaf. Inni mo’u kana itti darbee argachuuf jira; ani Waaqayyo isaa nan ta’a, innis ilma koo in ta’a” (Mul. 21:5-7).

📌 Akka luqqisii kanaatti Alfaa fi Omeegaa, kan jalqabaa fi isa dhumaa kan ta’e Waaqayyo ta’uu isaa dubbata. Mul. 22:12-13 irratti Alfaa fi Omeegaa kan jalqabaa fi dhumaa kan ta’e kun dafee akka dhufu dubbata.

📌 Boqonnaa 22:20 irratti dafee kan dhufu kun Yesuus ta’uu isaa nutti dubbatameera. Kanaafuu Alfaa fi Omeegaa kan ta’e dafee akka dhufu kan dubbate boqonnaa 21:7-8 irratti Waaqa ta’uu isaa kan dubbate Gooftaa keenya Yesus Kristos ta’uun isaa ifaa dha.

Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.


@Getu_Official


Yesus Kristos Waaqa ta’uu isaa dubbateera?
    
🗓 #Kutaa 6ffaa

🩸 Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa (kan itti fufe)

10. Guyyaa dhumaatti hundumarratti faraduuf aboo isaa kan qabaatu isa ta’uu isaa dubbachuun:

Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa’a. Yommuus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re’ootattii akka gargara fo’u, innis namoota sana gargara in fo’a. ...?”(Mat. 21:15-16).

📌 Waaqayyoo sagalee qulqullaa’aa isaa keessatti ulfina isaa enyuuf iyyuu akka hin laanne irra deddeebi’ee dubbateera (Kes. 5:6-10, Isa. 42:8). Yesuus Kristos garuu waaqeffannaa fi sagada namootaa simateera. Ulfina Waaqayyoof qofaaf malu fudhachuun Waaqa ta’uu isaa argisiiseera.
11. Gooftaa ta’uu isaa dubbachuun:

“Barsiisaa, gooftaas jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta’a. Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta’eera”(Yoh. 13:13-15).

12. Sanbata irratti gooftaa ta’uu isaa dubbachuun:

“Egaa ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha” isaaniin jedhe (Mar. 2:28).

🟣 Musliimonni hedduun Yesuus gooftummaa isaa ifatti dubbachuu isaa beekuu dhiisuu isaaniin “bakka itti gooftaadha ofiin jedhe nu argisiisaa” jechuudhaan gaafatu. Garuu Yohannis 13:13-15 irratti kan argamu yommuu itti argisiifnu xiqqo erga rifatanii booda tooftaa biraa uummatu. “Macaafa Qulqulluu keessattii namoonni gooftaa jedhamaniiru” jedhu. Garuu Yesuus gooftummaan isaa akkuma ergamtoonni isaa ittiin jedhan ta’uu isaa waan dubbateef, karaa ergamtoonni jedhaniin malee karaa mataa keenyaan hikkatti kennuu hin dandeenyu. Mata-duree kana jalatti itti fufnee akkuma arginu ergamtoonni waaqummaa Yesuus itti amanaa waan turaniif “gooftaa yommuu isaatiin jedhan waaqummaa isaa argisiisuuf malee namoonni sadarkaa guddaa qabaatan karaa ittiin gooftaa jedhamaniin kan isa waaman miti.

Yesuus Gooftaa ta’uu isaa kan dubbate karaan inni biraan sanbata irratti Gooftaa ta’uu isaa dubbachuudhaani. Kun ammoo haala falmii kaafneen Waaqummaa isaa argisiisa.

📌 Sababni isaa Sanbatni guyyaa Waaqayyoof eebbifame ta’uu isaa Macaafa Qulqulluu keessatti dubbatameera (Ba’u 31:12-17). Waaqayyo guyyaa ofii isaaf eebbifate irratti gooftaa ta’uu kan danda’u Waaqayyo matuma isaa ti.

📌 KANAAFU YESUUS KIRISTOOS WAAQAYYODHA!!

Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.


@Getu_Official


🎶 Kakuu Haaraa - Yosef Ofkala - New 2025 🎶

╰──⌊  @Getu_Official


☎️ 🌹Amaloota shamarranii keessaa kan baayee dhiirota gammachiisan keessaa muraasa....➡️ Itti fufii dubbisi!

          👇👇👇👇
  👉✨See More✨👈
  👉✨See More ✨👈
           👆👆👆👆


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram


🎶 "𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐 𝑴𝒂𝒏𝒂 𝒌𝒆𝒆 𝑱𝒊𝒓𝒂𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒕𝒕𝒂𝒎 𝑮𝒂𝒂𝒓𝒊𝒊𝒅𝒉𝒂..."

Addisuu Qana'aa | Mana Kee Jiraachuu

╰──⌊  @Getu_Official


🎶 Yesuusiif - Dassaalenyi Duulaa - New 2025

╰──⌊  @Getu_Official


DUBBATAA KOO
Kabajamtootaaf jaallatamtoota maatii waaqayyo nagaaf araarri waaqayyoo bakka jirtanitti isiniif haa baay'atu jechaa waaqayyo na gargaare Albeema koo jalqabaa mata dureen isaa DUBBATAA KOO jedhu qabadhee dhufaa waanan jiruuf ammasitti share naaf gochuudhaan na eega. Via Bontu Kefana

https://www.facebook.com/100051729494234/posts/pfbid0qwuYGj9bxXKV2XcvooXChY15cJrutNfyenD46aVvJjNVxUb9v8McGW1kFBLMu98Hl/?app=fbl

832 1 0 12 11

🎶 "𝑫𝒖𝒌𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝒊𝒇𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒏𝒂 𝒃𝒂𝒂𝒔𝒕𝒆
𝑵𝒂 𝒈𝒖𝒅𝒅𝒊𝒔𝒕𝒆𝒆𝒕𝒕𝒂 𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂 𝒏𝒂𝒂𝒇 𝒕𝒂𝒂𝒕𝒆

𝑮𝒂𝒂𝒇𝒇𝒊𝒊 𝑯𝒊𝒏 𝒒𝒂𝒃𝒖 𝒈𝒐𝒄𝒉𝒂 𝒌𝒆𝒆 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂
𝑨𝒓𝒂𝒂𝒓𝒓𝒊 𝒌𝒂𝒏𝒌𝒆𝒆 𝒏𝒂 𝒂𝒓𝒈𝒂𝒕𝒆𝒆𝒓𝒂...."

Galata Guddaa | Kefa Mideksa

╰──⌊  @Getu_Official


🎶 Uumama Haaraa - Abrahaam Tarree - New 2025 🎸

╰──⌊  @Getu_Official




🎶 Bara Hamaa Dabarre - Yahiwenis Choir Algi EECMY Bule Hora || New 2025
🎸                                       

╰──⌊  @Getu_Official


Dhiifama Waliif Gochuun✍️

1. Hariiroo fayya qabeessa akka qabaatan nama taasisa.
2. Fayyaa sammuu namaa fooyyessa.
3. Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa.
4. Fayyaa onnee ofii ni fooyyessa.
5. Dhiphuu,yaaddoo fi mukuu ni hir'isa.
6. Ofiitti amanamumma ofii ni dabala.

Kanaaf, dhiifama gochuu yaa amaleeffannu!✍️

Galatooma 🙏

@Getu_Official


DIINNI KEE ARIITIITTI HIN JIRU!

Barreessituu beekamtuun addunyaa keenya har'aa keessatti Seenaa hojjechaa jirtu, Jooyis Meeyir (Joyce Meyer) kan jedhamtu tokko akkas jette: ''Your enemy is in no hurry! He doesn't need to win now! He just wants to win in the end!''........''Diinni kee ariitiitti hin jiru. Inni amma mo'uu hin fedhu! Dhuma irratti mo'uu barbaada!''

Jechi kun jireenya koo irratti dhiibbaa guddaa kan geggeesseedha. Iccitii diinni ittiin jireenya namoota baay'ee miidhaa jiru saaxilee, birmadummaa kan gonfachiisuudhas! dubbichi akka kana:
=> Amala Seexanaa keessaa wanti ajaa'ibsiisaan tokko isa inni baay'ee obsuudha! Abdii hin qabu; garuu abdii hin kutatu! hin dandeenye jedhee harka maratee hin taa'u, mala jijijjiiree karaa ittiin ilmaan namaa akeeka Waaqayyoo isa barabaraa keessaa baasu barbaadaa oola! Egaa akkuma olitti caqasame, diinni hin ariifatu! Har'uma qabeen har'uma Waaqayyoo wajjin diina walitti godha hin jedhu. Suuta suuta, irraa jala, waanuma gaarii fakkaatuun sitti dhufa. Wanta diinni qabatee dhufu irra isaa yeroo ilaaltu, ''Amma kun maaluma rakkoo qaba!'' si jechisiisa! keessa isaa garuu summiitu jira. Har'a yoo ilaalle ammayyummaan, addunyummaan, tekinooloojiin irri isaanii baay'ee babbareedu. Wanti isaan qabatanii achii as ba'aa jiran garuu summaa'aadha.

Namni Bilbil-sochii (Mobile) isaa irraa #Game taphatu tokko, taphuma ani al takkaa taphadhuunan mo'adha jechuu hin danda'u. Sababni isaa taphichi #Level dhaan waan taphatamuuf, #level isa 1ffaa darbee isa 2ffaa taphata. Sanumaan isa 3ffaatti ce'a.......dhuma irratti mo'ata jechuudha. Egaa Seexannis akka nama #Game taphatuuti. Har'a yeroo yaada kee argatu hiriyyaa gadheetti si hidha. Kun #Level 1 dha. Sana booda, ''namichi dhugaatii macheessu dhuga, ati immoo biruma taa'ii lallaafaa kee dhugi!'' siin jedha. Kun immoo #Level 2 dha. Achii booda, ''Tokko yoo dhugde maal si godha? Mee dhandhamuma isaa iyyuu bari!'' jedhee dhugaatii macheessu 1 qofa si dhugsiisa! Amma #level 3 kee xumurtee jirta. Yeroo biraa immoo, ''Dhugaatiin 1 hin dhugamu. Maal sodaattaa ati? Aboo lammeeffadhu! Lamatu si macheessaa?'' siin jedha. Atis dhugumaam jettee #qaa itti goota. Amma mo'amuutti baay'ee dhiyaatteetta. #Level 4 kees dabartee jirta!......utuma jettuu sadeeffachaa, arfeeffachaa deemta. Egaa akka kanaan Seexanni obsee obsee obsee......dhuma irratti si mo'ata! Agartee obsa isaa!! Dhugaatii qofa irratti miti hojimaatni kun kan hojjetu. Cubbuu kamitti iyyuu gaafa nu galchuu barbaadu, haaluma wal fakkaatuun nu mo'achuu barbaada. Waaqayyo isa haa ifatu malee!

Egaa maal haa goonuree????
✍️ Yaadota gara sammuu keenyaa dhufan hundumaa sagalee Waaqayyootiin gingilchinee dabarsuu qabna. Tarii har'a yeroo wanticha goonu rakkoo kan hin qabnee fi homaa cubbuu kan hin taane illee ta'uu danda'a. Ta'us amalli Seexanaa obsaan dhuma irratti mo'achuudha waan ta'eef, ''kun #Level 1 ta'innaa?'' Jennee xiinxaluu qabna! Seexanni ija jallinaa argachuuf hamma kana utuu abdii hin kutatin obsaan danda'a erga ta'ee, nuti warri ija qajeelummaa cirannee itti gammaduuf jirru hammam obsaan itti jabaachuu qabnaree? Hammamis abdiidhaan jiraachuu qabnaree? Seexanni hamma kana tasgabbii fi kutannoo qaba erga ta'ee nutis hammam tasgabbii fi kutannoodhaan ulfina Waaqayyoof jireenya keenya boojisiisuu qabnaree? Nu keessa humni Waaqayyummaa Waaqayyoo waan jiruuf, jireenya mo'ataa jiraachuu in dandeenya!

✍️ Giddii hin qabuu fi homaa hin jedhuun dhaloota baay'ee nyaate! Ogeessa ta'uu qabna!

Solomoon Ogeessichi akkas jedha:

" Wallaalota karaa irraa goruutu ajjeesa, gowwootas 'Giddii hin qabu' jechuutu balleessa." (Macaafa Fakkeenyaa 1: 32)

@Getu_Official


🎶 Daannoo - Dawit Morka || New 2025 🎸                                       

╰──⌊  @Getu_Official


🗣️ Seenaa Namicha Bofti Iddee

Namicha tokkotu bofti tokko utuu ibiddaan gubachaa jiruu arge. Bofa gubachaa jiru kana lubbuu isaa baraaruun qaba jedhee murteessee utuu boficha ibidda keessaa baasaa jiruu, bofichi namicha kana hidde. Namichis lubbuu isaa baraaruuf utuu tattaaffatuu bofichi ibidda keessatti deebi'ee kufe.

Namichi kuni gaddee, bofichi kuni ibidda kanatti kan kufe sababuma isaatiin jedhee bitaa fi mirga yeroo ilaalu sibiila dheeraa tokko argatee boficha ibidda keessaa baasee lubbuu isaa baraare.

Yeroo dhimmi kuni hundi ta'u namtichi ilaalaa ture tokko "bofti kuni ati lubbuu isaa baraaruuf ibidda keessaa utuu baasaa jirtuu si hiddee maalif ibidda keessaa isa baafte?" jedhee gaafate. Namichis deebisee "na hidduun isaa kuni amala summii bofichaati! amala isaa fokkuu kanaaf jedhee gaarummaa fi gara laafummaan uumamaan qabu hin jijjiiru" jedheen.

✉️ Kanaaf, namni tokko na miidhe jettee gaarummaa fi gara laafummaa uumamaan qabdu sana hin jijjiirin! Hammeenya isaa gaarummaadhaan deebisiif! Sababnis, amalli gaarummaa fi gara laafummaa namoota kabajamoo fi kabaja guddaa namaaf qaban biratti argama waan ta'eef. Jireenya keenya keessatti namoonni amala bofaa qaban hedduun nu mudachuu danda'u Waaqni summii namoota bofa ta'anii kana irraa nu haa eegu! 🙏

@Getu_Official

1k 1 2 13 16
Показано 20 последних публикаций.