Фильтр публикаций


Yesus Kristos Waaqa ta’uu isaa dubbateera?
    
🗓 #Kutaa 7ffaa

🩸 Mul’ata Yohannisii fi Ragaawwan Waaqummaa Kiristoos Iyyesuusiin Argisiisan.

📌 Jechooti Yesuus Kristos luqqisii armaan gadii keessatti argaman gara samiitti erga ol ba’ee booda kan inni dubbatedha.

• Isa duraa ti isa boodde ti


“Ani Alfaa dha Omeegaa dha, isa duraati isa booddee ti, isa jalqabaa ti is dhumaa tis” jedhe (Mul. 22:13).
“Yommuun isa arge akka nama du’ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa’ee, “Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana; inni jiraatus ana. Takka illee du’een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du’a irratti, balbala iddoo warra du’anii banu irrattis ani gooftummaa qaba(Mul. 1:17-18). Luqqisiin Kakuu Moofaa dubbii kana dubbachuu kan danda’u Waaqayyo qofa ta’uu isaa argisiisa:

💡 “Waaqayyo mootiin Israa’el inni Israa’eliin furu, Waaqayyo gooftaan maccaa, “Ani isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru; kan akka kootii eenyu? Mee achii as ba’ee of haa beeksisu, dubbatees amansiisa isaa anatti haa mul’isu! Ergan namoota warra durii uumee jalqabee, wanta ta’e, wanta dhufuuf jirus, duraan dursee haa himu!’” (Isa. 44:6-7).

• Yaada namaa fi garaa namaa kan ilaalu.


💡 “Kanaanis waldoonni kristiyaanaa hundinuu, inni yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu ana ta’uu isaa beekuuf jiru(Mul. 2:23).

📌 Kan namootaa yaada dhokataa sakatta’ee beekuu kan danda’u Waaqayyo malee eenyu ta’uu danda’a? Luqqisiin Kakuu Moofaa itti fufee jiru dubbii kana dubbachuu kan danda’u Waaqayyo qofa ta’uu isaa argisiisa.

💡“Ani Waaqayyo garaa namaa fi yaada namaa isa dhokataa qoree nan ilaala; nama hundumaafis akka akeeka isaatii fi akka ija hojii isaatiitti nan kennaaf” (Erm. 17:10).

• Nama hundumaaf akka hojii isaatiitti kan kennu.


💡 “Kunoo, ani dafee nan dhufa, gatii isa ani adduma addaan akka hojii isaatiitti namaaf kennus fidee nan dhufa” (Mul. 22:12).

💡“Ani immoo tokkon tokkon keessaniif akka hojii isaatiitti kennuufan jira” (Mul. 2:23).

📌 Gaafa guyyaa firdii isa dhumaatti nama hundumaaf akka hojii isaatiitti kennuu kan danda’u Waaqayyo malee eenyu ta’uu danda’a?

• Waaqayyo dha ofiin jedheera.


💡 “Inni teessoo irra taa’e immoo, “Kunoo, ani waan hundumaa haaraa nan godha!” jedhe; itti dabalees, “Dubbiin kun amanamaa, dhugaas waan ta’eef, kana caafi!” naan jedhe. Akkasumas, “Ta’eera! Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas, isa jaqabaa ti, isa dhumaa tis; ani isa dheeboteef burqituu bishaan isa jireenya kennuu irraa tola nan kennaaf. Inni mo’u kana itti darbee argachuuf jira; ani Waaqayyo isaa nan ta’a, innis ilma koo in ta’a” (Mul. 21:5-7).

📌 Akka luqqisii kanaatti Alfaa fi Omeegaa, kan jalqabaa fi isa dhumaa kan ta’e Waaqayyo ta’uu isaa dubbata. Mul. 22:12-13 irratti Alfaa fi Omeegaa kan jalqabaa fi dhumaa kan ta’e kun dafee akka dhufu dubbata.

📌 Boqonnaa 22:20 irratti dafee kan dhufu kun Yesuus ta’uu isaa nutti dubbatameera. Kanaafuu Alfaa fi Omeegaa kan ta’e dafee akka dhufu kan dubbate boqonnaa 21:7-8 irratti Waaqa ta’uu isaa kan dubbate Gooftaa keenya Yesus Kristos ta’uun isaa ifaa dha.

Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.


@Getu_Official


Yesus Kristos Waaqa ta’uu isaa dubbateera?
    
🗓 #Kutaa 6ffaa

🩸 Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa (kan itti fufe)

10. Guyyaa dhumaatti hundumarratti faraduuf aboo isaa kan qabaatu isa ta’uu isaa dubbachuun:

Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa’a. Yommuus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re’ootattii akka gargara fo’u, innis namoota sana gargara in fo’a. ...?”(Mat. 21:15-16).

📌 Waaqayyoo sagalee qulqullaa’aa isaa keessatti ulfina isaa enyuuf iyyuu akka hin laanne irra deddeebi’ee dubbateera (Kes. 5:6-10, Isa. 42:8). Yesuus Kristos garuu waaqeffannaa fi sagada namootaa simateera. Ulfina Waaqayyoof qofaaf malu fudhachuun Waaqa ta’uu isaa argisiiseera.
11. Gooftaa ta’uu isaa dubbachuun:

“Barsiisaa, gooftaas jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta’a. Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta’eera”(Yoh. 13:13-15).

12. Sanbata irratti gooftaa ta’uu isaa dubbachuun:

“Egaa ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha” isaaniin jedhe (Mar. 2:28).

🟣 Musliimonni hedduun Yesuus gooftummaa isaa ifatti dubbachuu isaa beekuu dhiisuu isaaniin “bakka itti gooftaadha ofiin jedhe nu argisiisaa” jechuudhaan gaafatu. Garuu Yohannis 13:13-15 irratti kan argamu yommuu itti argisiifnu xiqqo erga rifatanii booda tooftaa biraa uummatu. “Macaafa Qulqulluu keessattii namoonni gooftaa jedhamaniiru” jedhu. Garuu Yesuus gooftummaan isaa akkuma ergamtoonni isaa ittiin jedhan ta’uu isaa waan dubbateef, karaa ergamtoonni jedhaniin malee karaa mataa keenyaan hikkatti kennuu hin dandeenyu. Mata-duree kana jalatti itti fufnee akkuma arginu ergamtoonni waaqummaa Yesuus itti amanaa waan turaniif “gooftaa yommuu isaatiin jedhan waaqummaa isaa argisiisuuf malee namoonni sadarkaa guddaa qabaatan karaa ittiin gooftaa jedhamaniin kan isa waaman miti.

Yesuus Gooftaa ta’uu isaa kan dubbate karaan inni biraan sanbata irratti Gooftaa ta’uu isaa dubbachuudhaani. Kun ammoo haala falmii kaafneen Waaqummaa isaa argisiisa.

📌 Sababni isaa Sanbatni guyyaa Waaqayyoof eebbifame ta’uu isaa Macaafa Qulqulluu keessatti dubbatameera (Ba’u 31:12-17). Waaqayyo guyyaa ofii isaaf eebbifate irratti gooftaa ta’uu kan danda’u Waaqayyo matuma isaa ti.

📌 KANAAFU YESUUS KIRISTOOS WAAQAYYODHA!!

Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.


@Getu_Official


🎶 Kakuu Haaraa - Yosef Ofkala - New 2025 🎶

╰──⌊  @Getu_Official


☎️ 🌹Amaloota shamarranii keessaa kan baayee dhiirota gammachiisan keessaa muraasa....➡️ Itti fufii dubbisi!

          👇👇👇👇
  👉✨See More✨👈
  👉✨See More ✨👈
           👆👆👆👆


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram


🎶 "𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐 𝑴𝒂𝒏𝒂 𝒌𝒆𝒆 𝑱𝒊𝒓𝒂𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒏 𝒂𝒕𝒕𝒂𝒎 𝑮𝒂𝒂𝒓𝒊𝒊𝒅𝒉𝒂..."

Addisuu Qana'aa | Mana Kee Jiraachuu

╰──⌊  @Getu_Official


🎶 Yesuusiif - Dassaalenyi Duulaa - New 2025

╰──⌊  @Getu_Official


DUBBATAA KOO
Kabajamtootaaf jaallatamtoota maatii waaqayyo nagaaf araarri waaqayyoo bakka jirtanitti isiniif haa baay'atu jechaa waaqayyo na gargaare Albeema koo jalqabaa mata dureen isaa DUBBATAA KOO jedhu qabadhee dhufaa waanan jiruuf ammasitti share naaf gochuudhaan na eega. Via Bontu Kefana

https://www.facebook.com/100051729494234/posts/pfbid0qwuYGj9bxXKV2XcvooXChY15cJrutNfyenD46aVvJjNVxUb9v8McGW1kFBLMu98Hl/?app=fbl

635 1 0 12 10

🎶 "𝑫𝒖𝒌𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝒊𝒇𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒏𝒂 𝒃𝒂𝒂𝒔𝒕𝒆
𝑵𝒂 𝒈𝒖𝒅𝒅𝒊𝒔𝒕𝒆𝒆𝒕𝒕𝒂 𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂 𝒏𝒂𝒂𝒇 𝒕𝒂𝒂𝒕𝒆

𝑮𝒂𝒂𝒇𝒇𝒊𝒊 𝑯𝒊𝒏 𝒒𝒂𝒃𝒖 𝒈𝒐𝒄𝒉𝒂 𝒌𝒆𝒆 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂
𝑨𝒓𝒂𝒂𝒓𝒓𝒊 𝒌𝒂𝒏𝒌𝒆𝒆 𝒏𝒂 𝒂𝒓𝒈𝒂𝒕𝒆𝒆𝒓𝒂...."

Galata Guddaa | Kefa Mideksa

╰──⌊  @Getu_Official


🎶 Uumama Haaraa - Abrahaam Tarree - New 2025 🎸

╰──⌊  @Getu_Official




🎶 Bara Hamaa Dabarre - Yahiwenis Choir Algi EECMY Bule Hora || New 2025
🎸                                       

╰──⌊  @Getu_Official


Dhiifama Waliif Gochuun✍️

1. Hariiroo fayya qabeessa akka qabaatan nama taasisa.
2. Fayyaa sammuu namaa fooyyessa.
3. Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa.
4. Fayyaa onnee ofii ni fooyyessa.
5. Dhiphuu,yaaddoo fi mukuu ni hir'isa.
6. Ofiitti amanamumma ofii ni dabala.

Kanaaf, dhiifama gochuu yaa amaleeffannu!✍️

Galatooma 🙏

@Getu_Official


DIINNI KEE ARIITIITTI HIN JIRU!

Barreessituu beekamtuun addunyaa keenya har'aa keessatti Seenaa hojjechaa jirtu, Jooyis Meeyir (Joyce Meyer) kan jedhamtu tokko akkas jette: ''Your enemy is in no hurry! He doesn't need to win now! He just wants to win in the end!''........''Diinni kee ariitiitti hin jiru. Inni amma mo'uu hin fedhu! Dhuma irratti mo'uu barbaada!''

Jechi kun jireenya koo irratti dhiibbaa guddaa kan geggeesseedha. Iccitii diinni ittiin jireenya namoota baay'ee miidhaa jiru saaxilee, birmadummaa kan gonfachiisuudhas! dubbichi akka kana:
=> Amala Seexanaa keessaa wanti ajaa'ibsiisaan tokko isa inni baay'ee obsuudha! Abdii hin qabu; garuu abdii hin kutatu! hin dandeenye jedhee harka maratee hin taa'u, mala jijijjiiree karaa ittiin ilmaan namaa akeeka Waaqayyoo isa barabaraa keessaa baasu barbaadaa oola! Egaa akkuma olitti caqasame, diinni hin ariifatu! Har'uma qabeen har'uma Waaqayyoo wajjin diina walitti godha hin jedhu. Suuta suuta, irraa jala, waanuma gaarii fakkaatuun sitti dhufa. Wanta diinni qabatee dhufu irra isaa yeroo ilaaltu, ''Amma kun maaluma rakkoo qaba!'' si jechisiisa! keessa isaa garuu summiitu jira. Har'a yoo ilaalle ammayyummaan, addunyummaan, tekinooloojiin irri isaanii baay'ee babbareedu. Wanti isaan qabatanii achii as ba'aa jiran garuu summaa'aadha.

Namni Bilbil-sochii (Mobile) isaa irraa #Game taphatu tokko, taphuma ani al takkaa taphadhuunan mo'adha jechuu hin danda'u. Sababni isaa taphichi #Level dhaan waan taphatamuuf, #level isa 1ffaa darbee isa 2ffaa taphata. Sanumaan isa 3ffaatti ce'a.......dhuma irratti mo'ata jechuudha. Egaa Seexannis akka nama #Game taphatuuti. Har'a yeroo yaada kee argatu hiriyyaa gadheetti si hidha. Kun #Level 1 dha. Sana booda, ''namichi dhugaatii macheessu dhuga, ati immoo biruma taa'ii lallaafaa kee dhugi!'' siin jedha. Kun immoo #Level 2 dha. Achii booda, ''Tokko yoo dhugde maal si godha? Mee dhandhamuma isaa iyyuu bari!'' jedhee dhugaatii macheessu 1 qofa si dhugsiisa! Amma #level 3 kee xumurtee jirta. Yeroo biraa immoo, ''Dhugaatiin 1 hin dhugamu. Maal sodaattaa ati? Aboo lammeeffadhu! Lamatu si macheessaa?'' siin jedha. Atis dhugumaam jettee #qaa itti goota. Amma mo'amuutti baay'ee dhiyaatteetta. #Level 4 kees dabartee jirta!......utuma jettuu sadeeffachaa, arfeeffachaa deemta. Egaa akka kanaan Seexanni obsee obsee obsee......dhuma irratti si mo'ata! Agartee obsa isaa!! Dhugaatii qofa irratti miti hojimaatni kun kan hojjetu. Cubbuu kamitti iyyuu gaafa nu galchuu barbaadu, haaluma wal fakkaatuun nu mo'achuu barbaada. Waaqayyo isa haa ifatu malee!

Egaa maal haa goonuree????
✍️ Yaadota gara sammuu keenyaa dhufan hundumaa sagalee Waaqayyootiin gingilchinee dabarsuu qabna. Tarii har'a yeroo wanticha goonu rakkoo kan hin qabnee fi homaa cubbuu kan hin taane illee ta'uu danda'a. Ta'us amalli Seexanaa obsaan dhuma irratti mo'achuudha waan ta'eef, ''kun #Level 1 ta'innaa?'' Jennee xiinxaluu qabna! Seexanni ija jallinaa argachuuf hamma kana utuu abdii hin kutatin obsaan danda'a erga ta'ee, nuti warri ija qajeelummaa cirannee itti gammaduuf jirru hammam obsaan itti jabaachuu qabnaree? Hammamis abdiidhaan jiraachuu qabnaree? Seexanni hamma kana tasgabbii fi kutannoo qaba erga ta'ee nutis hammam tasgabbii fi kutannoodhaan ulfina Waaqayyoof jireenya keenya boojisiisuu qabnaree? Nu keessa humni Waaqayyummaa Waaqayyoo waan jiruuf, jireenya mo'ataa jiraachuu in dandeenya!

✍️ Giddii hin qabuu fi homaa hin jedhuun dhaloota baay'ee nyaate! Ogeessa ta'uu qabna!

Solomoon Ogeessichi akkas jedha:

" Wallaalota karaa irraa goruutu ajjeesa, gowwootas 'Giddii hin qabu' jechuutu balleessa." (Macaafa Fakkeenyaa 1: 32)

@Getu_Official


🎶 Daannoo - Dawit Morka || New 2025 🎸                                       

╰──⌊  @Getu_Official


🗣️ Seenaa Namicha Bofti Iddee

Namicha tokkotu bofti tokko utuu ibiddaan gubachaa jiruu arge. Bofa gubachaa jiru kana lubbuu isaa baraaruun qaba jedhee murteessee utuu boficha ibidda keessaa baasaa jiruu, bofichi namicha kana hidde. Namichis lubbuu isaa baraaruuf utuu tattaaffatuu bofichi ibidda keessatti deebi'ee kufe.

Namichi kuni gaddee, bofichi kuni ibidda kanatti kan kufe sababuma isaatiin jedhee bitaa fi mirga yeroo ilaalu sibiila dheeraa tokko argatee boficha ibidda keessaa baasee lubbuu isaa baraare.

Yeroo dhimmi kuni hundi ta'u namtichi ilaalaa ture tokko "bofti kuni ati lubbuu isaa baraaruuf ibidda keessaa utuu baasaa jirtuu si hiddee maalif ibidda keessaa isa baafte?" jedhee gaafate. Namichis deebisee "na hidduun isaa kuni amala summii bofichaati! amala isaa fokkuu kanaaf jedhee gaarummaa fi gara laafummaan uumamaan qabu hin jijjiiru" jedheen.

✉️ Kanaaf, namni tokko na miidhe jettee gaarummaa fi gara laafummaa uumamaan qabdu sana hin jijjiirin! Hammeenya isaa gaarummaadhaan deebisiif! Sababnis, amalli gaarummaa fi gara laafummaa namoota kabajamoo fi kabaja guddaa namaaf qaban biratti argama waan ta'eef. Jireenya keenya keessatti namoonni amala bofaa qaban hedduun nu mudachuu danda'u Waaqni summii namoota bofa ta'anii kana irraa nu haa eegu! 🙏

@Getu_Official

889 1 2 13 13

Yesus Kristos Waaqa ta’uu isaa dubbateera?
    
🗓 #Kutaa 5ffaa

🩸 Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa (kan itti fufe)
6. Namoonni maqaa isaatiin dhiifama cubbuu akka argatan dubbachuun;

💡 “Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef. Kristosichi dhiphachuuf, guyyaa sadaffaattis du’aa ka’uuf akka jiru, yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru, caafameera. Isinis dubbii kanaaf dhuga-baatuu dha” (Luq. 24:45-48).

📌 Maqaa Waaqayyoon alatti dhiifama cubbuu kan argamsiisu maqaa kan eenyuu ti?
7.Maqaa isaatiin dhukkubsatoonni akka fayyan, Seexannis akka nama keessaa ba’u dubbachuunii fi amantoonnis kana gochuu akka danda’an aboo kennuun:

“Warra naatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu; warri anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurota hamoota in baasu, afaanota haaraadhaanis in dubbatu. Bofa yoo qaban yookiis waan nama ajjeesu yoo dhugan isaan hin miidhu; harka isaaniis warra dhukkubsatan irra in kaa’u, isaanis in fayyu isaaniin jedhe. Yesus gooftaan isaanii wajjin erga dubbatee booddee, gara waaqa keessaatti ol fudhatamee mirga Waaqayyoo taa’e. Ergasii bartoonni dhaqanii iddoo halletti lallaban; gooftaan immoo isaanii wajjin hojjete, dubbichas milikkitoota argamaniin in cimse” (Mar. 16:17-20).

💡“Jarreen torbaatamii lamaanis guddaa gammadaa deebi’anii dhufanii, “Yaa gooftaa, maqaa keetiin yommuu isaan aboomne, hafuuronni hamoonni iyyuu nuuf abboomaman” jedhaniin. Yesus immoo deebisee, “Seexanni akka bakakkaa waaqa keessaa bu’uutti, utuu inni kufuun arge. Ani, kunoo, mar’ataa irra, torbaan qabaa irra, aangoo diinaa hundumaa irras ejjechuu akka dandeessaniif, gooftummaa isiniif kenneera; homtinuus isin hin miidhu. Haa ta’u iyyuu malee, hafuuronni hamoonni isiniif abboomamuu isaaniitti hin gammadinaa; maqaan keessan waaqa irratti waan caafameef, guddisaa gammadaa malee” (Luq. 10:17-20).

📌 Seexana nama keessaa baasuu fi dhukkubsatoota fayyisuu kan danda’u maqaa Waaqayyoo kana malee maqaa kamtu ta’u danda’a? Namoonni kana gochuu akka danda’aniif abboo kennuu kan danda’u Waaqayyo malee eenyuudha?
8. Ergamoota abboomuu akka danda’uu fi kan isaa ta’uu isaanii dubbachuun:

💡“Rakkina guyyoota sanaa booddee achumaan biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu; urjoonni waaqa irraa in harca’u, humnoonni bantii waaqaas in raafamu. Yommus milikkinni ilma namaa waaqa keessatti in mul’ata; yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo’uuf jiru; ilmi namaa immoo duumessoota waaqaa irra humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru. Inni ergamoota isaa waaqa irraa sagalee malakataa guddaa wajjin in erga, isaan immoo warra Waaqayyoof fo’aman qixa arfanii, andaara bantii waaqaa gar tokkoo hamma gara isa kaaniittis walitti in qabu” (Mat. 24:29-31).

📌 Waaqayyo malee qulqulloota kan ta’an ergamtoota akka tajaajilaa dhuunfaa isaatti abboomuu fi erguu kan danda’u eenyuudha?
9. Guyyaa dhumaatti kanneen du’aniin kan kaasu isuma ta’uu isaa dubbachuun:

📌 “Fedha ofii kootiii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu’e malee. Inni na erge immoo, warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani balleessu hin fedhu, guyyaa booddeetti du’aa akkan isaan kaasu fedha malee. Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti amanus hundinuu, jireenya bara baraa akka qabaatu in fedha; anis immoo guyyaa booddeetti du’aa isa nan kaasa” (Yoh. 6:38-40).

📌 Waaqayyo malee guyyaa firdiitti kanneen du’aniin kaasuu kan danda’u eenyuudha?

Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.


@Getu_Official


Maaf na Dhungattee?

✍️ Namni jaalala nama tokkoof qabu ibsachuu yoo barbaade kan inni godhu yoo jiraate ni dhungata. Dur qofa osoo hin ta'in bara keenya kanas akkasumadha. Karaan namni akka si miidhaa jiru ittiin dhokfatu keessaa inni tokko si jaalachuu, sitti siquu, haalota ati keessa jirtu qooddachuudha. Kanaaf kan sitti siqu hundi isaa iyyuu si jaalatee miti. Bofti kan sitti maramu si jaalatee osoo hin ta'in si hiddee si ajeessee sanyii kee lafa irraa balleessuufidha. Macaafa qulqulluu keessaa fudhannee yoo ilaalle Yuudaan mallattoon inni ittin dabarsee Yesuus kristoosiin  kenne dhungachuunidha. Inni ani dhaqee dhungadhu isadha jedhee mallattoo kennee adeeme. Dhaloonni haala dhokataan nama balleessan dhumni isaanii hin tolu.

Kiyyoo du'aa warri namaaf kaa'an kiyyoo sanaan akka du'an hin dagatin!
“Yihudaan kana irratti meeticha mana qulqullummaa keessatti darbatee gatee, achii adeeme, dhaqes of rarraase.”  — Mat. 27:5

Ilaa mee na dhungattee dabarsitee nan kenniin, yoon jiraadhe siif wayya kan kee hin jiraadhu kan koo malee. Ilaa mee ilaalii adda baafadhu ati iyyuu warra si wajjin jiraniin maaf na dhungatte jedhiin.
“lnni dabarsee Yesusin kennuuf ture sun milikkitaaf, "Inni ani dhungadhu isa, qabadhaa!" jaraan jedhee ture.”  — Mat. 26:48

Yoo fakkeessaaf ta'e ani homaa hin ta'u siifan sodaadhe malee. Dhaloonni seexanni yaada garaa isaanii hate du'a hin sodaatan namaafis kiyyoo du'aa dirirsu. Nuuf kan malu kiyyoo jireenyaatti malee kan du'aa mitti.
“Anaaniyaas dubbii kana yommuu dhaga'e, lafa dha'ee du'e, warri kana dhaga'an hundinuus, guddaa sodaatan.”  — HoE. 5:5
Maaf na dhungattee?
Ati yoo naan jette Kristoos akkuma na jaalate anis si jaaladheenidha.


Yesus Kristos Waaqa ta’uu isaa dubbateera?
     🗓 #Kutaa 4ffaa

🩸 Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa (kan itti fufe)

2. Duumessa Samiin kan Dhufu “Ilma Namaa” Ta’uu Isaa Dubbachuun:


Yesuus Kristos irra deddeebi’uun maqaa “ilma namaa” jedhuun yommuu fayyadamu argina ( Mar. 13:23-27, 14:60-64).
“Ilma namaa” kan jedhu iccitii moggaafama isaa kan argannu Macaafa Daani’el Raajicha 7:13-14 irrattiidha.
[“Kunoo, ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul’ataan nan arge; yommuus inni gara isa bara baay’ee dheeraa jiraate sanaa dhaqee isa duratti in dhi’eeffame. Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, gooftummaan, ulfinni, mootuumaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbineedha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti”]
🟣Akka luqqisii kanaan qaamni ilma namaa jedhame kun saba hundumaa kan bulchu, kan hin dabarre, bulchiinsa bara baraa kan qabaatuu fi mootummaa hin balleeffamne kan qabaatuudha. Waaqayyoon alatti sabni hundi kan isaaf bitamuu maluu fi mootummaa fi bulchiinsa bara baraa qabaachuu kan danda’u eenyuudha? Yesus maqaa “ilma namaa” kan jedhutti fayyadamuun isaa Waaqa foon uffatee dhufuu isaa argisiisuuf akka ture raajii kanarraa ni hubanna.

3. Wanta Waaqayyo qofti hojjechuu danda’u raawwachuudhaan:


📍Kanaaf fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u Yesuus cubbuu namaaf dhiifama gochuuf dandeettii qabaachuu isaa argiisuu isaati (Mar. 2:1-12).
Waaqayyoon alatti cubbuu kan namaaf dhiisuu danda’u eenyuudha?

3. Kabaji Waaqayyo Abbaaf kan malu hundi isaafis akka kennamuu malu dubbachuun:


“Abbaan ofii isaatii homaattuu hin faradu, firdii hundumaa harka ilma isaatti kenneera malee. Hundinuu abbaadhaaf ulfina akkuma kennanitti, ilmaafis ulfina haa kennan; ilmaaf ulfina kan hin kennine, abbaa isa ilma isaa ergeefis ulfina hin kennu” (Yoh. 5:22-23).

📍Waaqayyo Abbaa kan kabajnu isa waaqeffachuuniidha. Yesusiin ammoo akkuma Waaqayyo Abbaa kabajnuun kabajuu kan dandeenyu ulfina Waaqayyo Abbaaf kenninu hunda yommuu isaaf laannuudha.

4. Gara isaa akka kadhannuu fi innis kan kadhannu hundumaa akka nuuf raawwatu dubbachuuniidha:


“..... Abbaan ilma isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha. Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha” (Yoh. 14:12).

Yesuus kadhata nama hundumaa dhaga’uuf bakka hundumaatti argamuunii fi wanta hundumaa beekuun isarra jiraata. Wanna kadhannu hundumaa raawwachuuf ammoo hundumaa kan danda’u ta’uun isaaf mala. Waaqa tokkichaan kan hafe kadhata keenya dhaga’uun wanta kadhannu hundumaa raawwachuu kan danda’u eenyuudha? Yesuus garuu kana hundumaa raawwachuu akka danda’u nutti himeera, kanaafuu Waaqa ta’uu isaa dubbateera.

5. Bakka hundumaatti argamuu akka danda’u dubbachuun:


“.... Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama(Mat. 18:19-20).

“... Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira(Mat. 28:19-20).

Gooftaan keenya Yesuus Kristos bakka walitti qabamnu hundumaatti gidduu keenyatti argamuu kan danda’uu fi hamma dhuma baraatti nuu waliin ta’uu kan danda’u dandeettii ittiin bakka hundumaatti argamuu danda’uun qofadha. Kanaafuu Yesuus kana gochuu akka danda’u dubbachuun isaa karaa biraatiin Waaqa ta’uu isaa dubbachuu isaa ti.

🔺️
🗓 Kutaa 5ffaan Itti fufa...Halkan Gaarii Isiniif Hawweera❣️!!

Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.


@Getu_Official



Показано 20 последних публикаций.