✉️ Wantota sadan ani amma siif barreessee kana Dubbistee jennaan, jireenya kee dhiphina keessaa baastee jiraatta.
#1ffaa
Gonkumaa wanta darbe yaaddee jireenyakee hindhiphisin. Sababni isaa waan darbe darbeera. Waan deebi'ee hindhufneen jireenya kee amma jiraattu balaa irra hinbusin.oromoon "Bishaan darbe hin waraabbatan!"akkuma jedhu sana, waan darbe yaaddee sammukee kana hindhiphisin.
Isa. 43
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁸ Kanaafis Waaqayyo, "Isa durii hin yaadatinaa, wanta darbettis yaada keessan hin hidhinaa!¹⁹ Kunoo, ani wanta haaraa nan godha, inni amma iyyuu as ba'uutti jira; isin hin argitanii? Ani lafa onaa keessa karaa nan baasa, lafa duwwaa keessas bishaanota nan yaasa;
²⁰ ani saba koo warra ani fo'adhe obaasuudhaaf, lafa onaa keessaa bishaan burqisiisee, laga lafa duwwaa keessas bishaan waanan yaaseef, bineensonni caakkaa ulfina anaaf in kennu, waangonnii fi guchiiwwan na galateeffatu.²¹ Saba kana ofii kootiif uummachuun koo, akka inni na galateeffatuuf ture.
#2ffaa
Jireenya kee Isa Borii Yaaddees sammukee dhiphina keessa hin galchin. Waaqayyo gaafa si uume Eenyunuu mari'ate sin uumne. Inni ofii isaatti amanee si uume. Boriin kee isa harka jira. Akka waan Waaqayyo jireenya kee Nama dhuunfaa tokkootti kenneetti Hingaddin. Waaqayyo ofii isaatii Yaada fi akeeka guddaa siif qaba. Haadhookoo jireenya biyya lafaa ishee muraasaaf jettee "Bor akkamin ta'a!" jettee Yaaddoon abdii hin murin. Isa boriif yaadi malee hinyaadda'in. Waaqayyo akeekaan si uume;Akeekas siif qaba.
“Waa'ee boriifis hin yaadda'inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda'atao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga'a" jedhe.”
— Mat. 6:34
³¹ "Kanaafis isin 'Maal nyaanna?' yookiis 'Maal dhugna?' yookiis 'Maal uffanna?' jettanii hin yaadda'inaa! ³² Warri saba Waaqayyoo hin ta'in yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiru'o; isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka ta'an garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka.³³ Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.
#3ffaa
Jireenya kee nama kan biraa waliin wal madaalchiste jiraachuu hinyaalin. Namoonni baay'een "Akka abaluutti jiraachuu qaba" jedhanii rifeensa ofirraa buqqisaa oolu. Hadhookoo "akka abaluun sirbaan morma nama jallisa!" isa jedhan sana hindagatin. Addunyaa kanarra namni siin gadiis, Namni siin oliis hinjiru. Akka ofii keetti jiraadhu. Yeroo kana eenyummaakee isa dhugaa hubatta. Kana jechuun Gatiinkee guddaa ta'ee sitti mul'ata.
Ati nama addaa akka taatee hin dagatin. Bareeddinnikee fi simboonkee Uumama akka raajeffachisu hindagatin. Dhugaan siin jedha ati nama addaa dha. Dhiis jechoota siin jedhamu sanaan of hindhiphisin. Dhugaadha ati nama miidhaginni addaa irraa ifuudha. Safuu ya bareedina kee! Dhugaadha ati nama addaati! Isuma dhugaa jedha ati nama addaati. Ati adda!
Wantota kana sadan sirriitti yoo hojiirra oolchite ati nama guddaa taata. Jabaadhu haadhookoo!
@Getu_Official ✅