SEENAAN TOKKO TOKKO SEENAA NAMAA JIJJIIRA ✅
OBBOLAA LAKKUU LAMAAN
✉️ Obboloota lakku ta'anii baay'ee wal fakkaatantu turan. Inni tokko Amalli isaa baay'ee rakkisaadha. Dhugee kan machaa'u, Jireenya isaa gadhiisiitti kan jiraatuu fi namoota waliin kan wal lolu ture. Yeroo hedduus mana amala sirreessaatti hidhamee, reebameeras, Inni tokko immoo faallaa isaa jalqaba Amalli isaa baay'ee gaarii kan ta'eef mudaa kan hin qabne ture. Jaalala namoota hundumaas ni qaba.
✍️ Guyyaa tokko inni Amalli isaa badaa, mana dhugaatii keessatti utuu bashannanuu nama wajjin wallolee qaruuraa biiraa baatee jiruun, rukutee dhiigse. Ofiis dhiigaan makame. Qaruuraa caccabe sanaan waraanee baqatee achii gadi bahe. Poolisonniis isa hordofuu eegalan. Ariitii guddaan yemmuu mana gahu, Lakkuun isaa yookiin obboleessi garraammiin sun barnoota isaa Qo'achaa jira ture. Inni Alaa dhufe dhiigaan makameera. Sagaleen Konkolaataa poolisii duuba isaarraa dhagahamaa ture. Obboleessi inni amala gaariif mudaa hin qabne sun akkas jedheen, Obboleessa koo maaltaate maaltu si tuqe? Eenyutu si ari'aa jira jedhee obboleessa isaa gaafate, innis wanta ta'e hundumaa itti hime. Innis akkas jedheen dhiisi homaa miti; garuu kana booda hidhamuu hin qabdu jedhee uffata isaa dhiigaan makame obboleessa isaarraa baasee uffate. Dhiiga sana irraa dhiqee uffata isaa qulqulluu immoo isaaf kennee, itti uffise. Yommuu kana poolisoonni isa hordofaa turan manatti ol itti seenan. Yeroo sana mucaa balleessaa hin qabne, garuu uffata dhiigaan makame uffatee jiru qabatanii manaa bahuun gara waajjira poolisiitti isa geessan.
Akka tasaa ta'ee lubbuun gurbaa waraaname sanaas darbee waan tureef hidhaan umurii guutuu itti murteeffame. Balleessaa isaa malee adabame. Adabbii obboleessi isaa fudhachuu qabu fudhate. Namichi Hidhamuu qabu sun obboleessa isaan bilisa bahe. Innis immoo umurii isaa ishii haftetti jireenya gadhiisii jiraachaa ture dhiisee, Jireenya isa gaariif mudaa hin qabne jiraachuuf murteeffate. Hidhamuun, Reebamuun, Obboleessa isaa boqonnaa gaariif, Jireenya qajeelaa akka inni jiraatu godhe. Bir'aa malee gabiitti jiraate. Gatii balleessaa isaaf Obboleessi isaa, dabarsee firdiitti of laate.
🆗 ....Seenaan kun seenaa gooftaa keenya Yesuus na yaadachiise. Balleessaa isaa malee balleessaa keenyaaf cubbuu isaa malee cubbuu keenyaaf abaarsa tokko malee abaarsa keenyaaf isa dhiphatee itti murteeffamee fannootti ol ba'e na yaadachiise. Egaa nus kana booda isa nuuf adabameef malee ofiif hin jiraannu. Eebbifamaa 🙏
@Getu_Official ✅