Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya,
inni rakkina keessatti gargaaraa ta'uun isaa beekameera.
Kanaafis lafti yoo diddiiramte iyyuu,
tulloonnis hurgufamanii
galaana walakkaa yoo buufaman iyyuu,
nuyi hin sodaannu.
Bishaanonni isaa huursanii yoo hoomachaa'an iyyuu,
tulloonnis raafamuu isaatiin yoo roqoman iyyuu,
[Waaqayyo gooftaan maccaa nuu wajjin jira,
Waaqayyo inni kan Yaaqoob da'oo keenya!]
*3 27:1
Lagni bishaan isaa
mandara Waaqayyoo gammachiisu tokko jira,
mandarattiinis iddoo buufata aabbaa
ishee qulqullooftuu dha.
Waaqayyo ishee keessa waan jiruuf hin sochootu,
Waaqayyo ganameeffatee ishee in gargaara.
Sabni lafa irraa dheekkamanii in wacu,
mootummoonnis in socho'u;
Waaqayyo sagalee isaa in dhageessisa,
laftis in baqxi.
Waaqayyo gooftaan maccaa nuu wajjin jira,
Waaqayyo inni kan Yaaqoob da'oo keenya!
*4 Isa 33:21-22; His 47:1-12
Kottaa, wanta Waaqayyo hojjetu,
badiisa isa sodaachisaa
inni lafatti fidus ilaalaa!
Inni hamma andaara lafaatti
duulli akka dhaabatu in godha,
iddaa in cabsa, eeboos in hurreessa;
inni konkolaataa harkifamu ibiddaan in guba!
“Dhiisaa, gab jedhaa,
ani Waaqayyo akkan ta'e beekaa!
Ani saba lafa irraa gidduutti ol kaafameera;
ani biyya lafaa keessatti ol kaafameera!”
Waaqayyo gooftaan maccaa nuu wajjin jira,
Waaqayyo inni kan Yaaqoob da'oo keenya!
*9 Isa 2:4
Faarfannaa 46:1-11
@Jaala_Dhugaa