Gal. 6
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Yaa obboloota ko, namni tokko utuu itti hin yaadin cubbuu kamitti illee yoo kufe, isin warri hafuuraan geggeeffamtanii jiraattan, hafuura garraamummaatiin akka isaa duriitti isa deebisaa! Garuu isinumti iyyuu akka hin qoramnetti of eeggadhaa!
² Ba'aa walii baadhaa! Akkasittis seera Kristosin raawwattu.
³ Namni waanuma tokkoof dhimma kan hin baafne ta'ee utuu jiruu, nama dhimma baasu yoo of se'e, inni of in gowwoomsa.
⁴ Namni adduma addaan hojii ofii isaa qoree haa ilaalu! Yoos yaaduma ofii isaatii duwwaadhaan of jajuu isaa malee, namni biraa akka isa hin jajanne arguuf jira.
⁵ Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba.
⁶ Namni dubbii wangeelaa baruutti jiru, wanta gaarii ofii isaatii qabu hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa hirmatu!
⁷ Waaqayyo kan itti ga'isan miti'o, hin gowwoominaa! Namni immoo waanuma facaase in galfata.
⁸ Namni akka yaada foon isaatiitti facaasu, yaada foon isaatii sana irraa badiisa in galfata; akka yaada hafuuraatti kan facaasu immoo yaada hafuuraa irraa jireenya bara baraa in galfata.
⁹ Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii ta'e gochuutti hin laafnu!
¹⁰ Egaa akkuma fucha argannetti, kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna!
@Jaala_Dhugaa