Kiristosiin Gaafa Fudhannu Dhaloota Haaraa taanee jiraanna.
Kiristosiin jireenya keenyatti affeerree fudhachuu qabna.
[Kiristoos yeroo dubbatu]
Kiristoosiin fudhachuun yaada ofiirraa gara Waaqayyootti deebi’uu (gaabbii) fi Kiristosiin gara jireenya keenyatti akka dhufu amanuudhaan ; cubbuu keenyaaf akka dhiifama godhuu fi waan inni barbaadu akka taanu nu godhu of keessatti qabata.
Iyyasus Kiristos ilma Waaqayyoo ta'uu isaa fi cubbuu keenyaaf fannoo irratti du'uu isaa sammuudhaan walii galuun qofti gahaa miti.
Muuxannoo ykn shaakallii miiraa qabaachuunis gahaa miti.
Yesus Kiristosiin amantiidhaan feeneetu fudhachuudha.
AMMA ! AMANTEE KADHACHUUDHAAN KIRISTOSIIN FUDHACHUU NI DANDEESSA !
Kadhannaan Waaqayyoo wajjin haasa'uudha.
Waaqayyo garaa kee waan beekuuf akka ilaalcha mataakee fi dhimmoota yaada ati keessatti of ilaaltee gad of buustu keessatti callisee si hin ilaalu.
Kadhannaa armaan gadii kana kadhachuudhaan Yesusiin fudhachuu ni dandeessa :
“Gooftaa Yesus, Sin barbaada.
Cubbuu kootiif fannoo irratti du'uu keetiif galanni siif haata'u.
Balbala jireenya koo banee akka Fayyisaa fi Gooftaa kootti Si simadha.
Cubbuu koo naaf dhiistee jireenya bara baraa waan naaf kenniteef galatoomi.
Eenyummaa jireenya koo to'adhu.
Nama akkan ta’u barbaaddu na godhi.”
jedhii kadhadhu !
Kadhannaan kun fedhii garaa keetii kan ibsu yoo ta’e, ammuma kadhannaa kana kadhachuu dandeessa Kiristos akkuma waadaa gale gara jireenya kee ni dhufa.
KADHANNAAN KUN FEDHA ONNEE KEE IBSA ?
Yoo eeyyee ta'e ammuma kadhadhu ! akka waadaa isaatti Yesus Kiristos gara jireenya keetti ni dhufa waan ta'eef.
Join 👥 @Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio

📖“Kunoo, ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga'ee balala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhi'aadha, innis anaa wajjin in nyaata.”
— Mul. 3:20