Megertu Dhugasaa


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Религия


Barnoota Channel kanaan kennamu
1. Jireenya kaayyoo qabu jiraachuu
2. Barnoota Gaa'elaa
3. Dhufaatii Kristos
4.Barumsa Dargaggootaa
Yaadaaf: @Megertu_Dhugasa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Религия
Статистика
Фильтр публикаций


♊HIIKAA MACAAFA QULQULLUU

🔆Walumaagalattii Fedhii Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti Irra dedeebi'iin Mul'ate
✝️Kan Waaqayyoo qofa akka taanu barbaadu isaa
✝️Inni qofaa isaa waaqayyoo keenya ta'uu Barbaadu
✝️Inni ofiisa gidduu keenya jiraachuu barbaadudha.
"Ani Waaqayyoo keessan nan ta'a, isinis Saba koo in taatu;ani gidduu keessan nan buuffadha(Lew 21:12,mul,21:3)
⚛️SEENA MACAAFA QULQULLUU
🔆KAKUU MOOFA.
↪️Kakuun Moofaan barreeffamuu kan jalqabee (Dh,k,B,1400-1500) giduutti yommu ta'u barreessa fi raajiin inni dhumaa immo Miilkiyaas ture,Milkiyaas
↪️Miilkiyaas Macaafa isaa kan barreesse Dh,K,D 425tti.
↪️Milkiyaasiin booda Waaqayyoo raajii kamiinu ergaa isaa hin fidne.
↪️Kanaaf hangaa yesus dhufutti Waggaa 400 bara callisaa jedhame.
🔆KAKUU;Yaada walii galtee jedhu kan ibsu.
↪️Kakuun Afaan Grikiitiin,bakka lamatti qoodama.
A)Suunaatike,Kakuu gosoota walgitan Lama giduutti rawwatu.
B)Kakuu Daayitikee,Kakuu wali hin ginne lama giduutti kan raawwatu.
↪️Haata'u Malee Kakuun Macaafa Qulqulluu Daayitikeedha.
🔆KAKUU HAARA
↪️Macaafota gara jalqaba kan barreeffaman(Ergaa Yaaqoob fi Ergaa Galaatiya)Bara Araara 45-50ttii barreeffame.
↪️Macaafni Kakuu Haara inni dhumaa immoo Mul'ata Yohaannis Bara Araara 96-100 kan barreeffame.
⚛️MACAAFA QULQULLUU BARREESSUUF NAMOOTA WAAQAYYOO ITTI FAYYADAME.........

Singer Megertu official

@Kakuu_Studio
@Yerusaalem_Haaraa
@Megertu_Dhugasaa


✊ Ammas milkii itti aanuuf qophii qabaannan balballi kee banamaadha,... See More

👇👇
🚩 See More 👈
See More

👆👆

📍 Namni hundi akka ati ogeettii fi carra qabeettii taate siif hin dubbatani,... See More


🗣️ Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin hariiroo cimaa qabaachuu yoo barbaadde, atii fi hiriyaan kee amaloota armaan gadii kana fudhachuu qabdu: 💔
👇👇

https://gaggeessummaa.com/hariiroo-cimaa-qabaachuu


🗣️ Dhiirri tokko gaa'elaaf gahaa erga ta'ee booda sababoota muraasaaf gaa'elatti galuu dhiisee turuu danda'a. Gaa'elli dhiibbaa alaatiin utuu hin taane karooraa fi dhiibbaa jaalala keessaan dhufuun kan ijaaramu ta'uutu irra jiraata. Guutummaa isaa website keenya seenuun dubbisaa👇👇

https://gaggeessummaa.com/qophii-gaaelaaf-barbaachisu-2/


🗣️ Macaafni Qulqulluun Waa’ee Pornogiraafii Maal Jedha?

Kutaa Macaafa Qulqulluu Mat. 5:27-29 irratti hundaa'udhaan gabaabinaan Waa'ee pornogiraafii yaada Macaafa Qulqulluu keessa jiru waliin haa ilaallu, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” (Mat. 5:27-29)
Guutummaa isaa website keenya irraa ni argattu 👇👇

https://gaggeessummaa.com/macaafni-qulqulluun-waaee-pornogiraafii-dubbateeraa/


🗣️ Kakuun gaa’elaa guduunfaa yookiin chaappaa jaalala mirkaneessutti fakkeefamuu ni danda'a. Kakuu (waadaa)'n dubbii gati jabeessa waan ta'eef kabajuun, of eeggachuufin, utuu hin ariifatin kakachuun ba’eessa. Sababni isaas kakuun yoo eegame eebba qaba. Yoo cabe, abaarsa fida waan taheef dha. Guutummaa isaa as tuquudhaan dubbisaa,...👇👇

https://gaggeessummaa.com/kakuu-waadaa/


2 Xim 2:15

15 Ati akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeella'u hin qabneetti, akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti, Waaqayyo dura of dhaabachiisuudhaaf dhama'i!

16 Dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa'aadhaan mormu irraa fagaadhu! Inni ittuma caalchisee nama Waaqayyoo ta'uu irraa nama fageessa. 17 Dubbiin akkasii akka madaa foon nyaatee bal'achaa adeemuu ti; Himnewosii fi Filexoos warra dubbii akkasii dubbatan keessa jiru.


@Megertu_Dhugasaa


🗣️ Addunyaan keenya faallaa lamaan guutamtee jirti. Jireenyi namaa wantoota adda addaa lamaan kanaan daawwatama. Gaddaa fi gammachuu, kisaaraa fi bu'aan, gammachuu fi kolfa, yaaddoo fi boqonnaa, salphinaa fi ulfina kunneen karaa jireenyaa ilmi namaa keessa darbudha. 👇👇

https://gaggeessummaa.com/dukkana-koo-ibsita/


Pornogiraafiin Maali?

Hiika Pornogiraafii fi Yaada Qorattootaa

1. Amala fedhii saalqunnamtii kakaasu (Suura, video yookiin barreeffama) kan miira saalqunnamtii kakaasuuf yaadame agarsiisu.
2. Meeshaa (Kitaabota) fedhii saalqunnamtii agarsiisuu fi miira saalqunnamtii kakaasuuf yaadame.
3. Gochoota haala miira namaa kakaasuun argisiisuudhaan miira cimaa akka kakaasuuf yaadame. 👇👇

https://gaggeessummaa.com/pornogiraafiin-maali/


Filip3:20
Nuyi garuu nama biyya waaqa irraa ti; “Gooftaan keenya fayyisaan keenya Yesus Kristos achii nuuf dhufa” jennee eegganna*.

Ameen


Singer Megertu Official
Singer Megertu Official


Miirakee to'àdĥu! Bilchinni nama tokko kan madaalamu dandeettii miirasaa to'achuuni. Miirakee to'achuu hin dandeessu taanaan gaabbii bara baraa keessa of buusta.


Megertu Dhugasaa
Megertu Dhugasaa


Yeroo Kadhannaa Kristaanotaa

Akkam Jirtu Obboloota Kiristaanaa fi Obboloota Muslimaa: Har'a yeroo kadhannaa kristaanotaa waliin ilaalla, sababni isaas Muslimoonni tokko tokko Kiristaanummaa keessa kadhannaan (pray) kan hin jirre (waan rafan) waan itti fakkaateef. Amantoonni yookiin kiristaanonni yeroo kadhannaa hin raawwatan jechuu miti. Kiristaanonni yeroo kadhannaa (7) kan qaban yoo ta'u, Muslimoonni immoo guyyaatti yeroo (5) kadhannaa raawwatu.
Guutummaa isaa Website keenya irraa argadhaa
👇👇

https://gaggeessummaa.com/yeroo-kadhannaa-kristaanotaa/


Maaranaataa | Singer Megertu Dhugasa
👇👇
https://youtu.be/TvEydTNfO6U


Waa'ee Dhaloota Yesus Kristoos 🎆

🚩 "Waaqayyo jalqabatti samii fi lafa, itti aansuunis ifa, dukkana, bishaanota, bineensotaa, simbirrootaa fi wanta lafarra jiran hundumaa erga uumee booda namas immoo in uume.,..." Guutummaatti website kana irraa argachuu ni dandeessu. 👇👇

https://gaggeessummaa.com/waaee-dhaloota-yesus-kristoos/


Bikila Kebede - Uffee (ft. Natinael Tamene, Moti Taresa & Solomon Alemu) 2025



Singer megertu Official


✍️ "Fiigichi kaayyoo sirriif karaa sirrii irra godhamu baay'ee kan nama dadhabsiisu ta'ullee fiixan ba'uumsa gammachiisaa qaba.
Guutummaa isaa website keenya irraa argattu." 👇👇

https://gaggeessummaa.com/fiigicha-kaayyoo-sirrii/




Namaa mootiin ulfina kennuufii jaallatuuf maaltu godhama ?
--------------------------------------------------------------------------
Nama mootiin ulfina kennuufii jaallatuuf

1.uffanni mootummaa inni mootichi uffatu.
2.fardi inni mootichi yaabbatu.
3.gonfoon mootummaa inni mataa fardichaatti kaa'amu haa dhi'eeffaman !

yommus mootichi ariifadhu akkuma jette ,uffatucha ,fardichas,fudhitti yihudicha isa karra kella mana mootummaa kooti duura jiruu sanaaf akkuma jetee godhii
wanta dubbate hunduma kessas tokko illee duraa hin hir'isin ! jedhe haamaanitti in dubbate kana irratti haamaan uffatuchaa fi fardicha fidee ,uffatuchaa mordekaayitti uffisee , Karaa mandaratti isa bekama irra adeemsisee , fuula isaa dura bu'ees ,"kunoo nama mootiin ulfina kennuufii jaallatuuf kanatu godhama jedhee in labse

Asteer 6:6-11

Haamaan kan yaade ture anaa malee kan mootitii dhiyatu hin jiru jedhe ulfinnichi anafi se'ee ulfina kana hunduma dubbate garu mootichi dubbii galagalchee yihudicha balbala dura jiruf godhi jedhe isayu kan nama dhibuu tokko kessa hin hir'isin jedhee mootichii kanaf mordekayii waanuma mootichii itti hime hunda godhee.
Halleluyya
Obbolessa ko obboleeti ko waaqayyoo waa'ee ketif dubbii galagalchee
* du'a kee jirenyati
*gadda ke gammachutii
*salphina ke ulfinati
*ari'atama ke kabbajati
*bo'icha ke kolfati

siif jijjiiraa waaqayyoo inni waa'ee keef caalumma hin jennee

Ameen

@Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio


💐 Obbolootaa, imaanaa keessan nama irra kaa'uun dhuma irratti qisaasa'ummaa (kisaaraadha). Deeggarsi keenya nama irratti kan hundaa'e yoo ta'e, namni akka ulee shanbooqqoo waan ta'eef guyyaa tokko cabuun isaa hin oolu. Gaafa cabus nama waraana. Nu miidha. Waaqayyo garuu abbaa gaarii "inni amanamummaadhaan firdii qajeelaa in kenna." (Isa. 42:3). Inni dhagaa jabaa itti of amanuu qabnudha. Gaafa obomboleettiin ka'uu fi taatee hamaan uumamu, yoomiyyuu nu hin dhiisu. Harka nu qabee nu oolcha.

👇👇
https://gaggeessummaa.com/kooluu-sitti-galeera/


🤔 "Yeroo tokko tokko Waaqayyo irraa dhageenyee deemsa jalqabuun keenya akka of hin gowwoomsinetti itti yaaduu danda'uutu nutti jiraata. Akkamitti yoo jenne Waaqayyo irraa dhageenyee adeemsa jalqabuun gaarii ta'ee, garuu waanuma Waaqayyo waan goonu hundumaatti gammadu nutti fakkaata."
Guutummaa isaa website keenya irraa argattu! 👇

https://gaggeessummaa.com/fiigicha-karaatti-nama-hambisu/

Показано 20 последних публикаций.