Damma-nadhiikoo!
* * *
Yeroo tokko tokko,
sin aarsa; sin guba; sin waxala
Yeroo tokko tokko,
lubbuu keettan satat jedhee gala
Gaaf gaaf,
sin boochisa; fuullikee in orbobbaa'a
Gaaf gaaf,
halaala irraa namni ilkaankee lakkaa'a
ilkaankee yoo akkas ba'ee addaatu
kolfikee waan dhumu hinfakkaatu!
Garuu,
In kolfitas,
In qorritas!
...
Anumatu:-
Si gufachiisa; si mufachiisa
Akkasumas,
Si qanansiisa; si gammachiisa
Anumatu:-
Bor siif hin ta'u akka har'aa
Waan baay'ee argita narraa!
Gaaf gaaf, na nuffe seeta
Gaaf gaaf, nafa ‘uffee’ jetta
Haallikoo waldha'us si harkaa,
garuu,
An si nuffee hinbeeku takkaa
Lafatu na tufa;
Waaqatu na balfa
waa'eekee hin siyaasessu
Si jibbee sin burjaajessu!
Ati bar,
hirriba barii gararraa jirta
dhaqnakoo maraaf suga hirta
miirakoo olii-gad oofta
aangoo caala mi'oofta!
Duula ollaa, lola warraa keessanin si argadha
Galaana diimaa, diina diinaa caalan si abdadha!
Nama gaariikoo
Damma-nadhiikoo!
...
Garuu waantin sii himu,
waankoo an siif dhaamu,
Sirnaan beeki ana
Naa bari waan kana;
Akka nama daakaaf, galaanatti of darbatuu,
Waanin si jaaladhuufi kanin sirratti of gatu
Amalakoo hunda kan barteefii,
Waanin sirratti of gateefi
Mudaakoo,
hundakoo,
ni beekta;
kanaaf aarta
Ciminakoos,
jabinakoos,
argiteetta;
kanaaf seeqxa.
Akkasi malee hinqabu waan-addaa
Kanaafi natti gaddaa gammadda!
...
Ormi alakoo arga
Argee na bira darba
Ati natti aanta
Qullaakoo argita
Na faana jiraatta
Amalakoo barta
Rakkookoo furta
Qaaniikoo erbita
Saalfiikoo hirphita
'Tiyaatira' miti jiruun, taatoon bor jijjiiru
Amalan, waantan si dhokfadhu hinjiru!
Lafoof lafeekoo argita
Kanaaf kolfaa gaddita!
....
Ilkaankoo mul'isee, lapheekoo sin dhoksu
'Maakiveelummaa' jaalalaas sirratti hin ibsu
Ofirraan si seecca'ee miirota hin ko'oomsu
Keessakoo akka Fantaalleetti ilaalta
Ilaalchakoo baatirii malee agarta
Sitti hinta'u mukukkula gaanii keessaa
Kanaafan of ibsee si dirmammeessa
Hir'inakoo sitti agarsiisa
Hanqinakoon si barsiisa
Kun si amanuudha;
sirratti of gatuudha
Siin si aarsuu mala
Naaf garuu jaalala
baay'ee natti tola!
...
(Hin-dhumu)
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala