QOOSAAKEE...
... 😆💔😆...
"Onneen ati banaa dhiiste,
Natti boossus garaa jiistee,
Imaluukeen, qabaadhullee, akkaan madaa,
Tolaan hawwa, gammachuukee, nan gammada..."
Jechuuf ka'een, jecha bada.
Dhugumattuu...
"Kan filatte faana waari,
Bakka bu'iif haadha gaarii,
Wal bulluqsaa! Walitti ho'aa!
Wal qoraasaa, dhadhaa bahaa!
Waliin raagaa, bookas... coomas, waliin nyaachaa"
Siin jechuukoo, dhugaan eegdaa? Moo ni baacca? 😆
Moo...
"Karaan keessan dugda lukkuu!
Hiddaan dheessaa! Hidda fokkuu!"
Jedhee eebbaaf hurgufamuu?
Ati kun bar, qoosaakeetu, hin quufamu! 😆
Moo...
"Halkan ifaa! Akka qorsaa,
Ganna lataa'kka coqorsaa!
Bonas ta'aa marga baddaa.."
Siin jedhuuree? Maal qalladdaa? 😆
Abadan...
Siif hin dhaamu nagaa gaarii,
Ta'us... Sin taasisu dhagaa daarii,
Aniifi onneen, si sookka'uuf, dhabnus humna,
Cidhakeetiif, sin eebbisnu, garuu in dhufna!
🥺🥺🥺
© Aga Guda