SEENAA AJAA'IBAA KANA DUBBISAA!
==============================
➨Namticha tokkotu fardaan osoo deemuu namticha miilla lamaanuu hin qabne tokkotti dhufe. Namtichi miilla hin qabne sunis tabba ba'uu dadhabee foqoqaa ture. Abbaa fardaa argeetu, " Maaloo na bira hin darbin. Akkuma argitu kana miilli koo lachuu citaadha deemuu hin danda'u." Jedhaan. Abbaan fardaas hedduu gaddeef. Namticha miilla hin qabne kanas baatee fardarratti uddeellateetu imala eegale.
.
➨Erga takka deemanii booda, namtichi miilli citaa sunis abbaa fardaatiin akkas jedheen..., " Milli koo citaa waan ta'eef lama taanee farda kanarra taa'uun natti toluu dide. Ati miillikee fayyaa waan ta'eef xiqqoo lafa deemi; animmoo takkan kophaakoo yaabbadhaatii jedheen."
➨Abbaan fardaas duraanuu waan akka malee gaddeefii jiruuf, tole jedhee bu'ee lafa deemuu eegale. Namtichi miilla citaa sunis takka erga fardaan kophaasaa deemee booda. Gulufuu eegale. Abbaan fardaa dhaabi jedhus didee gulufee fagaatee deeme.
.
➨Abbaan fardaa sunis namtichi miilla citaa sun fardasaa fudhatee akka badaa jiru waan hubateef sagalee ol fuudhee akkas jedheen, " Farda kanallee fudhachuu fudhadhu. Waan narratti raawwatte kana garuu namatti hin himiin adaraa kee. Addunyaa kanarraa namni nama gargaaru nii dhabamaatii." Jedheen jedhama.
➨Waan gaarii hojedheen ofitti gammadee
Jiraadha gaafa jettu !
hojii rabbitti toluuf garraamummaa rabbi jaallatu hojedheen darba gaafa jettu !
Harka damma hiixatteen daaraa hammaarrattee gaafa galtuu!
Obsa akkamii naaf kenni jettanii Rabbiin kadhattu!
➨UTUU ISIN TA'EE MAAL GOOTU?
👉 GALATOOMA
╔══════════════════╗
📚JOIN:
@hard_potential📚JOIN:
@hard_potential📚JOIN:
@hard_potential╚══════════════════╝