Minilikii fi Oromoo
KUTAA 2ffaa
Minilik Oromoo fi Ummata Kibbaa irratti duulee oromoo hundumaa Kolonii ofii godhe. Minilik bara bittaa isaa keessaa gara waggaa 30 oliif oromoo waraanuudhaan dabarse. Minilik gorsaa fi gamnooma warra adiitti fayyadamee oromoo moksee horiidhaan bitee Walirratti duulchisaa ture.
De Salvaic akkas jedha:
A) Oromoon Osoo tokkummaa qabaatee, hanga galaanaatti ni moo'a ture.
B) Bara Duula Minilik Osoo Oromoota gidduutti Walmormiin hin turre ta'ee, Qawween Minilik, Eeboo fi heddummina oromoo irraa hin hafu ture.
C) Oromoon diina dagachiisee gamtaadhaan yommuu lolu orma harka Shan jaha caalu yeroo inni moo'u arguun Waanuma baramedha.
De Salvaic Qeesii kaatoolikiiti. Kaayyoon isaa Oromoo amantii Kaatoolikii fudhachiisu ture. Gareen De Salvaic waan kana jabeessee hojjechuutti ture.Minilik hojii Qeesota Faransay kana argee, osoon Qeesii akka keessan jabaatee hojjetu argadhee, Oromoo cabsuuf Qawween hin barbaachisu ture." Jechuudhaan barreesseera.
Kanarraa kan hubannu yoomiyyuu Hawwiin jaraa OROMOO CABSUU QOFAADHA.
Minilik umurii isaa guutuu Oromoo waraanaa fi Walwaraansisaa ture. Gantuu Oromoo Kan akka Goobenaa Daaccii fayyadamee Oromoo Oromoodhaan cabsee ofjala galchee oromoo Mara koloneeffate.
Koloneeffate Jechuun jechuun Ummata tokko humnaan Cabsanii, itti galanii biyya isaa irraa fudhatanii bulchiinsa isaa diiganii, Aadaa fi safuu isaa balleessanii, kan ofii bakka buufatanii, Qabeenya isaa irratti abbaa ta'anii Ummata sana roorroon bulchuudha. Minilik warra roorroo dide gootota, hayyoota oromoo gara laafina tokko male ajjeesee fixe.
Fknf: Akkaataa waraanaa Bara sanaa gazexaan Amerikanii ze Newyork times jedhamu akkaş jedhee barreessee ture.
The New York Times, Published Feb 26, 1895, The incident was described as MINILIK TRIBLE EXPEDITION:
"The tribunal says today "the recent expedition which King minilik sent against the oromo tribes, In Abysinia, selew 7000 tribesmen and captured 15,000 men."
Hiiknisaa:
Mataduree fuula shororkeessaa Minilik jedhu jalatti Guraandhala 26 bara 1895, tibbana mootiin shawaa minilik, Waraana shororkeessaa Ummata oromoo gosa Arsii 7,000 qalee 15,000 immoo booji'e. Jechuudhaan barreesse.
Minilik Ummata Arsitti yeroo 7 duulee ture. Yeroo jaha Ummata Arsiitu Nafxanyaa Moo'e. Arsiin Fuula Torbaffaa irratti mo'ame. Minilik Fuula yeroo tokkoo qofaan Oromo arşivi 12,000 akka ajjeese seenaan ni raaga. Haawwan Oromoo Harma mureee, gootota immoo harka muraa ture. İsa kanaaf seenaan Anolee ragaadha.
Egaa Waraanni Minilik yeroo jaha mo'amee wanna kana Mara yaaleera. Hoggantoonni waraanaa Habashaa warra faranjii Kan akka jeneraala raashiyaa Dajjaach Liyiontiif Jedhamanii fi warra faransaayi hedduu warra meeshaa waraanaa hammayyaa fi leenjii waraanaa hammayyaa qaban turani.
Egaa oromtichi Arsii Wanna kana Mara dura dhaabatee lolee, lubbuu ijoollee isaa Fi qabeenya ofii itti wareegee yeroo jaha Nafxanyaa moo'ee ofirraa deebisaa turee, yeroo Torbaffaa irratti mo'ame. Garuu yeroo Waraanni Minilik takkaa mo'amee, Deebi'ee of Ijaaree, Bayyanatee itti Deddeebi'u Maalif Arsichi akkuma injifateen, Waraana Minilik duukaa bu'ee hin balleessinee?
Waraanni Arsii Bara sanaa Habashoota duukaa bu'ee rukutee Masaraa isaanii balleessuuf, goottummaaf dandeettii ni qaba turee.
Garuu akka Serra Gadaa Oromootti, Ummanni Gadaa tokkoon Bulu, Daga yookiin gabalaa(territory) isaa keessaa Bokkuu qabatee Bahuu hin qabuu seera jedhutu jira. Bokkuun yoo laga ce'e ykn gabala keessaa bahe akka bokkuutti hin ilaalamu; BOKKUU SALDHEE jedhama. Arsicha seera kanatu İsa ittise malee, Akkuma moo'een Duukaa Bu'ee ni adaba turee. Oromoon immoo kan seeraa GOOROO yookiin akka Gujiitti SEERA GABALAA tume, akka gosti oromoo tokko, daangaa gosa oromoo kan biraa keessa seenee wal-hin waraanneef ture.
Gootota Arsii Barasii keessaa warreen Barabaraan yaadatamuu qaban keessaa nama maqaan QEERROO QADIIDAA jedhamuun beekamuutu ture.