Fakkeenyummaa fi Fakkeessummaa.
******** Fakkeenyummaan dhalootaafi, fakkeessummaan immoo dhalootarratti. Hiixanni gati jabeessi ijoolleen maatii isaanii irraa, barataan barsiisaa, sabni gaggeessaa isaa irraa barbaadu ta'anii argamuu fi gochaan agarsiisuu kan ta'e fakkeenyummaa dha.
Fakkeessummaan immoo, eeyyama sammuun alaa gochaa egeree dhalootaa faaludha. Fakkeenyummaa keessa dhugaatu jira; iddoo dhugaan jirutti immoo barbaachisummaa sobaa osoo hin taane, salphina isaatu lallabama. Garuu gaafa garaaf gaara bahan fakkeessummaatu goobee argama. Bakka kanatti sobni lallabamee dhugaan hacuucama, kan fakkeessu miindeffamee namni fakkeenyaa immoo kiyyeeffama.
Kun tulluu volkaanoo dhohinsa fakkeessuun ijaarame irratti. Ta'us jiga hin turu, yoo gubatus dafee daaraa ta'a. Osoo fakkeessanii gochaa fakkeenyaa akka waan hojjataniitti of ilaaluu fi akkas fakkaatanii argamuun mataan isaa iyyuu fakkeessuudha. Fakkeessummaa fi fakkeenyummaan sagalee fi birsagaan wal fakkaatanillee hiikkaan isaanii xiyya kallattii garagaraati.
Eeyyen walii adda!
Fakkeenyummaan galaa dhalootaati, fakkeessummaan immoo summii dhugaa fi farra dhalootaati.
Fakkeessaa jiraannee bu'aa jireenya keenyaa zeeroon baay'isuurra, nama fakkeenya dhalootaaf ta'u taanee du'uun bu'aadha. Maarree, fakkeessummaa balaaleffannee of taanee dhugaa waliin haa jiraannu. Yoo kun ta'e, dhugaan ol ka'ee sobni gad kufa.