#JOOBIRA... Kutaa 2ffaa
Amaloota Joobiraa baayyee nama dinqu keessaa inni kan biraa immoo Joobirri nyaata isa adamsee argate qofa nyaachuu isaati.
Joobirri lafuma jirutti nyaanni akka isaaf dhufu hin fedhu. Ykn immoo sinbirroonni biroo akka godhan bineensota du'an isa dhiyeenyatti argate hin sooratu.
Kanarra ol fageenya jirurraa gadi bu'uun adamsee nyata qulqulluu fi isa haaraa ta'e qofa soorata.
Obboleessaa atis yaa obboleettii koo! Lafa kanarratti siif ta'uu kan qabanii fi argachuufis wanti baayyee hawwitu baayyeetu jiru. Isaan kanneenis. Karaa qaxxaamuraa fi salphaa ta'een karaan itti argattu jiraachuu danda'a. Haa ta'uutii garuu itti dadhabdee, ifaajjee, tattaaffii keetin inni argatte qofti kan kee haa ta'u. Kanaan ala garuu hawwitee jarjartee inni ati argatte hundi keessa keetif nagaa akkasumas fayyaa siif kennuu dhiisuu danda'a.
Maatii Joobiraa
Joobirri isheen dhaltuun walitti dhufeenya Joobira kormaa waliin eegaluun dura qortee ilaalti.Joobirri kormaan Joobira dhaltuu waliin firoomuu ykn hiriyyummaa ishee gaafa barbaadu, akasumaan akka salphaatti isheetti dhiyaachuu ykn firoomuu hin danda'u.
Joobirri dhaltuun dandeettii joobira kormaa madaaluuf hin qorti. Akkaataan Joobirri kormaan Joobira ishee dhaltuun itti qoramus haala kanaani.
Jalqaba lameen isaaniyyuu gara lafaatti gadi bu'u. Sana booddee Joobirri dhaltuun muka kaasuun gara oliitti fagaattee ol balaliiti. Joobirra inni kormaanis duuka bu'uun gara oliitti ishee waliin balali'a. Isa dagachiisuunis mukicha isa lafaa fuutee balali'aanii turte gadi lakkisti. Inni kormaan sunis mukichi isheen gara lafaatti gadi lakkiste suni osoo lafa hin gahin ariifatee humnaaf dandeettii qabutti fayadamee mukichi osoo lafa hin xuqin qabee deebisee isheetti kenna. Itti fuftees ol fageenya dura turterraa dabaltee gara samiitti ol fagaattee mukicha gadi lakkisti. Gochi kunis sa'aatileef walitti fufuun irra deddeebitee akkasittiin Joobira kana qorti. Joobirri inni kormaanis muka yeroo kamittuu gadi lakkifamu kana osoo lafa hin gahin qilleensarratti qabuun deebisee isheetti kenna. Tasa mukicha qabuu dadhabee mukichi darbee lafatti kufe taanaan garuu dhumateef, inni abbaa ijoollee ishee ta'uu hin danda'u waan ta'eef hin ariiti.
Obboloota koo jireenya keessatti hiriyyaa gaa'eelaarraa kaasee sababa hojiitiif hiriyyoonni walitti dhufeenya waliin gootu baayyeedha. Nama baayyeenis wal barta. Waan xiqqoon kan amaname baayyeef muudama waan ta'eef dursa eenyumaan waliinuu walitti dhufeenya uumuun dura qorii ilaali sirritti. Hiriyyaa gaariin obboleessa obboleetirra caala sila ta'eef!
Joobirri takka Joobira tokkoof qofa. Joobirri tokkos Joobira takkaaf qofa. Hamma lubbuun jiranittis isaan lachanuu gara Joobira biroo hin deeman. Isaan lamaan gargar kan isaan baasu yoo jiraate du'a qofa. Jireenya isaanitis wal gargaaruun jiraatu. Joobirri dhaltuun yeroon isheen hanqaaquu buustu ykn hanqaaqxu yeroo gaheettis Inni kormaan muka baayyee ol dheeraa barbaaduun mana ijaaruufii eegala. Manni inni ijaaru kunis afaa wal irra tuulama 3 hamma 7tti qaba. Afaan inni jalqabaa muka yoo ta'u, sadarkaa lammaaffarratti immoo qoreetu irra afama. Itti fufees lafa adamooti gogaa bineensotaa argate irra afa. Xumurarrattis baalaa fi marga gara garaa irra afa. Joobirri isheen dhaltuunis hanqaaquu buusti. Isatti fufee anqaaquun tuni ho'a gahaa argattee caacutii akka yaasuuf ho'a kennuufiin gahee isaan lachuutiyyu. Wal jijjiiruun dabaree dabaree hanqaaquu tana hammachuun ho'a kennuufi. Gochi kunis hamma caacutiin yaatutti itti fufa. Caacuutiin erga yaateen booddees dabareedhaan ilmaan isaanii kana sooru.
Jooborri nyaata adamsee argate kana ijoollee isaatif fiduudhaan akkaataa nyaachuuf isaanitti toluun qopheessefi sooruun, akkasumas akkaataa itti balali'uu danda'an barsiisuun ijoollee isaatif aarsaa barbaachisu hunda kaffaluun jaalala isaa itti argisiisa.