⛪️Abdii Qabdanitti Gammadaa⛪️
📖 Rom 12:12 Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa!
† Namoota baay’eedhaan “Abdii Qabdaa” yommuu jedhan. Waan irra jiru ialaaleeti mogolee dhaba (hamilee of buusa). “abdii maaliin qaba; jireenyikoo, keessikoo kana fakkaata, anaanoo rakkinni na fixeera, anaanoo dhukkbni na fixeera” jedhanii yaadu.
† Rakkinakee hinilaaliin, wanta amma keessa jirtu sana ilaaltee abdii hin kutatiin, wanta ittiin dhaalamtee jirtu sana ilaaltee abdii hinkutiin, … ati abdii qabda! Yesuus abdii keeti!
† Namani abdii qabu rakkina ittiin dhaalamee jiru sana hinilaalu.
† Namani abdii qabu; obsa hindhabu.
† Namani abdii qabu; kadhachuuf mogoleensaa hinbu’u; yeroo hundumaa fuula Waaqayyoo dura turtee Waaqayyoon kadhatta.
† Gaafa Waaqayyoon kadhattu; abdiikee cite sun, rakkinni si marse sun ka’ee lalisuu jalqabda.
† Waaqayyoon kadhachuun, Waaqayyoon waammachuun; yeroo obsa fixatanitti, yeroo rakkattanitti, yeroo garatti goran wallaalanitti, yeroo abdii kutatanitti, … jajjabina dhugaa siif fiduu jalqaba.
† Rakkinafi isa obsa si fixachiise keessaa ba’uudhaaf; isaa ittiin dhaalamteen qabamtee socho’uuf, isa aggaammatte bira ga’uudhaaf yommuu abdii kutetti, yeroo obsa dhabdetti, yeroo sodaatte keessatti, … Yesuusiin ilaalaa gaafa kadhattu, gaafa adeemtu garuu abdiinkee in lalisa.
† Abdii warra dhabdaniif, warra fira dhabdaniif, hojjetanii warra milkaa’ina dhabdaniif Yesuus Kiristoos Abdii Keessanidha!
📖 2 Qor 4:8 Karaa hundumaa in rakkanna, garuu badduu hin baanu; waan goonu in wallaalla, garuu abdii hin kutannu.
† Rakkinni jira, arii’atamni jira, muddamni jira, … garuu ittiin hinqabamtu, garuu ittiin kuftee dhaalamtee hinhaftu, garuu ittiin cabdee badduu hinbaatu!
† Nuyi warra waan goonu wallaalla miti, warra abdii kutatus miti.
† Nuyi jiraachuuf warra abdii qabudha, hojjechuuf warra abdii qabudha, deemuudhaaf warra abdii qabudha… .
† Biyyi lafaa warri Gooftaa hinqabne yoo abdii dhabaniyyuu; nuyi Yesuus Kiristoos isa abdii nuuf kenne sana qabna. Kanaaf abdii qabna.
📖 Ibr 10:23 Inni abdii nuuf kenne amanamaa dha; kanaafis kottaa abdii keenya beeksisuutti jabaannee in qabamnaa!
† Hojjechuuf abdii qabduu? Deemuuf abdii qabduu? Fayyaan keessaan akka deebi’uuf abdii qabduu? Abdii jireenyaa sana, abdii hojjetanii milkaa’uu sana Yesuus Kiristoostu isiniif kenne.
👉 Abdii jireenya kennu isiniif dhufeera!
Ameen.