ASOOSAMA GABAABAA
💋 DHUNGOO💋
KUTAA 5⃣ffaa
DUBBISA GAARIII
...Na guggube inaafankee
Si mili'aadhun hurgufama
Akka calii jirbii fo'uu
Mirrooniiko si argachuuf
Gadoo kankef sumaaf boo'uu
Jechaa boo'een boraatikoofi firaashiikotti hiimachaa osoon jiruu
gidduutti balballi keenya darbatamee baname, uutalchaan yoon ka'u
abbaakooti. "Hanga yoonaa raaftaa? aniifi harmeenkee siin barsiisuf
barii sinbira dura kaanee akka maraataa kaanna," jedhee natti
dheekkame.
Al-tokko abbaa kiyyaan ilaale. Yaadni isaa sirriidha. Maalimmoon
balleesseree anas jaalalatu na dirqe, „garaan hiyyeessa hin qabdu‟ jedhu
mitiree !
Abbaakoo achumatti dhiisee utaalee yoon bahu intalli qofaa ishee
hancaqee alalfaachaa daandii qal'oo karra keenya jala dabartu irratti
natti dhufte. Maal abbaashee har'ahoo duran goradhe. Osoo afaankoo
hin dubbatiin miirakootu dursee gaaffikoo dhiheesseef. Dafqi funyaan irraan xab, xab na jechaa jira; intallis waa injifatamuu hin haftu akkuma
na ilaltetti goggogdee hafte.
Suuta harkashen qabe natti siqxe; mudhiisheen qabadhe, harka ishee
lamaan gatettiikorra keessee jununfatte. Ittaan siqe, funyaan keenya wal
tuuqeera hidhiin keenya wal tuquuf sentimeetara kudhan hin caalletu
hafa.
Osooma akkanaan wal sukkuumaa jirruu sagalee, "Dhaaphu!" jedhuun
dhagahee; naasunaan mil'adhe namoota lamatu fuldura keenya
dhaabbatee jira; naan nahe; garuu, ittan deeme. Amartiinkoo, "Wayyoo
Kennaako," jechaa akkan jaratti hin deemneef na kadhatte; takkaa qofa
darbadhee bira darbe, osoon faana tokko hin tarkanfatiin akkaa moyyee
na gangalchanii, akka kubbaa miillaatti na dhidhiituu eegalan.
Bakkuma sana ciisee boquukoo suuta ol qabadhee yoon ilaalu dhiigni
Ammartikoorra ammo akka Burqaa Gannaa mirgisee yaa'aa jira.
Amanuun na rakkise; namni wal jaallate murtee akka kanaa fudhachuu
qabaa? jedheen of gaafadhe. ...
ittifufaa
🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!
yaadni keessan bayyee na fayyadha kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
galatoomaa!!!
hiriyoota kesanifis #share #like godhaa!!
👇👇👇👇👇👇
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa
@Abbulaa
yaadaaf👇👇👇
@Abbulaabot
qunnamuuf👇👇