"Qarshii Hamma Barbaadde Irratti Barreeffadhu!" - Bill Gate
Guyyaa tokkodha gaazexeessituu tokkotu Dureessa Addunyaa kanaa kan ta'e Bill Gate waliin af-gaaffii (interview) gooti. Gaazexeessitittiin gaaffii ishee keessatti, "dhoksaan fiixaan ba'iinsa keessanii maalidha?" Jettee isa gaafatti.
Dureessi kunis gaazexeessituu kanatti check qullaa itti kennee, "qarshii hamma barbaadde irratti barreeffadhu" ittiin jedha. Isheenis, akka nama fedhii hin qabneetti check sana ofirraa dhiibaa, "lakki ani akkas jechuu barbaadeen miti, dhoksaan fiixaan ba'iinsa keessanii maal akka ta'e isin gaafachuu barbaadeeni" jetti.
Bill Gate ammas irra deebiin check kana itti kennee, "qarshii hamma barbaadde irratti barreeffadhu" ittiin jedha. Isheen garuu ni didde. Dureessi addunyaa kun check kana itti argisiisaa, "dhoksaan fiixaan ba'iinsa koo carraa amma akkan siin si qaqqabee kana otuu of jalaa hin gubin itti fayyadamuu koodha, dhoksaan milkaa'ina koo carraan argadhe hundaa isaatti fayyadamuu koodha. Otuu ati carraa amma siif kenne kanatti fayyadamtee, silaa yoona kana gaazexeessituu dureettii addunyaa kanaa ta'uu dandeessa ture. Ani carraa laman siif kenne. Addunyaan kun carraa lama namaaf hin kennitu, carraa tokkittii si qaqqabeen itti fayyadamuun dhoksaa fiixaan ba'umsaati" ittiin jedhe.
Bill Gate gaazexeessituu sanaaf carraa lama kennee ture isheen garuu itti hin fayyadamne. Otuu itti fayyadamtee silaa akkuma inni jedhe dureettii addunyaa kanaa taati ture. Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a Jijjiirama jireenya dinagdee keessatti wanti hundumtuu xiqqaa irraa jalqaba.
Positive mind find opportunity in everything. While negative mind find fault in everything
@Barruu_Beektotaa 📔