🗣️ Bakka Si Madaalutti Argami!
Maanguddoo tokkotu dulloomee fiixee du'aarra yoo gahu ilma isaa offitti waamee, "yaa ilma koo sa'aatii harkaa kana abbaa kootu naaf kenne isaaf immoo abbaa isaatu laateefii ture amma sa'aatiin kun gara waggaa dhibba lamaa darbeera anis ilman qabuufii waan gati jabeessa dhaalchisu si waan ta'eef siifan laadha. Garuu, dursa deemiitii manneen daldalaarra naanna'ii hangamiin akka sirraa bitan gaafadhu" jedheen. Mucichis suuqii garaa garaa irra naanna'ee gaafachuu eegale. Daldaltoonnis "sa'aatiin kun moofaadha, sanumaayyuu immoo ligidii qaba qarshii shan caalaadhaan yoo binne nuuf hin baasu" jedhaniini. Daldaltoota jijjiiree biyyaa biyyatti deemee yoo gaafatus kan gadi hir'isu malee nama ol kaasuuf dhabe. Sana booda deebi'ee abbaa isaatiin, "Abbaa koo daldaltoota hedduu suuqii qaban gaafadhee qarshii shanii oliin hin binnu jedhaniiru "jedheeni. Abbaanis "amma immoo gara god-hambaa yookiin muuziyeemii biyyoolessaa dhaqiitii gaafadhu" jedheen. Mucichis gaafa hoggantoota muuziyeemii biyyoolessaa dhaqee gaafatu qarshii miiliyoona lamaan sirraa binna jedhaniin, mucichis gammadaa gara abbaa isaatti deebi'ee, "abbaakoo kunoo reefan bakka ta'u deeme, isaan qarshii miliyoona lamaan sirraa binnaa fidi" naan jedhan jedhee itti hime,
▶️ Abbaan isaa manguddoon beekaan kunis "Egaa argitee bakka si hin madaalle yoo dhaabbatte gatii kee gadi cabsa, si salphisa; bakka si madaalu yoo oolte garuu eebba qaba; kabaja siif kenna. Kanaafuu yoo namni si cabse, si salphise hin rifatin, waan si hin beekneefi. Ati bakka si madaaluu fi nama barbaachisummaa kee beeku biratti ni kabajamta" jedhee gorse. Ati gaafa iddoo kee malee dhaabbattu rakasta malee rakasa miti.
@Barruu_Beektotaa 📔