#Dhamsa_Hayyuu.
~~~~~~~~~~~~~~~~
●1)Ati of Daangesitee Teenyaan Eenyutu Daangaa si Ceesisa ?
■2)Osoo Nama Hin Ta'in, Namaaf Ta'uun Hin Jiru.
■3)Of Beekuuf Murtoo hin Qabdu Taanaan; Of Beektees Murtoo hin Murteessitu.
■4)Barachuun Beekuu Miti. Beekuun Garuu Barachuudha.
■5)Gad-aantummaa×Hirkattummaa×of awwaaluu= Of wallaaluu. Of Wallaaluun of Awwaaluudha.
■6)Qabeenyi Bakka Malee Kufee fi Dagatame Ilma Namaati.
■7)Namni Lakkoofsa Guutuuf Dhalate hinJiru. Lakkoofsa Guutuu Ta'ee Dhalata Malee.
■8)Addunyaa keessa Jirramoo Addunyaatu nu keessa jira ?
■9)Yoo Qophaa'aa Taate Guyyaan Borii Qabeenya ati Qooddachuuf Eeggattuudha.
■10)Jaarraan kun Jaarraa Mul'ataan Injifatan Malee;Jaarraa Mufachuun Injifatanii Miti.
■11)Addunyaan Sammuu kee fi Jecha Ati Waa'ee Keef Qabdu keessa jirti.
■12)Nama Jechuun Bu'aa Yaada Isaati. Namni Waanuma yaadu Fakkaata.
■13)Barrisuu kan Dandeessu; Hanga Barrisuu Dandeessu yoo Amante Qofa.
■14)Of hin Shakkin Inni Namni Biraa si Shakku Iyyuu si Ga'aa.
💊15)Dirree Injifatamtetti Lubbuun Jiraachuu Caalaa; Dirree Injifatte keessatti Duutee Awwaalamuu Wayya.
💊16)Meeshaa Ammayyaa Caalaa; Sammuu
Injifannoo Qabaadhuutii Gara Dirree Seeni.
💊17)Tulluun Ofiin Beekee si Duraa Kufu hin jiru. Tulluun Ati Dhiibdee si Duraa Kufuu Didus hin jiru.
💊18)Sammuu Injifannoo Malee Hidhamee jiru Qabaachuun Rakkisaadha.
💊19)Sammuu Hidhamaan Addunyaa Hiikkamaa keessa Jiraachuu irra Qaamaan Hidhamanii Sammuu Hiikkamaa Qabaachuu Wayya.
💊20)Of Booda hin Ilaaliin! Borii kee Namni Siif Ilaalu hin Jiru::
📚#Pr.MIRATUU_SHAANQOO"
👉 Please 🙏#Join & #Share
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
▯▭▬▭🍃🌸🌺🍃▭▬▭▯
@Furtuu_Furmaataa @yaada_bilisaaf @Coba_Qalamaa▯▭▬▭🍃🌺🌸🍃▭▬▭▯