Dhukkubni Noviid Koronaa sodaa biyyaa keenyaa ITIYOOPHIYAA fi addunyaa ta'eera.
Dhukkubani kun rakkoo hargansuu salphaa hanga cimaaf kan nama saaxila.
namni dhukkuba kanaaf saaxilamee mallattoo inni agarsiisu :-
* ho'a qaamaa cimaa
* qufaa gogaa
*hafuura/ hargansuu dadhabuu
* qorra qorra jechuu ykn boojjachuu
* dadhabsiisuu (cimaa)
*mataa dhukkubsachuu / bowwo mataa
* jilba, hidha, ciqilee, agooda fi kkf akkasumas dhukkubbii xunchaa agarsiisa.
Namoota dhukkubni kun itti cime immoo:-
Samba michii, dhukkubbiin qaama hargansuu cimaa irratti kan mul'atu yoo ta'u kaleen hojii dhaabuu fi du'aaf nama saaxila.
Namni dhukkuba Noovid koronaa kanaan qabame yeroo haxxifatuu fi qufa'u akkasumas, xuxuqaan nannoo inni jirutti godhamuun fi xuxuqaa dhukkubichaa waliin godhamuun salphumattii daddarba.
Dhukkuba vaayirasii koronaa Kovid_19 akkamitti ofirraa ittisna?
-Yeroo hunda Harka bishaanii fi saamunaan dhiqachuu yookiin alkoolii jermii ajjeesu( saanitayzerii) fayyadamuun harka qulqulleessuu. Vaayirasichi harka namaa irra hanga daqiiqaa 10' tura. Daqiiqaa 10 keessaati ija sukkuumuu, funyaani fi afaan tutuquu dandeenya. Kun immoo vaayirasichi salphumatti gara qaama keenya keessa akka seenuf karaa bana.
-Harka osoo hin dhiqatiin ija, afaanii fi funyaan tuttuquu dhiisuu
-Nama qufa’uu fi haxxifatu irraa yoo xiqqaate hanga meetira 2 yookin tarkaanfii 2 irraa fagaachuu,
Harka walfuudhuu dhiisuu.
-Bakka namoonni itti baay’atan deemuu dhiisuu
Nyaata beeyladaa fi qurxummii irraa argamu osoo hin bilchaatiin soorachuu dhiisuu.
-Yeroo qufaasisuu fi haxxiffachiisu afaanii fi fuunyaan sooftii yookiin irree harkaa fayyadamuun haguuggachuu
-Sooftii akkuma itti fayyadamneen meeshaalee gataa balfaa qadaada qabu keessatti gatuu.
-Kutaalee keessa turtan , konkolaataa, bakka hojii balbalaa fi foddaa banuun qilleensi akka galu taasisuu, irratti hubannoon akka kennamuu gochuu.
-siinimaa fi bakka namoonni bacatan deemuurraa of qusachuu.
- gorsa ogeesotni fi ajaja mootummaan dabarsu kabajuudhaan ofii fi ummataa keessani dhukkuba kanarraa ittisaa.
* mallatooleen dgukkuba kanaa yoo nurratti mul'atee maal goona?
Ariitiin gara 6929 ykn 6335 bilisaan bilbiluun beeksisuu, deegarsa fi gorsa ogeessa argachuun ni danda'ama.
- ogeessonni deegarsa kennan hanga dhaqqabanitti ofii keessan namoota birootti akka hin dabarsine kutaa tokko keessatti of adda baasuu.
Mallatooleen dhukkubichaa mul'achuun duran guyyoota 14 dura nannoo sana turtan taanan akkasumas nama dhukkubni kun qabamuun isaa mirkanaa'e waliin walitti dhufeenya dhihoo yoo qabaattan ogeesa fayyaatiif beeksisuun ni mala.
- kutaalee fi Meeshalee itti fayyadamaa turre sirriitti qulqulleessuu/dhiquu.
* yaadachiisa.
-harka keessan yeroo dhiqqatan yoo diqqaate sekondii 20'f sukuumuu
- odeeffannoo sirrii hin taanee fi maddi isaanii dogongora ta'ee irraa ny dhaqqabuun jeeqamuu irraa of qusachuu.
-yaada fi gorsa kennamu hojii irra oolchuu.
-of eeguu malee cinqamuun furmaata hin ta'u.
* Yuunivarsiitii Arbaa Minciittii koolleejjii Fayyaa Waajjira Fayyaa Naannichaa waliin ta'uun.
@EthioBini @EthioBini_bot